Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Yohona 1:7 - KITAABA WAAQA

7 Ammo yo akuma inni ifse keesa jiru nuleeni ifise keesa jiraanne wold'aqisa qamna; ammalle d'iigi Yeso, Ilma Waaqa daba keenna ch'ufa nura d'iqe qulqulleesa.

Gade chapit la Kopi




1 Yohona 1:7
34 Referans Kwoze  

Isanumanu duri dukana keesa jirtani, ammo haga gumi Aabbo taatani, ifsa ke jirtani. Tanaafi aka nama ifsa keesa jiru tahu maltani.


Yeso Kristoni, d'ugaani d'ugefatani, Ilmi angafa ka duisa keesaa kaasani, ka hayyu hayyoota lafa tana, eebafi nagaya isani kenninna. Inni nu jaalata, ammalle d'iiga ufitiini daba keesaa nu baase,


Halkani ya ala hobaani, lafti diquma imbariini. Waan dukana lakisu malle. Miha lola ka ifsa naqachu malle.


Inni d'iiga ufitiini nu bite nu baase, daba keenna nu araarame. Eebiti Waaqa,


Waan wonti kunini d'uga taateefi, d'iigi Yeso hagasi ira wo baha? Lubbu hegeritiini inni aka sorio d'uga Waaqaa ufi baase. D'iigi isaa herega keenna huji hamtu ira qulqulleesa, aka nu Waaqa jiru hojannu.


Anini waan jed'eeni, Anini imbeekhu, siti beekha. Inni waan naani jed'e, Kunini worra nagayaani gaargala jala bahe. Worri woya miich'ate d'iiga Hoolatiini adefate.


D'aamsi nu Ilma isaa ira d'ageenne isaniti himnu kana: Waaqi ifsa, isa keesa dukanti tokoleeni injirtu.


Isaniini garileeni duri akasi. Ammo amma ya isani d'iqani, ya isani qulqulleesani, ya maqa Aabbo Yeso Kristotiifi Lubbu Waaqa keennatiini Waaqaani wolti araaramtani.


D'iiga Kristo ka guddo gati qabuti isani bite, ka aka ilme hoola bobotolefi miid'ama tokole inqamne.


Yesoni waan jed'eeni, Ifsaani haga diqa toko ch'alla isani woliini jira; ato ifsa qabdanu yaa, aka dukanti isani ind'aqamne. Nami dukana keesa deemu gara deemu imbeekhu.


Yeso Kristoni d'iigafi bisaaniini d'ufe. Inni bisaani ch'allaani ind'umne ammo bisaanifi d'iigaani d'ufe. Aka wonti kunini d'uga Lubbuleeni yayu himte, maro Lubbuuni d'ugatiifi.


Nu waan argine d'ageenne isanileti himna, aka isanileeni wold'aqisa nu Abbaafi Ilma isaa Yeso Kristo iraa qamnu argattani.


Nami si kad'ate si faarsu, ka naasu tante ta ifsa keesa tau, akami gammada!


wonti akanatiifi atini dua keesaa na baafte, badi na d'owarte. Tanaafi anini Waaqa dura ifsa isaa ka inni nama jiru ifsu, keesa deema.


AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Gaafa guyyaani suni gahe, madda ilmaani Dauditifi worra Yerusalemu dabafi t'uri iraa qulqulleesitu banani.


Ilmaani Yakoboo amma koota, ifsa AABBO Waaqi nuu kenne keesa yaana!


Oboleyaani teenna d'iiga Ilme Hoolatiifi d'uga worri odeesuuni isa dabsatte; worri kurfo jira aka jireenna ufi baase duu.


Nami indoone isa ch'alla; inni ifsa nami iti d'ufu indandeenne keesa taa. Nami tokoleeni taka isa ingarre, tokoleeni dandae isa inargu. Ulfinnafi jabeenni ka isaa tahinna, haga hegeri! Amini.


Ifsaani nama d'ugaati ifse, nami qajeelaleeni gammada argata.


Lubbufi bisaanifi d'iiga; worri sadeenu waan taka dubbata.


Galati dansaani ka namaa kennanifi ka namaa baasani ch'ufti gubba gadi d'ufa, fulla Waaqa, ka ifsa gubba uume. Inni injijiramu yokhaani garingalu.


Boriyya Yohanani Yeso gara isa d'ufu jiru arginaani waan jed'e, ilaala, ilme hoola Waaqa, ta daba nama lafa ch'ufa fud'attu.


Wonti ijoolle tiyya ta d'uga keesa teetu ira na gammachiisa injirtu.


Atini gubba aka waaro ballifte,


Anini aka ijoolleeni tante ta gari d'uga keesa teetu arginaani guddo gammade, akuma Abbaani nuti hime.


Nami lama ka yaasuma wolti inqabatini kara woliini iyyaa?


Hameenna kiyya ch'ufa naraa d'iqi, ch'ubbu tiyya ch'ufa na qulqulleesi!


ch'ile sunini hid'i tiyya tut'e waan naani jette ch'ileeni tunini amma ya hid'i sii tut'e, ch'ubbu ya sira fuud'ani, daba yayu sii araaramani.


Ammalle nami lafa teenna keesa tau deebie fayya d'aba inhimatu, ch'ubbu worrale ch'ufa inaraaramanifi.


ch'ubbu teenna nuu araarami, akuma nuleeni nama nuti ch'ubbame araaramnu.


Inni nafa ufi nuu kenne, aka hameenna ch'ufa keesaa nuu baase, gumi isaa qulqullo, ta waan dansa tolchu feetu nu tolchu.


waan maro gari malaikaani Aabbo haro suni keesa seente bisaani woch'isifitufi, nami fayya inqamne ka eegi bisaani woch'ani qara haro suni seene d'ukuba taatefu infaya.]


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite