Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Yohona 2:1 - KITAABA WAAQA

1 Ijoolle tiyya, anini waan kana isanii t'aafa, aka isani daba intolchine; ammo yo nami daba tolche, nu Yeso Kristo ka d'uga qamna, ka Abba nu kad'atu.

Gade chapit la Kopi




1 Yohona 2:1
47 Referans Kwoze  

Wonti akanatiifi Waaqa toko ch'allati jira, ammalle ka Waaqafi nama woltiini d'ufu namicha toko, ka Kristo Yeso jed'ani,


Eentu dandae wollaala worrati mura? Kristo Yesoni la due, ammalle la duisa keesaa kaasani harka mirga ka Waaqa teesisani; inni Waaqa nu kad'ata.


Yesoni waan jed'eeni, Karaani ana, d'ugaafi jireennileeni ana; nami tokoleeni gara Abba ind'aqu, anaani d'aqu male.


Kristoni daba inqabu, ammo Waaqi maro teennaafi isaa daba tolche aka nu maro Kristotiifi d'uga Waaqa argannu.


Ammo ijoolle tiyya, isani ka Waaqaati, raagoota d'ara ya dabsattani; wonti akanatiifi Lubbuuni isani keesa jirtu lubbu worra lafa keesa jiru ira jabdu.


Ijoolle tiyya! Jaalalti teenna dubbi afaani ch'alla intahiini; ammo jaalala d'uga tahu malte, ta huji dansaani ufi mulliftu


Nami tokoleeni isani insobini, ijoolle! Nami waan qajeela tolchu ch'ufti nama d'ugaati, akuma Kristoni ka d'ugaa.


Isiini waan jetteeni, Tokoleeni injiru, Aabbo. Yesoni waan jed'eeni, Anileeni wollaala siti imuru. Beeni, ammo deebite daba intolchiini.]


Wonti akanatiifi Kristoni fakeenna fulla qulqullo, ta nami harkaani mid'aase keesa inseenne. Inni gubbati olgale, fulla inni amma maro teennaafi fuula Waaqa dura eju.


Isani imbeetani, Kristoni aka daba ch'ufa fud'atuufi d'ufe, ammo dabi isa keesa injiru.


Maro Kristotiifi nuuni ch'ufti, gosa d'ibiifi Yahudileeni, Lubbu takaani fuula Abba dura d'umna.


Sagale d'umattu inhojatiina, ammo sagale haga jireenna hegeri teetu ta Ilmi Nama isanii kennu hojad'a, wonti akanatiifi Waaqi Abbaani yayu beesisa ufi isa ira keyate.


Yo atini nama dansa daba intolchini jette gorsite duuba inni si d'agae daba tolchu dide inni induu, sile iniijeesani.


Wonti akanatiifi Kristoleeni nami dansaani maro nama hamatiifi due. Inni maro keesaniifi maro tokotu due, aka akasiini Waaqati isani deebisu. Nafa isa ijeesani ammo lubbuuni isaa injirti.


Yo dalantani, dalansuuni teesani daba keesa isani inseensisiini; dalansuuni aduuni isaniti ind'iini.


Ijoolle tiyya, akuma haati nama d'altu ch'ininfatte d'ukubsattu, anileeni isanifi d'ukubsad'a, haga Kristoni isani keesati uumamuuti.


akuma Abbaani na beekhe, anileeni Abba beekhu. Anini jireenna kiyya maro hooliyetiifi baasa.


Anini d'uga ta haga Yohana ira jirtu qaba: hujiini anini tolchu ta Abbaani Tolchi naani jed'e, isiini naa dubbatte, aka Abbaani na erge agarsiifti.


Abbaani kiyya yayu waan ch'ufa nati kenne: nami tokoleeni ka Ilma beekhu injiru Abba male, ammalle ka Abba beekhu injiru Ilmaafi nama Ilmi garsiisu fed'u male.


Inni taka daba intolchine, yokhaani nami tokoleeni isa d'ara dubbatu ind'ageenne.


Qalbi teesaniti deebia, kara keesani ka daba lakisa. Nami gari waan Waaqa imbeekhu; anini aka isani ch'eertanifi jed'a.


Eegi suni Yesoni namicha kaani Mana Waaqa keesati arge waan jed'eeni, Me ilaali, la fayyite. Iti deebite daba intolchiini, aka waan hagana ira hamtu inarganne.


Gammada, qilit'ama, worra Sioni! Gammada, lalaba, worra Yerusalemu! Laala, hayyuuni keesani isaniti d'ufuu jira! Inni ka waan ch'ufa dabsate irre guddo qabuti d'ufa, ammo inni ufi insaadu, harre yaabata — bukhura harreeni d'altuni d'alte gubba taa.


Aadaani Aabbo Waaqi d'ugaafi qajeeltu jed'u tana: aka ijoolle abbaafi haad'a inqamneefi nad'eeni d'iirsi iraa due qorqoratani, ufile hameenna lafa iraa ufi d'owani.


Sodaad'a, ch'ubbu lagad'a; yo ch'aliftani, sire teesani ira ch'iiftani, waan kana guddisa herega.


Ijoolle tiyya, waaqoota d'ara lagad'a!


Nu arabaani Aabboofi Abba keennaa galata deebimna, arabuma suniini nama d'ibi abaara, ka fakeenna Waaqa gula uumani.


Maani re? Waan nu Seera jala injirre ammo eeba Waaqa jala jirruufi daba tolchina? Hiyyo, akasiiniti.


Ijoolle tiyya, nu haga diqa woliini jira. Isani na barbaadani, ammalle akuma anini qara Yahudiini jed'e amma isanileeni jed'a, fulla anini deemu isani dandeetani ind'uftani.


Yo tatabe tana sii t'aafu waan d'iotu d'ufe si argu seha.


Jennaani Yesoni waan jed'eeni, Isii d'iiro, waan nyaatani qabdu? Worri, Inqamnu jed'e.


Duuba anini Abba kad'ad'a, aka qarqaarsa d'ibi isanii ergu, aka inni haga hegeri isani woliini tau.


Raaga kami ka ababooti teesani ingaargalchiini? Ammalle worri ergattu Waaqa, ta d'ufiisa Nama d'uga himu d'ufte, ijeese. Isanileeni ammatana isa gurgurtani ijeeftani.


Nu duri nyaapa Waaqaati, ammo inni duisa Ilma ufitiini jaalaani nu tolfate. Amma nu jaalaani Waaqaati, tanaafi jireenni Kristo hagasi ira nu baasa!


Wollaali ch'ufti daba, ammo dabi nama inijeemne injira.


Wonti ijoolle tiyya ta d'uga keesa teetu ira na gammachiisa injirtu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite