4 Odu duritiifi maqa heddu ka ababoota, Lakisa jed'iini; wonti kunini wolmormiti ch'allaani d'ufti; fed'i Waaqa ta d'ugefacha ch'allaani beekhani inguutu.
Ammo wolmormiti daallumatiifi maqa heddu ka ababootatiifi woldidiisafi had'iisa waan seera lakisi. Wonti kunini ch'ufti woma tokole imbaatu.
odu Yahuditiifi seera nama d'ugaa dide iraa d'ufu lakisu.
Ammo odu duri ta aada Waaqa intahiini, ta nami himu himmalini lagad'u. Jireenna Waaqi fed'u barad'u.
D'uga ch'aqasu didani, odu d'ara gula deemani.
Wonti akanatiifi nu odu duri ta woma keesa injirre gula, aka Aabbo Yeso Kristoni jabeennaani d'ufu, isaniti inhimne. Iluma teennaani guddinna isaa agarre!
Timotheo, waan harka keetiti lakisani jabeesi. Hasaa Waaqi imfeene, ka daalluma ka nami gari wollaale Beekhuma jed'uuni lakisi.
Barsiisaani d'ibiini ta qajeeltu intahiini, d'uga ira isani ingorsiini. Guddo dansa yo eebiti Waaqa garaa nu jabeesite, fulla seera sagale gula yaani ira; wonti akanatiifi worri seera kana gula yau qarqaarsa tokole ira inarganne.
Gumi tante waan kana qaabsiisi, Waaqa durati gorsi, aka worri maro dubbitiifi wolindinne. Wonti suni woma namaa imbaatu, ammo worra ch'aqasu ch'alla balleesiti.
D'araa kaimooma lakisi, jara garaa qulqullooni Aabbo yaamatu woliini d'ugaafi, d'ugefachaafi jaalalafi nagaya barbaadi.
Ammo atini, nami Waaqa, waan kana ch'ufa lagad'u. Waan d'ugaafi ta Waaqi fed'ufi d'ugefachaafi jaalalafi obsafi laana deemiti barbaadi.
Nami tokoleeni dandae aka aadaani teenna d'ossa qabdu imormu! Inni nafa namatiini d'ufe, aka inni qajeela Lubbuuni himte, malaikaleeni isa agarte. Gosa ch'ufati waan isaa odeesani, lafa keesati isa d'ugefatani, guddinnaani gubbati olfuud'ani.
Maqaani kiyya Paulo, anini hojattu Waaqatiifi ergattu Yeso Kristo. La na fohatani aka anini d'aqe, d'ugefacha worra Waaqi fohate qarqaare, d'uga aadaani teenna,
Wonti nu ufi guddimnuufi tana: heregi keenna aka dansa nu beesisa, aka lafa tana keesa, keesuma jiddu teennaafi teesani, nu garaa tokooni d'uga Waaqi nu kenneefi eeba Waaqaatiini teenne, ammo qalbi namatiini inteenne.
D'uguma, isani ya d'ageetani, aka Waaqi eeba isatiini huji tana naa kenne, aka isanii jed'e hojad'u.
Ammo hasaa daalluma ka nama woma imbeenne lagad'u; wonti kunini woldidiisaani d'ufti, imbeeta.