Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Yohona 3:1 - KITAABA WAAQA

1 Haga Abbaani nuu jaalate ilaala! Jaalati isaa waan guddo, tanaafi ijoolle isaa nuuni jed'ani, nuleeni akasuma. Wonti nami lafa nu imbeenneefi waan Waaqale imbeenne.

Gade chapit la Kopi




1 Yohona 3:1
33 Referans Kwoze  

Ammo nama isa fud'ate maqa isaa d'ugefate ch'ufa inni jabeenna kenne, aka ijoolle Waaqaa tahani.


Wonti akanatiifi maro d'ugefachatiifi isani Yeso Kristo keesa ilmaani Waaqa taatani.


Anini abba keesani tahe, isani ilmaani tiyya ta d'iiratifi ta dubra taatani, Aabbo Guddaani akana jed'a.


Ee Aabbo d'uga, nami lafa qara si imbeekhu, ammo anini si beekha, jari kunileeni aka atini na ergite beekha.


Wonti akanatiifi Waaqi guddo lafa jaalate, tanaafi Ilma ufi tokocha namaa kenne, aka nami isa d'ugefatu tokoleeni imbanne, ammo jireenna hegeri argatu.


Nami dabsatu waan kana nara argata: Anati Waaqa isaa tahe, inni ilma kiyya taha.


Ammo Waaqi ya jaalala ufi nu agarsiise; ato nu daba keesa jirru Kristoni nuu jed'e due!


Yo isani ka Kristo taatani, isani d'aloota Abrahamuti, waan Waaqi kakhate inargattani.


Inni Ilma ufile nu ind'owanne, ammo nu ch'ufaa baase! Inni ka Ilma ufi nuu kenne, waan nu feenu ch'ufa tolaani nuu inkennu?


Waan kana maro naafi Abba imbeenneefi isani tolchani.


Wonti akanatiifi isani qara ya dootani, jireenna keesani Kristo woliini ya Waaqa keesati d'ossani.


Aka wonti kunini ingahiini atini ammalle waan hagasi ira jirani nu tolchuu jirta, ee AABBO Waaqa; atini yayu waan d'aloota kiyya ka d'ufu kakhate, ee AABBO Waaqa karaani atini nama wo tolchitu kanuma?


uumama ch'ufaa guyya toko tissooma shama keesaa baasani, balchooma dansa ka ilmaani Waaqa qabdu argata.


AABBO Waaqi waan jed'u, Israeli anini ilma isani tolfad'e, lafa dansa lafa ch'ufa iraa mid'aadu isanii kennu fed'e. Ammalle waan isani aabbo nani jettanifi waan isani deebitani naraa gortani inseenne.


Wonti atini nama si sodaatu olkeete akami dansa! Nami ch'ufti aka atini dansa imbeekha, aka atini nama si d'ugeefatu jabeesite qorqorattule.


Ammo ato akasile taate, worri Israeli hore aka maansa baariini lafa ira dabra, ka nami dandae inhenne. Qara Waaqi, Isani nama kiyyaniti jed'eeni, ammo guyyaani ind'ufa, ka inni, Ilmaani Waaqa jiru jed'uuni.


Isani ilmaani AABBO Waaqa keesaniti; tanaafi hojja nama due bootani, ufi imurina, yokhaani mata dura inhaadatina.


Worri aka malaika jira, deebiani induani. Worri ijoolle Waaqati, waan duisa keesaa kaasaniifi.


Inni gosa Yahudi ch'allaa induu, ammo aka gumi Waaqaa ta gargari firfirfamte wolti deebise taka tolchuufi dua.


Ammo waan kana ch'ufa maro maqa kiyyatiifi isani tolchani, waan nama na erge imbeenneefi.


Uumami ch'ufti haga Waaqi ilmaani ufi mullisuuti abdi guddooni eega.


Jaallani tiyya, nu amma ijoolle Waaqati, ammo ammalle waan iti yaanu aka dansa imbeennu. Ammo waan kana imbeenna: Yo Kristoni mullate nu aka isaa taana waan nu aka inni jiru arginufi.


Maro waan kanatifi ijoolle Waaqatiifi ijoolleeni Sheet'ana gargari gorti: nami d'uga intolchine yokhaani ka oboleesa ufi injaalanne ch'ufti ka Waaqaatiiniti.


Maro waan kanatifi jaalalti nuu qit'oofti, aka nu Guyya Qorsuma woma insodaanne, maro jireenni keenna lafa tana keesa aka ka Kristo jiruufi.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite