Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Timotheo 1:11 - KITAABA WAAQA

11 Barsiisaani Odu Dansa ta harka kiyyati kennani tana, Odu Dansa ta Waaqa gudda abba eeba iraa d'uftu.

Gade chapit la Kopi




1 Timotheo 1:11
25 Referans Kwoze  

Ammo worri, aka Waaqi huji Odu Dansa gosa d'ibiti odeesani nati kenne arge, akuma inni ta Yahuditi odeesani Petroti kenne.


hojjaani geennaani dubbi ufi keesati nuti mullise. Waan kana harka kiyyati kennani, d'aamsa Waaqa, ka Qarqaarsa keenna, gula odeesa.


Yo hojjaani geete, Waaqi eeba, ka inni ch'allaani nama fidu, Hayyuuni Hayyoota ch'ufa, Abbaani Abbooti ch'ufati isa mullisa.


Wonti worri ind'ugefanneefi waan hamaani lafa tana keesa jiru qalbi worra dukaneeseefi. Inni ifsa worrati ifsu argu worra d'owa, ifsa Odu Dansa ta guddinna Kristo keesa d'ufu, inileeni akuma Waaqa jira.


Duuba Odu Dansa anini odeesu gula, wonti kunini guyya Waaqi, maro Yeso Kristotiifi, waan garaa nama keesa jiru qoru taati.


Dubbi tiyya ta anini si durati nama barsiise heddu nama atini d'ugefattu, ka dandae nama d'ibile barsiisuti kenni.


Waan dansa ka harka keetiti kennani jabeesi, jabeenna Lubbu Qulqullo, ta nu keesa teetuni.


Waaqi ya na fohate, aka anini Odu Dansa odeese, ergattufi barsiiftu tahu;


Timotheo, waan harka keetiti lakisani jabeesi. Hasaa Waaqi imfeene, ka daalluma ka nami gari wollaale Beekhuma jed'uuni lakisi.


Maro waan kanatifi aka anini ergattufi, barsiiftu gosa d'ibi tahu na ergani, aka d'aamsa d'ugefachaatifi ka d'ugaa odeesu. Anini kiyyibuuti injiru d'uga dubbachuu jira!


Ammo nu hojja ch'ufa aka Waaqi fed'u hasoomna, maro inni nu jaalate Odu Dansa nuu kenneefi. Nu nama gammachiisu imfeenu, ammo Waaqa ka herega garaa keenna ilaalu gammachiisu feena.


Waaqi ya hojattu gumi isaa na tolche; inni huji tana aka dansooma keesaniifi tolchu naa kenne. Hujiini tuni aka dubbi Waaqa tana ch'ufa odeesu.


aka hojja tana, gumi Waaqaatiini, hayyoota malaika fakaattufi jabeenni gubba jiru ch'ufti qalbi Waaqa ta aka aka jirtu baratu.


Wonti inni waan kana tolcheefi, aka hojja ch'ufa durooma eeba isaa, ta inni Kristo Yeso keesa qabu, nu agarsiisu.


Tanaafi nu worri qara Kristo heregatu guddinna Waaqa faarsina!


Koota, Waaqa galata deebimna, maro eeba isaatiifi, waan inni Ilma isaa ka inni jaalatu keesa nu eebiseefi.


Waaqi, Dukana keesa ifsaani ha ifsu jed'eti ifsa kana garaa keenna keesati ifse, aka ifsa hubacha guddinna Waaqa nuu kennu ka fuula Kristoti ifsu.


Yo sila anini huji tiyya fed'iini tolche, hori na baasu malani; ammo waan na tolchisiisaniifi, akasi aka anini huji nati kennani tolchu male agarsiisa.


Guddinni gara Waaqa gubba ha tahu: Lafa keesale nageenni ha tahu gara jara inni eebisu.


Anini fuula kiyya mana kanke qulqullooti deefad'e gajed'e maqa kanke faarsa maro jaalala tante ta ind'umanneetiifi d'uga teeti, ammalle waan atini aka maqa keetifi dubbini tante waan ch'ufa ira jirtu nama garsiifteefi.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite