Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




2Tasaloonqe 1:7 - KITAABA WAAQA

7 gaargaltanile isanifi nule inqarqaara. Inni gaafa Aabbo Yesoni malaika isaa guddo woliini gubba mullatu waan kana tolcha,

Gade chapit la Kopi




2Tasaloonqe 1:7
51 Referans Kwoze  

Jennaani anini qonqo gubba baate ta, Waan kana t'aafi, Ayyaana isaa nama armaa achi huji Aabbo keesati duu jettu d'agaye! Lubbuuni waan jettu, D'uguma akasi. Worri suni huji jabdu iraa boqota, waan hujiini worraa worra gula deemtuufi.


Ilmi Nama malaika ufi woliini guddinna Abbaatiini d'ufa, duuba nama ch'ufa huji isaa gula waan isaa male kennaafi.


Anini Yesoni, ya malaika tiyya isaniti erge, aka waan kana gumiti himu. Anini hiddafi d'aloota Dauditi; anini bakalcha ganamaani ifsu.


Ato Guyya eeba ka nu abdannu eegannu, guyya guddinni Waaqa Guddafi Qarqaarsa keenna Yeso Kristoni mullatu.


Gaargali diqaani, ka yoosu hobau, ka nu qamnu kunini eegi tana guddinna hegeritiini nu d'ufa, ka gaargala suni ira jiru.


Inni imimaani ch'ufa ila worraa iraa haaqa. Iti deebie nami induu, lalefachafi boafi d'ukubsachaani injirtu. Wonti duri ya badde.


Waan nu ijoolle isaa taaneefi eeba inni ijoolle ufiiti kennu ind'aalla, ammalle Kristo woliini waan Waaqi isaa olkaye d'aalla; wonti akanatiifi yo nu Kristo woliini gaargalle guddinna isaa eegi tana qoodanna.


Guyya Ilmi Nama mullatule wonti ch'ufti akasuma taati.


Guyya Ilmi Nama guddinna ufitiini d'ufu malaika ch'ufa woliini, inni barch'uma guddinna ufi gubba tae,


Nami d'ugaafi qajeelumaani deemu nagaya argate, yo duele lubbuuni isaa boqoti.


Ammo isiini waan naani jette, Lakisi, anini akuma keetiifi akuma oboleyaani tante ta raagootatiifi akuma nama dubbi kitaaba kana keesa jiru guutu ch'ufa hojattu. Waaqa guddisi!


Jennaani malaikaani waan naani jette, Dubbini tunini ta d'ugaati, ta d'ugefachu malani. Aabbo Waaqi, ka Lubbu ufi raagoota ufiti keenne, malaika ufi erge, aka hojattu ufi waan d'iotu taha agarsiisu.


Jennaani anini barch'uma guddinna adi guddafi nama ira taule arge. Lafafi gubbaleeni isa dura baqatte, fulla d'abde.


Me ilaali, inni dumansa keesa d'ufuu jira! Nami ch'ufti isa arga, jari duri isa woraaneleeni. Gochiti lafa ch'ufa maro isaatiifi booti. Ha akasuma taatu! Amini.


ka gubbati oldeebie harka Waaqa ka mirga tae, malaikafi jabeennaafi humna gubba jiru ch'ufa fidu.


akasuma Kristole maro toko sorio baasani, aka daba nama heddu baasu. Inni maro lameesole indeebia, aka daba balleesuuniti, ammo aka worra isa eegatu baasu.


Tanaafi nu haga dandeennu jabaachu malle, aka boqota suni argannu. Nuuni tokoleeni, aka worri suni ch'aqasu dide boqota argachu dad'abe, tahu himmalle.


Tanaafi boqota gumi Waaqa injira ammalle, akuma Waaqi guyya Sabato boqote suni.


Duuba, Waaqi ya nuti kakhate, aka nu olseene isa woliini boqonnu. Tanaafi nu qorqorachu malle, aka isani tokoleeni boqota suni ind'amne.


yo obsine, isa woliini lafa finna: Yo nu isa mormanne, innileeni nu mormata;


Wonti akanatiifi Waaqi waan lafafi gubba jira ch'ufa isaani uume, waan mullatafi ka imullannelle, hayyootafi, worra irre qabuufi, ka wo mohatuufi, ka jabeenna qabu ch'ufa. Waaqi waan lafafi gubba jira ch'ufa isaafi uume, isaani uume.


Waaqa Abbaafi Aabbo Yeso Kristoni eebafi nagaya isanii kenniina.


Jari kaani waan jed'e, D'iiro, worra Galilaya, isani maafi ejaanjitani gubba ilaaltani? Yesoni kuni, ka isani bira gubbati oldeebie, akanuma eegi tana deebia, aka isani isa gubba deemu argitani kana.


Jennaani waan jed'eeni, D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Armaa achi gubba banamte, malaika Waaqa ta oli gadi yaate Ilma Nama ira buutu agartani.


Waan ch'ufa Waaqi isaani uume, wonti tokoleeni ta isa male uumamte injirtu.


Ammo Abrahamuuni waan jed'eeni, Gurba, qaabad'u, atini jireenna kanke keesati waan dansa argatte, Lazaroni waan hamtu argate; amma isa armati qorqoratani ammo atini gaargalu jirta.


Yesoni waan jed'e, Ee, Ana; ammalle Ilma Nama ka harka mirga Waaqaa tau argitani, ka dumansa gubbatiini d'ufu!


Yo nami tokoleeni anaafi dubbi tiyya dide, d'aloota hama Waaqa didu kana keesati, Ilmi Namaleeni isa indida, gaafa inni guddinna Abba ufitiini d'ufu, malaika qulqullo woliini.


Yesoni waan isaani jed'e, Atu ya jette. Ammo waan anini isaniti himu, Eegi arra, Ilma Nama ka harka mirgicha Waaqa Gudda tae, dumansa gubbatiini gadi deebiu argitani.


Jennaani malaikaani AABBO Waaqaa wod'aka gurbi keesa aka bobaa ibidaa iti mullate. Musani mukha suni ka bobau ammo ka ingubanne arge.


Aari gaara suni duuche, wonti akanatiifi AABBO Waaqi ibida keesa gaara suniti d'ufe, aari sunini aka aara boola faara iti gubani olbahe; jennaani gaari sunini aka jaba chochoe.


AABBO Waaqi ibidaani d'ufe, gaarini inni yaabatu aka bubbe utaale, inni nama iti dallane gaargalcha.


Jiddu waan afraani suni araba ibida gudda gara ch'ufa deemtuti jira. Ibidi sunini balalie bobae, araba aka angaasu oldarba.


Ato anini tae ilaalu, barch'uma hayyu ka d'ad'aabani arge. Jennaani namichi toko ka haga jiru jireenna jiru d'ufe, barch'uma suni toko ira tae. Woyaani isaa adi ch'aama, rifeensi isaaleeni woya boofta adi fakaata. Barch'uma isaa ibidati iraa bobaa, ammalle miili barch'uma suni ch'ufti ibida,


D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Jara arma ejaanju kana keesa nama haga Ilmi Nama guddinna ufitiini d'ufuti indooneti jira.


Duuba waan worra harka bitatiini jed'u, Na biraa bada, isani abaarsa Waaqa qabdani; gara ibida ind'aamne bada, ka Sheet'anafi malaika isaati bobeesani!


Tanaafi daba iraa deebia, Waaqaati fuula deefad'a, aka inni daba isani iraa d'iqu,


Hujiini nama ch'ufa Guyya Kristoni d'ufu mullatti. Ibidi Guyya suni huji nama ch'ufa imullisa. Ibidi ilaaleti jabeenna isii agarsiisa.


Kara kanaani inni garaa isani jabeese, fuula Waaqafi Abba keenna durati qit'ooftani qulqullo taatani, gaafa Aabbo Yesoni jara isa d'ugefatu ch'ufa woliini d'ufu.


Wonti nuu hafe, aka waan eegi tana d'ufa sodaannu; qorsumafi ibida gudda, ka worra Waaqa didu balleesu.


wonti akanatiifi Waaqi keenna ibida wo balleesu.


Ammo lafafi gubba amma jirtu tana ya olkayani, dubbuma Waaqa suniini, aka ibidaani balleesani. Inni guyya nama daba ch'ufa qorani balleesaniifi olkaye.


Sodomafi Gomorafi dira lafa suni ch'ufa qaabad'a! Worri dira suni waan malaikaani taate tolche, sharmut'omafi hameenna taka inargiini gula yae: Duuba gaargala ibida argate aka akasiini nama ch'ufaa gorsa tahu.


Nama ch'ufa woya adi kennaniifi, Diqo toko boqod'a jed'aniini, haga henni oboleyaani teesaniifi nama isani woliini hojatu, ka aka isani ijeesani sila ijeesani guutamuuti.


inni daad'i dalansu Waaqa d'uga, ta ato ilaafisiini mudunu dalansu isati naqani! Ammalle ibidafi qanqeeni fuula malaika qulqullofi Ilme Hoola durati isa gaargalchani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite