Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Timotheo 4:3 - KITAABA WAAQA

3 Worri kunini nad'eeni fuud'itiifi sagale gosa gari nyaati fullaaniti jed'a. Ammo Waaqi sagale tana aka, eegi galata deebisani, worri d'ugefate d'uga baratu nyaatufi mid'aase.

Gade chapit la Kopi




1 Timotheo 4:3
30 Referans Kwoze  

Wonti Waaqi uume ch'ufti dansa; waan tokole didu himmalle, ammo waan ch'ufa galata deebisani fud'achu malani;


Nami ch'ufti fuud'a ulfeesu male, d'iirsafi niitiini wollakisani gara d'ibi yau himmalle. Waaqi worra waan hamtu tolchuufi algala wollaala iti mura.


Nami guyya toko jaba sehu maro Aabbootiifi seha; nami waan ch'ufa nyaatuleeni maro Aabbootiifi nyaata, waan inni ato sagale suni inyaatini Waaqa galata deebisuufi. Nami sagale gari nyaachu diduleeni maro Aabbootiifi dida, innileeni Waaqa galata deebisaafi.


Tanaafi nami tokoleeni d'ufe waan nyaattani d'uddanifi, jila teesaniifi, yokhaani jila teesani ta baatitifi ta Sabatole, keesa seera isaniti intolchiini.


Ammo sagaleeni Waaqati nu ind'ieesitu; yo nyaachu baannele woma imfitannu, yo nyaannele woma nuu indartu.


Waan lubbu qaba ch'ufa, mukhaafi bineensale, ya sii kenne, aka isiini sagale sii taatu.


Waan isani jettaniifi waan tolchitani ch'ufa keesa maqa Aabbo Yesotiini tolcha, ammalle maqa isaatiini Waaqa Abba galata deebisa.


Ammo yo dubra fuute daba intolchine; ammalle yo dubra fuud'ani, isiini daba intolchine. Ammo anini gaargala guyya ch'ufa ka jari kunini argatu isani lagu fed'a.


Nami waan ch'ufa nyaatu nama waan ch'ufa inyaanne intufatiini; ammalle nami sagale laaftu ch'alla nyaatu nama waan ch'ufa nyaatu intufatiini; wonti akanatiifi Waaqi ya isa ee jed'e fud'ate.


Barsiisaani d'ibiini ta qajeeltu intahiini, d'uga ira isani ingorsiini. Guddo dansa yo eebiti Waaqa garaa nu jabeesite, fulla seera sagale gula yaani ira; wonti akanatiifi worri seera kana gula yau qarqaarsa tokole ira inarganne.


Inni nama ch'ufa ka baafame d'uga baratu fed'a.


Nami d'ibiini, Sagaleeni garaa malte, garaaleeni sagale male jed'a. Ammo Waaqi waan suni lachu imballeesa. Nafi namaa ka hameennaatiniti, ammo ka Aabbooti; Aabboleeni ka nafaati.


Wonti akanatiifi Finni Waaqa waan nyaatani d'uganiiniti, ammo d'ugaafi nagayafi gammada Lubbuuni Qulqullooni namaa kennitu.


qit'a torbaanifi qurt'umi guure, eegi galata deebise ch'ach'abse, jara isati kenne. Jari biyya dura naqe.


Wonti anini arge tana: wonti waan ch'ufa ira dansa, ka namu tolchuu male, aka waan hojate argate nyaate d'uge gammaduuni, haga bulti gabaabdu Waaqi kenneefi tana jiru; jiruuni namaatu tanuma.


Duuba, Buuyo ira tataa biyyaani jed'e, qit'a shanifi qurt'umi lamaani taani guure, gubba olmillate, Waaqa galata deebise, duuba ch'ach'abse, qit'a kaani jara ufiti kenne; worri biyya qoode.


Eegi inni akana jed'e, inni qit'a fuud'e, galata Waaqaa deebise, worra ch'ufa durati ch'abse nyaate.


Taatule hobolooni d'ibiini Tiberia baate, fulla worri qit'a Aabbooni eebise iti nyaate d'ufte.


Worra woliini sagale nyaatani tataani, jennaani qit'a fuud'e eebise, ch'ach'abse qoode.


Hayyichi suni waaqa ababooti isaa kad'atufi waaqa nad'eeni jaalatule yalabaha. Inni waaqa tokole womatu indaru, wonti akanatiifi inni waan waaqa ch'ufa ira jiru ufi seha.


Wonti afaani nama keesa seene nama int'ureesitu, ammo waan afaani nama keesaa bahati nama t'ureesa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite