Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Timotheo 1:9 - KITAABA WAAQA

9 Ammo wonti hubachu malani, seera nama dansaafi imid'aasine ammo worra akana tolchuufi mid'aasani — ka seera ch'absufi, ka wo yakufi ka Waaqa imbeenneefi ka daba tolchuufi worra aada Waaqa qulqullo gula iyaanefi worra abbaafi haad'a ufi ijeesufi ka nama fit'ufi

Gade chapit la Kopi




1 Timotheo 1:9
45 Referans Kwoze  

Seera maafi kennani re? Aka wollaalaani agarsiisanifi iti darani ammalle Seeri haga ilmi Abrahamu ka iti kakhatani immullatini ch'alla jira. Seera amma nama jiddu jiru kana harka malaikatini nama kennani.


Akuma t'aafiini jettu, Yo aki nami dansaani bahu gaargala taate, jara daba, ka Waaqa imbeenne, maani tolchani?


Aka daba heddeesaniifi Seeraani d'ufani, ammo fulla dabi iti heddate eebiti Waaqaleeni hagasi ira guddatte.


ufi diqeesitifi ufi qorqoracha d'alti. Wonti kuni tokoleeni seera inqabdu.


Wonti akanatiifi nuleeni duri daalle, dubbi inch'aqamne, ta wollaala tolchitu. Nu tissele d'araa nafatiifi gammada gosa ch'ufaa taane. Jireenna keenna ch'ufa daallumafi d'iibi keesa teenne. Nami hedduuni nu jibbe, nuleeni worra jibbine.


Wonti akanatiifi waan isani Seera jala injirre ammo eeba Waaqa jala jirtaniifi dabi isani imohatu.


hameenna woli dubbatani; Waaqa jibbani, kiyyibaani, ufi saadani, ufi guddisani; kara heddu ka hameennaani tolchani heregani; worra ufiti insaalfatani;


Ammo moga dira, worra hamamafi falfaltufi algalaafi ka nama ijeesufi ka waan harkaani boch'ani kad'atuufi nama dubbifi hujiini kiyyibuuti jira.


Ammo nama daafanafi kiyyibafi hamafi nama nama ijeesufi algalaafi ka murma baafatufi ka waan harkaani boch'ani guddisuufi ka nama sobu, fullaani worraa galaana ibidaati, ka duisa lameeso.


Waaqa beenna ufiini jed'ani, ammo hujiini worraa ind'areesiti. Worri nama jibbani, namale inch'aqasu, waan dansa tokole dandae intolchu.


Lubbuuni tuni ta worra Waaqa ch'aqasu dide, gaafa inni, ato Nuhuni hobolo jaaratu obsaani eege. Nama saddeeti ka hobolo keesa jiru ch'allati bahe.


D'ugefachati niiti sharmut'a, ta Rahabu jed'ani, worra Waaqa d'agayu dide woliini, duu d'owe, waan isiini jara dooya yau bulchiteefi.


Jennaani Hamaani Suni mullate, Aabbo Yesoni hafuura afaani isaatiini isa ijeese, d'ufiisa isaa ka guddinnatiini lafaa isa balleesa.


Waaqi Abrahamufi d'aloota isaati kakhate, Lafa ch'ufa sii kenna jed'eeni, Wonti kakhu tana kennaniifi waan Abrahamuuni Seera jabeeseeniti, ammo waan inni d'ugefannaani Waaqi d'uga heregeefi.


Oboleesi oboleesa ufi duati geesa; abbaani ilma ufi akasuma tolcha; ijoolleleeni abbootifi haad'a ufi akasuma tolchiti.


Hayyu ch'ubbicha hama Israeli, guyyaani si balleesani ya alaa hobae,


AABBO Waaqi waan jed'e, Raagootafi qaaloleeni Waaqa imbeetu; Mana Waaqa keesaleti aka worri waan hamtu tolchu ya arge.


Nama abba ufi goyeese haad'a ufi gaafa isiini jaarte tufatu ha ruumichi fooni isaa nyaate, haranqasileeni ila keesa guuratuti.


Nama gariti jira, ka abba ufi abaare haad'a ufiiti ineebimne.


Nami, Akani ch'ubbuniti jed'e abbaafi haad'a ufi iraa wo hatu wahela nama woyakuti.


Nami nama ijeese booluma ufi qotachu jira; nami tokoleeni iraa ind'owiini.


Nama abbaafi haad'a ufi abaaru lubbuuni isaa akuma ifse dukana keesati d'aamfani d'aamti.


Jennaani AABBO Waaqi malaika ufi erge malaikaani suni askarti Ashurutifi jara gugurda worrale hobaafte. Akanaani hayyichi Ashuru, ka ch'eeraani injirre, kae, lafa ufiti gale. Guyya toko, ato inni Mana Waaqa isaa keesa tau, ilmaani isaa hagi toko d'ufte goraadeeni isa ijeefte.


Guyya toko, ato inni mana waaqa isaa, ka Nisroki jed'ani keesa tae waaqa kad'atu, ilmaani isaa lama, Adramelekifi Sharezani goraade ufitini isaa ijeefte, lafa Araratiti baqatte. Duuba ilmi isaa, ka Esar-Hadoni jed'ani, fulla isa hayyu tahe.


Ammalle Daudini waan Abishaifi worra isa gugurdaani jed'e, Ilmi kiyya ufiftu na ijeesu fed'a, namichi gosa Benjamini kunini maanifi isani mamsiisa? AABBO Waaqati abaari jed'eeni, iti lakisa ha abaaruti.


Waaqi nama abbaafi haad'a isaati saalfachu didu ha abaaruti. Duuba gumiini ch'ufti ha Amini! jettu.


Nama abbaafi haad'a ufi arabsu ha ijeesani d'iiga isaa gubbuma isaati.


Nama dallansuuni beekhaa nama ijeese, ha isale ijeesani, ato inni fulla sorio iti na baasanile d'eete.


Tanaafi isani worra d'ugefatu, d'akhaani kunini d'akha jaba; ammo worra ind'ugefanne: D'akhaani ijartuuni tuffate dide yayu d'akha jaba tahe.


Eegad'a aka nami tokoleeni sharmut'a tahe, yokhaani aka Esau inhamaanne, ka sagale guyya tokotiifi d'aala ufi ta angafooma gurgurate.


wolmorkani, farso d'ugani machaani, wolballeesani, waan hamamtu akana heddu tolchani. Anini amma isani gorsa akuma duri tolche: nami waan akana kana tolchu Finna Waaqa inargatu.


Yo Lubbuuni isani qajeelchite Seera jala injirtani.


Ammo odu duri ta aada Waaqa intahiini, ta nami himu himmalini lagad'u. Jireenna Waaqi fed'u barad'u.


Timotheo, waan harka keetiti lakisani jabeesi. Hasaa Waaqi imfeene, ka daalluma ka nami gari wollaale Beekhuma jed'uuni lakisi.


Hasaa nama Waaqa imbeenne; ka daalluma, ka Waaqa ira nama fageesu, lagad'u.


Nami ufo tahe, sabdae, ufi guddise, ufi saada; wolarabsani, worra ufiiti saalfachu didani, galata deebisu, didani, aada Waaqa lakisani;


jaarsi wollaala qabaachu himmalle; niiti toko ch'alla qabaachu male, ilmaani isaa d'ugefacha qabaachu malte, ijoolle hamamtu ta aka bineensa jirtu, ta dubbi nama inch'aqamne intahiini.


Wonti akanatiifi nama hedduti jira, ka dubbi ch'aqasu dide dubbi d'aratiini nama sobu, keesuma worri aada Yahudi iti galefaani.


aka nama ch'ufa qoru, aka nama Waaqa imbeenne ch'ufa wollaala iti muru, maro huji hamtu worri tolcheefi, ammalle maro dubbi hamtu worri Waaqaani jed'eefi!


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite