16 Yo anini diquma mata olfud'ad'ele, atini aka nyeench'a na gaade, waan mama tolchite na balleesita.
Anini halkani ch'ufa aka waan nyeench'i lafe na ch'absu jiru d'ukubsad'e bohe, waan Waaqi lubbu nara fuud'u sehe.
Aka gorjama na gaade aka nyeench'a nati kurupate,
Inni waan jabdu mama ka nami dandae inhubanne, tolcha.
Nami nyeench'a itanu insodaanne injira? Nami AABBO Waaqi dubbateeni ka woi imfanne injira?
inni isanifi d'aloota keesani d'ukuba nami haguma jiru infayyinefi gaargala nami haguma jiru keesaa imbaane, isaniti buusa.
Atini maanifi na didde nyaapati na heredda? Atini na sodaachisuu feeta?
Waaqi ya dallansuuni gargari na tatarsaase, ila jibbaatiini na laale.
Tanaafi nyeench'i badda keesaa yae, worra had'e, yayini lafa gamoojiti baate worra tatarsaafte, qeeramsileeni dira keesati nama gaada. Yo worri sunini mana ufitii gabahe, gargari worra tatarsaasani; wonti akanatiifi dabi worraa gudda, bara ch'ufa worri Waaqa lakise iraa gore.
Anini worra Israelitiifi ka Yuda aka nyeench'a had'a. Anumati worra gargari tatarsaase biraa deema. Hojja anini lafa ira worra hirkisu, nami na d'owu injiru.