D'iibufi dinqaafi kutaani keesa ch'ufti, ta naabo ala taani ch'ufaani wolqit'e. Maneeni fullo tanaleeni deresha qaqabdi. Karaani jiddu mana suni keesa deemuleeni haguma balabala taana eje balbala moga taaniti eja, d'eerinni isaa d'und'uma shantama, ballinni d'und'uma diddami shani.