Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Yohona 1:9 - KITAABA WAAQA

9 Ammo yo daba keenna Waaqati himanne, inni ka d'ugefataniifi ka d'ugaati; daba keenna nu araarame, ch'ubbu teenna ch'ufa qulqulleesa.

Gade chapit la Kopi




1 Yohona 1:9
37 Referans Kwoze  

Duuba anini ch'ubbu tiyya siti himad'e wollaala kiyya ch'ufa siti mullise waan jed'e, Anini daba kiyya AABBO Waaqati himad'a duuba atini akanaani ch'ufa naa araaramte.


Nami ch'ubbu ufi d'ossu woma inhoratu, ammo nama ch'ubbu ufi himate iraa deebiu Waaqi innahaafi.


Anini ch'ubbu worri duri nati ch'ubbame ch'ufa iraa qulqulleese, wollaala worri na dide keesa seene ch'ufa araaramaafi.


Ammo yo akuma inni ifse keesa jiru nuleeni ifise keesa jiraanne wold'aqisa qamna; ammalle d'iigi Yeso, Ilma Waaqa daba keenna ch'ufa nura d'iqe qulqulleesa.


Anini bisaani qullo isaniti fifit'e, akasiini waaqoota d'ara ka isani kad'atanifi waan hamtu isani ufiini t'ureesitani ch'ufa isani iraa qulqulleesa.


Abdi nu eegannu jabeesiina, waan nu aka Waaqi kakhu ufi guutu heregannuufi.


Jechi kuni ka d'ugaati, fud'atani d'ugefachu malani: Kristo Yesoni aka nama daba baasuufi lafa d'ufe. Guddaani worra suni ana,


AABBO, na ilaali, kad'acha tiyya, ta anini halkani guyya maro hojattu tante worra Israeliiti kad'ad'u, naa d'agayi. Anini ch'ubbu tiyyaafi ta worra Israeli siti hima; anaafi ababooti tiyya siti ch'ubbamne.


Worri deebie waaqoota harkaani boch'ani kad'ate waan hamtu tolche, akasiini ufi int'ureesu. Anini kara worri dabaani tolche nara goruni ch'ufa worra iraa gorse worra qulqulleesa. Duuba worri gumi tiyya tae, aninileeni Waaqa worraa taha.


Waaqa ka wold'aqisa Ilma isaa Yeso Kristo Aabbo keennati isani yaame d'ugefachu malani.


Beekha, AABBO Waaqa keesani ch'allati Waaqa, ka dubbi ufi guutu. Inni wold'aqisa ufi guute, jaalala ufile d'aloota kunki ka nama isaa jaalate seera isaa guutu agarsiisa;


Nami hedduuni ka qara d'ugefate d'ufe daba ufi himate, huji ufi diideese hime.


Nami Yudeatiifi ka Yerusalemu keesa jiruleeni ch'ufti d'aqe Yohana ch'aqase. Daba ufi himatani jennaani inni galaana Yordani keesati worraa batiso kenne.


Inni nafa ufi nuu kenne, aka hameenna ch'ufa keesaa nuu baase, gumi isaa qulqullo, ta waan dansa tolchu feetu nu tolchu.


Eenu nami dandae wollaala ufii argu? Ee AABBO Waaqa, wollaala kiyya, ka nami ingarre, naa araarami!


Isaniini garileeni duri akasi. Ammo amma ya isani d'iqani, ya isani qulqulleesani, ya maqa Aabbo Yeso Kristotiifi Lubbu Waaqa keennatiini Waaqaani wolti araaramtani.


Jaalalaafi naasuuni sunini diirama ch'ufa hareeti, ammalle guyya ch'ufa injirti aka bari diirama.


Waaqi ka d'ugaati. Inni huji isani maro isa jaalattaniifi tolchitani inded'u, hojja isani gumi Waaqa duri qarqaartani arrale qarqaartani.


kad'acha worra kanketi d'agayifi. Yo lafa suni keesati worri ch'ubbu iraa deebie si kad'ate, dabafi ch'ubbu ufi siti himate, Ee AABBO Waaqa, kad'acha worraa d'agayifi.


Sirba Musa hojattu Waaqatiifi sirba Ilme Hoola sirbu jirani: Aabbo, Waaqa Gudda, wonti atini tolchitu ch'ufti waan mamaati! Karaani kanke ka d'ugaati ammalle qajeela!


D'ugefachati Abrahamu ijoolle kenne, ato inni guddo jaare, niitiini isaa maseena taatele. Inni aka Waaqi kakhu ufi inch'absine ind'ugefate.


Worri daba ufi himannaani inni galaana Yordani keesati worra batise.


Koota, dubbi teesani gaadisati himad'a; nami dubbi qabu ha wolgaafatuti. Eenuti waan taha kana duri fage? Ana AABBO Waaqaniti? Waaqi gumi ufi baase anuma, ka d'ibiini injiru.


Inni aka gumi ufi qulqulleesu waan kana tolche, dubbi ufitiini, eegi bisaaniini d'iqe,


ammo ammatana inni d'uga ufi garsiisa. Kara kanaani Waaqi aka d'uga qabu ufi garsiise ammalle nama Yeso d'ugefatu ch'ufa d'uga heregaafi.


Gammada, qilit'ama, worra Sioni! Gammada, lalaba, worra Yerusalemu! Laala, hayyuuni keesani isaniti d'ufuu jira! Inni ka waan ch'ufa dabsate irre guddo qabuti d'ufa, ammo inni ufi insaadu, harre yaabata — bukhura harreeni d'altuni d'alte gubba taa.


Anini kakhu tiyya ta d'aloota kunki kunki jabeese ch'ubbufi hameenna worraa araaramafi; ammo anini d'aloota sadeesotiifi ka afreeso ka abbootini worraa daba tolchite ingaargalcha.


Kad'acha tiyyafi ta gumi tetile, hojja nu fuula armati deefanne si kad'annu, nuu d'agayi, nuu araarami.


nami wollaala qabu nu, yayu AABBO Waaqa keennati ch'ubbamne ch'alla jed'a. Nu mukeeni gugurdo ch'ufa jalati waaqa d'ibi jaalane, gula yaane, seera kanke yakinele jed'a. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


Ee Aabbo d'uga, nami lafa qara si imbeekhu, ammo anini si beekha, jari kunileeni aka atini na ergite beekha.


Ammo inni mormate waan jed'e, Intala, anini isa imbeekhu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite