15 Duuba ch'eera male biyya dura ejite, soda male garaa jabaate biyya keesa deemta.
duuba atini hojja ch'ufa Waaqa gudda jaalate, aka inni gammada sii kennu agarta.
Ee, ijoolle tiyya, Kristo keesa taa, aka yo inni mullate, nu jabaanne, Guyya inni d'ufu inch'eere.
Anini nama ch'ufa ka fulla ch'ufati Waaqa kad'atu fed'a, nama Waaqa jaalatu ka dalansufi wolmormiti male harka olqabate kad'atu.
Wonti nu ufi guddimnuufi tana: heregi keenna aka dansa nu beesisa, aka lafa tana keesa, keesuma jiddu teennaafi teesani, nu garaa tokooni d'uga Waaqi nu kenneefi eeba Waaqaatiini teenne, ammo qalbi namatiini inteenne.
Ch'ubbichi ato nami ingussine ufumaani baqata, ammo nami d'ugaa janna aka nyeench'ati.
Nama AABBO Waaqa sodaatu isaafi ijoolleeni isaaleeni fulla iti baatu qabdi.
Waaqi irre teenna, fulla nu iti d'eennu, ka hojja nu gaargala qamnu ch'ufa nu qarqaaru.
AABBO Waaqi ifsafi baafama kiyya; anini nama tokole insodaad'u. AABBO Waaqi gaargala lubbu ch'ufa duraa na baasa, anini woma insodaad'u.
Yo anini ch'ubbu hojad'e, gaargala badi tiyya, ammo ato waan dansa tolchele, d'uga inargad'u. Anini ya ch'eeri na ijeese ufi jibbaad'e.
Yo waan dansaa tolchite sila waan atini baaftu siraa fud'atani, ammo waan atini waan hamtu tolchiteefi ch'ubbuuni balbala keesa kurfo teete si eegatti. Isiini si qabachu feeti, ammo atini dabsachu malte.
Ato duuli na marsele anini insodaad'u, ato nyaapi na had'ele anini garaa jabaad'a.
Tanaafi ato lafti chochote, gaareeni d'immu baariini keesa buutele nu woma insodaannu;