Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




2Tasaloonqe 1:5 - KITAABA WAAQA

5 Beesisi qorsuma Waaqa ta d'ugaa kana, maro waan kana ch'ufatiifi isani Finna Waaqa ka isani amma gaargalufiti jirtani kana ya maltani.

Gade chapit la Kopi




2Tasaloonqe 1:5
28 Referans Kwoze  

Nyaapa keesani insodaatiina; hojja ch'ufa jannooma, wonti kunini aka isani worra dabsatani agarsiifti Waaqati dabsacha isanii kenna!


garaa worra d'ugefate jabeese aka d'ugefacha keesa taani gorse waan jed'e, Nu gaargala guddaani Finna Waaqa argachu malle.


Qorsumaani isaa ta d'ugatiifi ta qajeelaati! Inni ya sharmut'iti guddo ta hameenna ufitiini lafa balleesite wollaala iti mure. Waaqi ya maro isiini tissele isaa fit'eefi gaargalche jettu.


ammo d'iirafi nad'eeni, ta taka tana duisa keesa kaasani, haga hegeri teetu, wolinfuutu.


yo obsine, isa woliini lafa finna: Yo nu isa mormanne, innileeni nu mormata;


Wonti nu hojja ch'ufa Waaqa isanii kad'annuufi tana. Nu Waaqa keenna isanii kad'anna, aka isani jireenna inni iti isani yaame argattani. Jabeenna isaatiini inni yaada dansa ka isani feetani isanii kenne huji teesani dansa ta d'ugefacha guutinna.


Waan nu ijoolle isaa taaneefi eeba inni ijoolle ufiiti kennu ind'aalla, ammalle Kristo woliini waan Waaqi isaa olkaye d'aalla; wonti akanatiifi yo nu Kristo woliini gaargalle guddinna isaa eegi tana qoodanna.


Ee Hayyu gudda, atini waan d'uga jaalate, Israeli keesa d'uga suni jabeesita; atini d'ugaafi qajeeluma lafaani d'ufte.


Jennaani anini qonqo fulla waan sorio, irati qalani ta, Aabbo Waaqa gudda! Qorsumaani tante ta d'ugaati jettu d'agaye.


Eennuti sii insodaanne Aabbo? Eennuti maqa kanke inguddimne? Si ch'allati qulqullo. Gochiti ch'ufti d'ufteti si guddiftu. Maro huji tante ta d'uga, ta nami ch'ufti arguutiifi.


Ammo isani nami gari ka sardi woya teesani int'ureesine. Isani woya adi keyatani na woliini yaatani, wonti suni ya isani malte.


Isanileeni, oboleyaani tiyya, akuma gumiini Waaqa ta Kristo, Yeso, ta Yudea keesa jirtu taate, taatani. Akuma worri lafa teesani isani gaargalche, akuma suni worrale Yahudiini


Ammalle aka Abbaa galata deebiftani qilit'amtani, ka isani qit'eese qooda waan inni gumi isati khakhate isani kennu, finna ifsa isaa keesati.


Anini ka maro anini Aabbo hojad'uufi na hid'ani, isani kad'ad'a yaamicha Waaqi isani yaame gula yaa.


Ammo garaani kanke jaba hama. Tanaafi atini qorsuma tante, ta gaafa dalansufi qorsumaani Waaqa ta d'ugaa mullattule, iti darachu jirta.


Jennaani Paulofi Barnabani garaa jabaatani waan jed'ani, Dubbi Waaqa qara isaniti hasau malani. Ammo maro isani diddani jireenna hegeri ka isanii male argachu dad'abdanifi nu gara gosa d'ibii d'anna.


Hojja ch'ufa eegad'a, kad'ad'a, aka waan d'ufa kana ch'ufa jalaa baatani, Ilma Nama dura ejaanjattani.


Amma anini, Nebukadrezani, hayyu gubbaa faarse ulfeese guddisa, hujiifi karaani isaleeni ch'ufti ka d'ugaati. Inni nama ufi guddisu ch'ufa dandae kiyyiba iraa kuta.


Nami kooru fed'u ch'ufti ha waan na beekhe na hubatufi kooruti; anini d'ugaafi qaajeeluma tolcha. Woni na gammachiisa kana. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


Wonti inni tolche ch'ufti waan d'uga ka d'ugeefatani; gorsi isaa ch'ufti waan nami d'ugeefate fud'achuu male.


aka inni gumi tante d'ugaani fide, nama nami dabsu qajeelumani bulchu.


Gubbaani aka Waaqi d'ugaatifi aka nami dubbi namaa qoru isaa, odeesiti.


AABBO Waaqi waan d'ugaa qajeeltu jaalata, jaalalti isaa ta ind'umanne lafa ch'ufa guuti.


Waaqi guddaani d'uga imballeesa? Yokhaani qajeeluma iyyaka?


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite