Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Yohona 4:12 - KITAABA WAAQA

12 Nami taka Waaqa arge injiru; yo nu woljaalanne Waaqi nu keesa jira, jaalalti isaa nu keesati qit'oomti.

Gade chapit la Kopi




1 Yohona 4:12
14 Referans Kwoze  

Nami tokoleeni taka Waaqa ingarre, Ilma tokocha, ka Abbaani takaa, ka d'aatu Abbaa tau male, isati Waaqa nama beesise.


Ammo nami dubbi isaa guutu ch'ufti ya akuma d'uga qit'eese Waaqa jaalate. Maro waan kanatifi nu imbeenna aka nu Waaqa keesa jirru:


Nami indoone isa ch'alla; inni ifsa nami iti d'ufu indandeenne keesa taa. Nami tokoleeni taka isa ingarre, tokoleeni dandae isa inargu. Ulfinnafi jabeenni ka isaa tahinna, haga hegeri! Amini.


Yo nami, Anini Waaqa jaalad'a ufiini jed'e, ammo oboleesa ufi jibbe, inni kiyyiba. Inni dandae Waaqa ka ilaani ingarre injaalatu, eegi oboleesa ufi ka ilaani argu injaalanne.


Nami seera Waaqa gula deemu ch'ufti Waaqa keesa jira, Waaqileeni isa keesa jira. Kara kanaani aka Waaqi nu keesa jiru beenna, waan inni Lubbu ufi nuu kenneefi.


Anini fuula kiyya si ingarsiisu, wonti akanatiifi nami fuula kiyya arge jiraatu injiru.


Ammo nu ka Waaqaati. Nami Waaqa beekhu ch'ufti nu ch'aqasa; ka Waaqa imbeenne nu inch'aqasu. Kara kanaani lubbu d'ugatiifi lubbu d'ara gargari beenna.


Gara Hayyu haga hegeri tau, ka indoonefi ka imullanne, Waaqa tokocha, guddinnaafi ulfinni ha isaa tahu, ammafi hegerile! Amini.


Tanaafi anini yo isaani dubbad'u mammaasaani woiti inhimu, ammo diideese afaanuma kiyyaani iti hima. Inni ya iluma ufitiini aka anini jiru arge. Isani akami re hojatu tiyya Musa hameenna isaa dubbatani?


Yakobooni fulla suni Penieli maqa baase waan jed'e, Ya Waaqaani fuula keesa wolargine iraa hafe.


D'ugefachaani Musani kae, lafa Misiri keesaa deeme, dalansu hayyu sodaachu dide. Inni iti deebiu dide, aka waan Waaqa ka imullanne argu.


Duuba ammatana wonti kunini sadeenu inteeti: d'ugefachaafi abdifi jaalala; ammo ta waan ch'ufa ira jirtu jaalala.


Nuleeni imbeenna, ammalle ind'ugefanna jaalala Waaqi nuu qabu. Waaqi jaalala, nami jaalalaani tau ch'ufti Waaqa keesa taa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite