1 Samueli 14:6 - KITAABA WAAQA6 Yonathanini waan kaimticha kaaniini jed'e, Olla worra aada inqamne, ka gura inuranne, suniti nu yaasa. Hegeri AABBO Waaqi nu qarqaara; yo inni nu qarqaare wonti worra dabsachu nu d'owa injirtu, ato nu nama diqa taanele. Gade chapit la |
AABBO Waaqi waan jed'u, Guyyaani ind'ufa, ka anini worra gosa Misiritiifi ka Yudatifi ka Edomutifi ka Amonitifi ka Moabutifi worra lafa gamooji ka mata ufi gababse ch'iratu gaargalchu. Worri kunini ch'ufti aada gula qabanqaba qabata, ammo waan aadaani suni malteefi inguunne. Worra kanafi worri Israeli tokoleeni wold'aqisa kiyya injabeesine.
Duuba amma lafa gaareeni ta gaafa anaafi jari wahela kiyya waan isii Musati himne, ta AABBO Waaqi naa kakhate naa kenni. Nu gaafasi ya siti himne, aka worri gugurdaani d'ed'eerani, gosa Anaki, dira gugurda naaboni jaarate keesa tau. Hegeri AABBO Waaqi na woliini jiraate akuma inni jed'e kaani, anini worra arti keesaa baasa.