8 Nami jaalala inqamne Waaqa imbeekhu, waan Waaqi jaalalatiifi.
Nuleeni imbeenna, ammalle ind'ugefanna jaalala Waaqi nuu qabu. Waaqi jaalala, nami jaalalaani tau ch'ufti Waaqa keesa taa.
Ammo atini, ee AABBO Waaqa, Waaqa naasufi jaalala qabu, ka hurrise indallanne, ka hojja ch'ufa namaa nahe nama jaalatu.
Jaalaani tiyya, woljaalanna, waan jaalalti gara Waaqati d'uftuufi. Nami jaalala qabu ch'ufti ijoolle Waaqaati, Waaqale imbeekha.
Amma, oboleyaani tiyya nagayati! Waan qit'ooma barbaada; waan inni jed'u ch'aqasa; wold'aqa, nagayaani woliini taa. Yoosi Waaqi nagayaatiifi ka jaalala isani woliini taa.
Atini nuu dansa, ch'ubbule nu araaramta. Ammalle nama si kad'atu ch'ufa jaalala tante ta ind'umanne garsiifta.
Ammo naasuuni Waaqa guddo; inni guddo nu jaalata;
D'aamsi nu Ilma isaa ira d'ageenne isaniti himnu kana: Waaqi ifsa, isa keesa dukanti tokoleeni injirtu.
Tanaafi nami Kristo keesa tau sila daba intolchu; ammo nami daba tolchuma tolchu taka isa ingarre yokhaani isa imbeenne.
Nami, Anini ifsa keesa jira jed'e ammo oboleesa ufi jibbu ammalle dukana keesa jira.
Nami, Anini isa beekha jed'e, ammo seera isaa inguunne d'articha, ammalle d'ugaani isa keesa injirtu.
wonti akanatiifi Waaqi keenna ibida wo balleesu.
Maro waan kanatifi ijoolle Waaqatiifi ijoolleeni Sheet'ana gargari gorti: nami d'uga intolchine yokhaani ka oboleesa ufi injaalanne ch'ufti ka Waaqaatiiniti.