Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Timotheo 1:1 - KITAABA WAAQA

1 Maqaani kiyya Paulo, anini ergattu Kristo Yeso, fed'i Waaqa Qarqaarsa keennatiifi ta Kristo Yeso abdi keenna gula.

Gade chapit la Kopi




1 Timotheo 1:1
38 Referans Kwoze  

hojjaani geennaani dubbi ufi keesati nuti mullise. Waan kana harka kiyyati kennani, d'aamsa Waaqa, ka Qarqaarsa keenna, gula odeesa.


Heregi Waaqa kana: aka waan guddo mama ka duri d'ossani amma gumi ufiti mullisu. Wonti qara d'ossani suni tana: Kristoni isani keesa jira, wonti kunini aka isani guddinna Waaqa argattani agarsiifti.


Ammo Aabbooni waan isaani jed'e, Beeni d'aqi, anini yayu isa fohad'e, aka inni maqa kiyya gosa d'ibiifi hayyootafi ijoolle Israelile durati odeesu.


Waaqa tokocha, Qarqaarsa keenna, Aabbo keenna Yeso Kristo keesa, guddinnaafi ulfinnafi humnafi jabeenni ka duriitifi ka ammalleeni ha tahu, ammafi hegerile! Amini.


Waaqafi Abba Aabbo keenna Yeso Kristoti galata deebimna! Maro naasu isatiifi inni Yeso Kristo duisa keesaa kaase, jireenna haraa nuu kenne. Wonti kunini abdi jirtu nuu kenniti,


Anini Kristo Aabbo keenna galata deebisa, ka jabeenna anini huji isaatiini hojad'u naa kenne. Anini waan inni na herege, aka anini huji isaa hojad'u na fohateefi, galata deebisaafi,


Maqaani kiyya Paulo, ka yaamichi aka anini ergattu tahu namaani ind'ufiini yokhaani nama ira ind'ufiini, ammo Yeso Kristofi Waaqa Abba, ka duisa keesaa isaa kaase, iraa d'ufe.


Maqaani kiyya Paulo, ergattu Kristo Yeso fed'i Waaqa gula, ammalle oboleesa keenna Timotheo woliini jirra. Gara gumi Waaqa ta Korintho jirtuufi gumi Waaqa ch'ufa ta Akaya keesa jirtu:


Maqaani kiyya Simoni Petro, anini hojattufi ergattu Yeso Kristo. Anini tatabe tana gara worra d'uga Waaqaatiifi ta Qarqaarsa Yeso Kristotiini d'ugefacha dansa aka teenna argateti t'aafa.


Maro waan kanatifi aka anini ergattufi, barsiiftu gosa d'ibi tahu na ergani, aka d'aamsa d'ugefachaatifi ka d'ugaa odeesu. Anini kiyyibuuti injiru d'uga dubbachuu jira!


Aabbo Yeso Kristofi Waaqi Abba keenna, ka nu jaalate eeba ufitiifi jannooma hegerifi abdi dansa nuu kenne,


Maqaani kiyya Paulo, ka fed'i Waaqatiini yaamani aka ergattu Kristo Yeso tahu, ammalle oboleesa keenna Sosthene woliini jirra —


Ammalle nu ya garre ammalle biyyati odeesina aka Abbaani Ilma ufi erge, aka Qarqaarsa lafaa tahu.


Maro isatiifi isani Waaqa d'ugefattani, ka duisa keesaa isa kaase, guddinna kenneefi; tanaafi d'ugefachaafi abdiini teesanileeni Waaqa ilaalti.


Wonti akanatiifi Waaqi guddiseti Lubbu ufi nura buuse, maro Yeso Kristo Qarqaarsa keennatiifi,


Ammo naasufi jaalalti Waaqa Qarqaarsa keenna mullannaani,


Ato Guyya eeba ka nu abdannu eegannu, guyya guddinni Waaqa Guddafi Qarqaarsa keenna Yeso Kristoni mullatu.


abbooti woma dura inhatiini. Ammo ha dansoomafi d'uga garsiisani, aka barsiisa Waaqa Qarqaarsa keenna, waan tolchani ch'ufa keesati, d'ugeesitu.


Maro waan kanatifi aka jaba hojanna, waan nu abdi teenna Waaqa jiru ka nama ch'ufa baasu, keesuma worra d'ugefatu, gubba keyanneefi.


Wonti kunini dansa, ammalle Waaqa Qarqaarsa keenna gammachiifti.


Waan kana isaniti hima, oboleyaani. Dubbini dansaani anini odeesu ta nami mata ufitiini baafateeniti.


Koota, dubbi teesani gaadisati himad'a; nami dubbi qabu ha wolgaafatuti. Eenuti waan taha kana duri fage? Ana AABBO Waaqaniti? Waaqi gumi ufi baase anuma, ka d'ibiini injiru.


Waaqi Israeli, ka gumi ufi baasu, Waaqa ufi d'ossu.


Yo sila anini huji tiyya fed'iini tolche, hori na baasu malani; ammo waan na tolchisiisaniifi, akasi aka anini huji nati kennani tolchu male agarsiisa.


Maqaani kiyya Paulo, hojattu Kristo Yesotiifi ergattu Waaqi fohate yaame, aka Odu isaa Dansa odeesu.


lubbuuni tiyyaleeni yayu maro Qarqaarsa kiyyatiifi gammadde.


AABBO Waaqi waan jed'u, Anini AABBO, Waaqa keesani, ka lafa Misiri keesaa isani baase. Isani na male Waaqa d'ibi imbeetani, na male qarqaarsi keesani d'ibiini injiru.


AABBO Waaqi waan jed'e, Worri kunini kiyya; na insobu. Tanaafi,


Gosa d'ibifi hayyooti worraleeni akuma niiti daima hoosiftu si qorqoratti. Duuba atini akasiini aka anini, AABBO Waaqi si baase, Waaqi guddaani Israeli si balchoomsu beeta.


Anini nama isani dabsu ch'ufa woli ijeesise, worri d'iiga woli aka farso d'uga. Duuba akanaani nami ch'ufti, aka anini AABBO Waaqa ka isani baase isani balchoomsu, beekhu. Ammalle akanaani Waaqa Yakobo ka irre qabu hubatani.


AABBOONI anuma, ana male ka isani baasu injiru.


Wonti akanatiifi anini AABBO, Waaqa keesani, Waaqa qulqullo Israeli, ka isani baasu. Anini worra Misiritiini isani bite, worra Kushitifi ka Sebatini isani balchoomsa.


AABBO Waaqi ya na baase, anini isa d'ugeefad'e woma insodaad'u inni irree jabeenna naa kenne, naa baase.


Worri Waaqa, ka lafa Misiri keesati waan jabdu tolche worra baase, ded'e,


Halkani kana dira Daudi keesa Qarqaarsi ya isanii d'alate, ka Kristo Aabbo jed'ani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite