3 Abba Waaqafi Yeso Kristoni, Ilmi Abba, eebafi naasufi nagaya nuu kenninna; wonti kunini ch'ufti ha d'ugaafi jaalalaani teenna taatu.
Jaalalti tana: waan nu Waaqa jaalannefiiniti, ammo waan inni nu jaalate, Ilma ufi nu erge, akanaani maro huji isaatiifi daba keenna nu araaramani.
Tanaafi anini gara gumi Rumi keesa jirtu ta Waaqi jaalate nama ufi tolfateti t'aafa: Waaqa Abba keennatiifi Aabbo Yeso Kristoni nagaya isanii kennina.
Ammalle Aabbooni eeba ufi guddise naa kenne, d'ugefachaafi jaalala ta Kristo Yeso keesati teenna taate woliini.
Gara Timotheo, ilma kiyya ka d'uga d'ugefacha keesa: Waaqa Abbaafi Kristo Yesoni, Aabbooni keenna, eebafi naasufi nagaya si kenninna.
Wonti akanatiifi yo nu Kristo Yeso keesa jiraanne, qabanqaba qabachafi qabachu baannaanile haga tokotu; wonti jabduuni d'ugefacha ta jaalalaani hojattu.
Anini Jaarsi, gara Jaarti Waaqa fohatetifi ijoolle isii ta ani guddo jaalad'u t'aafa. Anini ch'allaani isani injaalad'u, ammo nami d'uga beekhu ch'ufti isani jaalata;
Dubbi d'uga ta anini si barsiise ha akheekha sii taatuuti, jabeesi, d'ugefachaafi jaalala ta maro Kristo Yesotiifi teenna taate keesa tai.
Waan anini jed'u, Guyyaani ufi agabsani ka jia afreesotiifi ka shaneesotiifi ka torbeesotiifi ka kud'anneeso garagale jila gammadafi qilit'ama worra Yudati taha; tanaafi d'ugaafi nagaya jaalad'a.