4 Daudini askarti isaa nama kuma tokofi d'ibba torba ta fardatifi ammalle nama kuma diddama ta miilaani yaatu qaba. Inni farda gaari hirkisu ka d'ibba toko gahu lakise ka ira hafe ch'ufa nanaafise.
Yoshuani akuma AABBO Waaqi isaani jed'e tolche: Fardoole worra mogolche gaari worrale gube.
AABBO Waaqi waan Yoshuani jed'e, Worra kana insodaatini, bori hojja tana anini ya worra harka Israelitini hobaase. Fardoole worra mogolcha gaari worrale guba.
Nami gari gaari ufii d'ugeefata. Ka gari fardoole ufii d'ugeefata; ammo nu maqa AABBO Waaqa keenna d'ugeefanna.
Daudini gaari isaa ka kuma tokotifi askarti isaa ta farda nama kuma torbatifi askarti miilaani yaatu nama kuma diddama qabe, farda gaari hirkisu, ka d'ibba toko gahu, lakise, ka iraa hafe ch'ufa nanaafachise.
Solomonini gaari fardi hirkisu ka kuma tokofi d'ibba afuritiifi fardoole askartini yaabatu, ta kuma kud'ani lama, wolti guure. Haga toko Yerusalemuti galche, kaani dira d'ibiti gargari qoode.
Inni farda heddu inqabaatiini, yokhaani namale lafa Misiriti erge farda imbitatiini; wonti akanatiifi AABBO Waaqi qara, deebitani, achi ind'aqina ya isaniini jed'e.
Anini haasaa worraa keesa inseenu, yokhaani kora worraale ind'aqu, waan dallansu keesa nama ijeesani taba keesa sangoole mogolchaniifi.