Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




2 Samueli 4:11 - KITAABA WAAQA

11 Ammo keessuma nama, nama woma iyyakini ka mana ufi keesa ufumaa rafu ijeese, hagasi ira wo tolchani! Amma anini haalo isaa, isani ijeese lafa ira isani balleesa!

Gade chapit la Kopi




2 Samueli 4:11
19 Referans Kwoze  

Waaqi nama gaargala keesa jiru ch'ufa inqaabata; inni boha isaani inded'u, inni nama worra dabsule haalo fuud'a.


Aka Kaini tahu himmalle; inni goli Sheet'ana tahe, oboleesa ufi ijeese. Kaini maafi isa ijeese? Maro wonti oboleesi isaa tolche qajeela taate, ta inni tolche hameenna taateefi.


AABBO Waaqa, atini Waaqa jiru, haguma duriti atini Waaqa kiyya, qulqullo, ka jiru jireenna. Ee AABBO, Waaqa kiyyafi jabeenna kiyya, atini gosa Kaldayo fohatte jabeesite, aka worri nu gaargalchu.


Duuba seeri laafe woma bahu dad'abe, d'ugaleeni badde. Ch'ubbichi nama qajeela dabse, akasiini d'uga balleesani.


(Waan isani worra sunini jettani: Waaqa keesani ka lafafi gubba inuumini kana imballeesani. Deebiani lafa keesa fulla tokoleti inargani.)


Nami dansaani dubbi nama hama gula deebiu aka maddo t'ureesani balleesani yokhaani eela had'aa iti naqani jira.


ammo Waaqi worra daba lafa keesaa balleese, nama ch'ubbule aka mukha lafa keesaa buqisa.


AABBO Waaqi ha hojja ch'ufa ch'ubbu isaani qaabatu; maqa worra suni deebie nami inqaabatiini!


AABBO Waaqi Yoabu ingaargalcha, waan inni, ka abbaani kiyya Daudini quba inqamne, worra suni fit'eefi. Inni nama lama ka woma iyyakini, ka isa ira jiru, ijeese: Abineri gudda askarti Israelitiifi Amasa gudda askarti Yuda.


Ato anini hayyu Waaqi fohate tahele, anini arra lalaafa; ilmaani Seruya tunini hamamtu, waan nami dandauniti. AABBO Waaqi worra algala kana gaargalche, gati worraa ta ch'ubbu tana kenninnafi!


Abinerini Hebronini bahe jennaani Yoabuni kobati isa fuud'e, fulla fullo geese aka waan d'ossaa iti himu fed'u, artumati garaa keesa woraane ijeese, waan inni duri oboleesa isaa Asaheli ijeesefi.


Nama nama d'ae ijeese, isale ha ijeesani.


Anini sila yoona harka olfud'ad'e d'ukuba sifi nama kanke ch'ufati buuse, lafa keesa isani balleese.


AABBO Waaqi waan lubbu qaba, ka lafa gubba jira ch'ufa balleese — nama taanaani, bineensa taanaani, waan lafa ira lohule taanaani, ammalle simpirrele taanaani. Nuhufi waan isa woliini hobolo keesa jiru ch'allati hafe.


Jennaani Waaqi waan Nuhuuni jed'e, Anini la buufad'e, aka nama ch'ufa balleesu; wonti akanatiifi lafti ya hammaatte, nami wolhad'e wolsaame, tanaafi worrafi lafale imballeesa.


Amma si abaarani, lafa d'iigi oboleesa keeti harka keetiini irati jige, isiini liqimsite, keesaa si gussani.


Atini hayyuma Saulo iraa fud'ate jennaani AABBO Waaqi waan atini worra Saulo fit'eefi amma haalo si baafachu jira. AABBO Waaqi ya hayyuma ilma kanke Absalomuti kenne, ammo atini ya badde, bada harka d'iiga.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite