14 Duuba Samuelini waan biyyaani jed'e, Koota, nu yaasa, Gilgali d'aanne ammalle aka Sauloni hayyu keenna jabeesine aka dansaa nama ch'ufati himna.
Na durati Gilgali d'aqi, anini achiti siti d'ufe sorio gubanifi ta wold'ageeti qala. Torbaani toko achiti na eegi, haga anini d'ufe waan atini tolchu malte siti himuti.
Ganna ch'ufa inni imaltu lafa mare, Betheli, Gilgali, Mispa d'aqe, lafa suni ch'ufa keesa dubbi qore, nama wolti nagaya tolche,
Boriyyaate worri Ashdodi lafaa kae jennaani akheekha Dagoni ka qaarie fuula lafati deefate Sanduqa Wold'aqisa dura ch'iisu argani; duuba olfuud'ani aka isa ka qara kaaniti deebisani.
Jennaani Samuelini waan worra Israelitini jed'e, Anini yayu waan isani kad'atani ch'ufa isanii guute, hayyu isanii kenne,
Ato deebiu jiru, hayyuuni worra Yuda ka Gilgali, isa taakisiisu d'ufe galaana Yordaniti wolwoldaani.
Beersheba d'at'ani na inkad'atiina. Betheliti na imbarbaadiina — Betheliini ind'umati. Ammalle Gilgali ind'aqina — nama isii boojiani lafa d'ibii geesani.