4 Nami, Anini isa beekha jed'e, ammo seera isaa inguunne d'articha, ammalle d'ugaani isa keesa injirtu.
Yo nu Waaqaani wold'aqisa qamna jenne, ammo dukana keesa yaane, nu d'ara dubbanne d'ugaani nu keesa injirtu.
Waaqa beenna ufiini jed'ani, ammo hujiini worraa ind'areesiti. Worri nama jibbani, namale inch'aqasu, waan dansa tokole dandae intolchu.
Yo, Nu daba inqamnu jenne, ufi somne, d'ugaani nu keesa injirtu.
Yo nami, Anini Waaqa jaalad'a ufiini jed'e, ammo oboleesa ufi jibbe, inni kiyyiba. Inni dandae Waaqa ka ilaani ingarre injaalatu, eegi oboleesa ufi ka ilaani argu injaalanne.
Nami, Anini ifsa keesa jira jed'e ammo oboleesa ufi jibbu ammalle dukana keesa jira.
Yo, Nu daba intolchine jenne, isa d'areesina, dubbini isaleeni nu keesa injirtu.
Abbaani keesani Sheet'ana, ammalle d'araa abba keesani tolchu feetani. Inni haguma duriiti nama ijeesa, d'ugale woma ira inqabu, waan d'ugaani isa keesa injirreefi. Yo inni d'ara dubbate akuma ufi dubbata; wonti akanatiifi inni kiyyiba, abba d'araati.
Wonti akanatiifi nama hedduti jira, ka dubbi ch'aqasu dide dubbi d'aratiini nama sobu, keesuma worri aada Yahudi iti galefaani.
Aka Waaqa beennu yo seera isaa guunne beenna.
Tanaafi nami Kristo keesa tau sila daba intolchu; ammo nami daba tolchuma tolchu taka isa ingarre yokhaani isa imbeenne.
Jaalaani tiyya, woljaalanna, waan jaalalti gara Waaqati d'uftuufi. Nami jaalala qabu ch'ufti ijoolle Waaqaati, Waaqale imbeekha.