8 Nami daba tolchu ka Sheet'anaati, waan Sheet'ani haguma duriiti daba tolchuufi. Ilmi Waaqaa aka huji Sheet'ana dabsatuufi d'ufe.
Waan ijoolleeni suni nama nafafi d'iiga qabu taateefi, Yesoleeni aka worraa tahe nafa argate. Wonti inni akasi tolcheefi, aka duisa isatiini Sheet'ana, ka duisa ira jabeenna qabu dabsatu.
Abbaani keesani Sheet'ana, ammalle d'araa abba keesani tolchu feetani. Inni haguma duriiti nama ijeesa, d'ugale woma ira inqabu, waan d'ugaani isa keesa injirreefi. Yo inni d'ara dubbate akuma ufi dubbata; wonti akanatiifi inni kiyyiba, abba d'araati.
Maskali gubbati Kristoni jabeenna mohachafi irre gubba balleese, waan suni ch'ufa aka waan duuli boojie galche diidati nama agarsiise.
Duuba Waaqi, ka nagaya nuu kennu, d'iotu Sheet'ana miila keesani jalati ch'arasa. Eebiti Aabbo Yeso isani woliini jiraatinna.
aka Waaqi wollaala namati muru, waan hayyu lafa tana wollaala iti muraniifi.
Ammatana qorsumaati lafa tana jira; ammatana gudda lafa tana balleesani.
Waaqi malaika duri daba tolchite akanumati illakimne, ammo boola ibaditi gate duuba achiti haada sibiilatiini hid'ani, dukana keesati qorsuma eegati.
iye waan jed'e, Atini maani nura qabda, Yeso Nazareti? Nu balleesu d'ufte? Anini si beekha, atini Qulqullo Waaqaati.
Hojja suni kara lafa ka daba gula yaatani, hayyu jabeenna ka qilleensa ch'aqaftani, ka lubbu amma worra Waaqa inch'aqamne mohatu.
Guyya suni Waaqi goraade jabdu aka male qara qabduni goorjama Lewiathani jed'ani, ka bisaani keesati galu, ka ufi garagalche aka bofa lohu, gaargalcha.
Inni waan jed'eeni, Anini Sheet'ana aka angaasu gubba gadi buu arge.
Maro waan kanatifi ijoolle Waaqatiifi ijoolleeni Sheet'ana gargari gorti: nami d'uga intolchine yokhaani ka oboleesa ufi injaalanne ch'ufti ka Waaqaatiiniti.
oobruuni lafa tana; mid'aani dansaani ilmaani Finna Waaqati; raafuuni ilmaani Hama Kaani;
Jennaani Sheet'ana, ka worra sobe, galaana ibida keesa buusani, fulla bineensafi raaga d'ara qara buusani, halkani guyya haga hegeri worra gaargalchani.
Nu imbeenna aka nu ka Waaqa ammalle aka lafti ch'ufti harka Hama Kaani keesa jirtu.
Isani imbeetani, Kristoni aka daba ch'ufa fud'atuufi d'ufe, ammo dabi isa keesa injiru.
Nama maqa isaa kitaaba worra jiru keesati int'aafiini ch'ufa galaana ibida keesa buusani.
Malaikoota fulla ufi lakifte fulla isi himmalini yaate qaabad'a. Waaqi worra ya haga jiru jireenna haada sibiilatiini dukana lafa jala keesati hid'e aka guyya jaba ka wollaala iti murani eegattu.
Anini siifi niiti tana nyaapa wolti tolche, d'alooti keesanileeni woli jibba. D'alooti isii mata si ch'arase, atileeni hirba worraa nyaatta.
Sheet'ani d'ufe waan jed'eeni, Yo atini Ilma Waaqa taate, d'akha kanaani, Qit'a tahi jed'i.
Ammo yo anini Lubbu Waaqatiini jinni baase, yo suni Finni Waaqa ya d'iaate.
Nami tokoleeni dandae aka aadaani teenna d'ossa qabdu imormu! Inni nafa namatiini d'ufe, aka inni qajeela Lubbuuni himte, malaikaleeni isa agarte. Gosa ch'ufati waan isaa odeesani, lafa keesati isa d'ugefatani, guddinnaani gubbati olfuud'ani.
yo akasi tolche, maro heddu haga lafa uumani sila gaargala. Ammo ammatana inni ya maro tokotu mullate, ka d'alooti ch'ufti diquma inhobaiini, aka sorio nafa ufitiini daba balleesu.
Jireenni kunini mullannaani argine; tanaafi waan isaa dubbanna, ammalle waan jireenna hegeri ka Abba woliini jiru, ka nu beesisani, isaniti himna.
Jennaani Musani bofa sibiila diima iraa mid'aase mukhati fannise aka sila, nami bofi nyaate ch'ufti bofa sibiila suni millate fayyu.