Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




2Tasaloonqe 1:9 - KITAABA WAAQA

9 Worri Waaqa imbeenne suni fuula Waaqaatiifi jabeenna isaa gudda duraa kaasani gaargala haga jiru jireenna argata.

Gade chapit la Kopi




2Tasaloonqe 1:9
38 Referans Kwoze  

Duuba waan worra harka bitatiini jed'u, Na biraa bada, isani abaarsa Waaqa qabdani; gara ibida ind'aamne bada, ka Sheet'anafi malaika isaati bobeesani!


Jennaani Hamaani Suni mullate, Aabbo Yesoni hafuura afaani isaatiini isa ijeese, d'ufiisa isaa ka guddinnatiini lafaa isa balleesa.


Worra kana gara gaargala ind'umanne ergani, worra d'uga gara jireenna ind'umanne ergani.


Ammo nama daafanafi kiyyibafi hamafi nama nama ijeesufi algalaafi ka murma baafatufi ka waan harkaani boch'ani guddisuufi ka nama sobu, fullaani worraa galaana ibidaati, ka duisa lameeso.


Hojja AABBO Waaqi lafa chochoosuu d'ufu, biyyiti boolafi goda d'akhaati d'okhati, aka dallansu isaa duraa baqate, jabeennaafi guddinna isaa duraa baatu.


Eegeeni worra badi, Waaqi worra d'araa garaa worraati, fulla sila ch'eeru malani ufi saadani, waan lafa tana ch'alla heregani.


Ilmi Nama malaika ufi woliini guddinna Abbaatiini d'ufa, duuba nama ch'ufa huji isaa gula waan isaa male kennaafi.


Jennaani anini diideese worrati hima, anini fuula isani imbeekhu; na biraa fagaad'a, isani nama dabaati.


Duisafi fulla Ekheraani teetu galaana ibida keesa buusani. Galaani ibida kunini duisa lameesooti.


Ammo lafafi gubba amma jirtu tana ya olkayani, dubbuma Waaqa suniini, aka ibidaani balleesani. Inni guyya nama daba ch'ufa qorani balleesaniifi olkaye.


Ammo inni waan jed'u, Anini fulla isani baataniifi imbeekhu. Fuula kiyya dura fagaad'a, isani ch'ufti worra dabaati.


Worri hojja galu, reefa worra na dide arga. Raamooni worra nyaatu haguma jirtu indootu, ibidi worra gubu haguma jiru ind'aamu. Reefa suni nami ch'ufti ilaani jibba.


Biyyiti goda d'akha keesati d'okhati yokhaani lafa keesati boola qotatti, aka dallansu AABBO Waaqaa duraa baqatani, jabeennaafi guddinna AABBO Waaqa duraa bahani, gaafa inni lafa chochoosu d'ufu.


Biyyiti goda d'akha keesati d'okhate, yokhaani lafa keesati boola qotani aka dallansu AABBO Waaqa dura baqatani, jabeennaafi guddinna isaa duraa bahani.


Duuba hayyuuni waan tisseleeni jed'e, Harkafi miila wolti hid'a, alati baasa, ha achiti bohe ilkaani qaru.


Nami hedduuni ka qara due inkaa: ka gari jireenna ind'umanne argata, ammo ka gari ch'eera ind'umanne argata.


Worri ch'ubbichi Sioni sodaate aka hama mudame, waan jed'u, Eenuti dandae ibida wo balleesuni wolti gala? Nu nami dandae ibida suni ira hafu injira?


Akasiini Kainiini fuula AABBO Waaqa duraa kae biraa deeme, lafa Nodi ta Edeniini ilaboru tae.


Galgala suni AABBO Waaqa oobru keesa deemu d'agayani jennaani d'iirsafi niitiini isaa mukha duubati d'okhatani.


Jennaani anini barch'uma guddinna adi guddafi nama ira taule arge. Lafafi gubbaleeni isa dura baqatte, fulla d'abde.


Aka d'awa baariini jira, hujiini worraa hamtuuni aka homachaa mullati. Aka urji ch'eetu jira, Waaqi ya fulla dukana sipeti haga jira jireenna teesuma worraa mid'aase.


Nama Ilma Waaqa tuffatu, ka d'iiga wold'aqisa Waaqa ka isa qulqulleese bilaasha sehu, ka Lubbu eebaa arabsu, maal tolchani re? Gaargala isaa, aka inni hama, me herega!


Ato Guyya eeba ka nu abdannu eegannu, guyya guddinni Waaqa Guddafi Qarqaarsa keenna Yeso Kristoni mullatu.


Fuula kanke duraa na ingussini, lubbu qulqullo tantele naraa infud'atini.


Ammo moga dira, worra hamamafi falfaltufi algalaafi ka nama ijeesufi ka waan harkaani boch'ani kad'atuufi nama dubbifi hujiini kiyyibuuti jira.


Worri kunini aka eela madda inqamne jira, aka dumansa bubbeeni fuutu jira; Waaqi ya dukana sipe keesati fulla worraa mid'aase.


Yo nami, Wonti ch'ufti nagaya bad'aad'a jed'u, badiini tassa d'ufti! Nami tokoleeni duraa imbahu. Aka nad'eeni ch'iniinfatu jirti.


Eegi suni Yesoni namicha kaani Mana Waaqa keesati arge waan jed'eeni, Me ilaali, la fayyite. Iti deebite daba intolchiini, aka waan hagana ira hamtu inarganne.


Ilmi Nama aka t'aafiini jette gula dua; ammo gaargala nama Ilma Nama ijeesuti; ira dansa yo sila nami suni duri ind'alatiini.


Duuba akheekhi Ilma Nama gubbati mullata; gochiti lafa tana ch'ufti imbooti, Ilma Nama ka dumansa keesa jabeennaafi guddinnaani gadi buu argani.


Atini kara jireenna na garsiifte; yo fulla tante jiru anini gammada qaba, atini haga jiru jireenna na machesita.


Worri waan Waaqaani jed'e, Nu biraa deemi, Waaqi guddaani, maani dandae nu tolcha?


Worri waan Waaqa guddaani jed'u, Nu lakisi nu kara kanke beekhu imfeennu.


AABBO Waaqi gad'ufe; aka adu lafa Edomuti bahe, gumi isaa gaara Parani iraa iti ifse. Malaikaani qulqullooni kuma kud'ani isa woliini jirti, harka isaa ka mirga bobaa ibidati jira.


Ammo inni nama ch'ubbu tolche, ka isa didu, balleese, nama isa lakisu hobaasa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite