Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Hayyoota 2:3 - KITAABA WAAQA

3 waan AABBO Waaqi tolchi sinjed'e tolchi kara isaa gula deemi, aadaafi seera isa, ta Seera Musa keesati t'aafani guuti, aka waan tolchitufi fulla atini deemtu ch'ufa keesa, eeba argattu.

Gade chapit la Kopi




1 Hayyoota 2:3
33 Referans Kwoze  

Tanaafi dubbi wold'aqisa tana jabeesa guuta, aka wonti isani tolchitani ch'ufti isanii toltu.


Ayyaana isa ka dubbi Waaqaa guute, garaa ufii ch'ufaani isa gula deemu.


Ilma kiyya Solomoni qarqaari, aka inni hojja ch'ufa aadaafi seera kanke guute, Mana anini waan isaa kurfeese kana jaaru.


Anini aada tante haga jiru jireenna injabeesa, isiini waan garaa kiyya gammachiisaati.


Isani waan hojattuuni tiyya Musani duri isani barsiise, aadaafi seera anini worra Israeliti jed'e gaara Sinai irati isaa kenne, qaabad'a.


Aadaani atini namaa kennite wollaala womatu inqabdu, isiini ta d'ugaati.


waan AABBO Waaqi isa woliini jirufi waan ch'ufa dabsate.


Seera hojattuuni AABBO Waaqa Musani isanii kenne jabeesa guuta: AABBO Waaqa keesani jaalad'a, fed'i isaa tolcha, seera isaa guuta iraa ingorina, garaafi qalbi teesani ch'ufaani isaa hojad'a.


Seeri AABBO Waaqaa qit'e, irre namati tolcha. Dubbini AABBO Waaqaa yo d'ugeefatani nama woi imbeennele inqaaroomsiti.


Tanaafi AABBO Waaqi isa woliini jiraate, waan inni tolche ch'ufa keesati isa qarqaare, huji isaa eebiseefi. Inni hayyu Ashuruti garagale, hojachuufi dide.


Inni Edomu keesa fulla ch'ufati fulla askartini teetu jaare, biyyiti lafa sunileeni ch'ufti isa jalati bulte. AABBO Waaqi Daudi fulla inni bahe ch'ufa eebise nyaapa isaale ch'ufa isa dabsachiise.


Jennaani Daudini lafa isaani keesati fulla askartini isaa teetu jaare worri isa jalati bule gibira baaseefi. AABBO Waaqi Daudi fulla inni bahe ch'ufati qarqaare, waan ch'ufa isa dabsachiise


Askartini worra Filisti akuma qara kaani worra Israelitini wolhaati, ammo hojja woli had'ani suni ch'ufa Daudini askarti Saulo taani ch'ufa ira worra balleese. Akanaani guddo beekhame gurra baafate.


Hojja Sauloni Daudi huji ergu ch'ufa Daudini erga suni aka dansaa guute, tanaafi Sauloni gudda askarti isa tolche dubbini tunini gumifi worra gugurda askartile gammachiifte.


Musani gosa Israeli ch'ufa wolti yaame waan jed'eeni, gosa Israeli, Seera anini arra isani kennu ch'ufa d'agaya, barad'a, aka dansaa jabeesa, guuta.


Gaafi inni seera kana kenneefi sunileeni eegi worri lafa Misiri keesaa bahe, bale galaana Yordanitini ilaboru jirtu, ta dira Beth-Peoritini gama jiru. Fullaani suni lafa hayyu Sioni, jed'ani ka gosa Amori ka dira Heshboni ke jirti. Hayyuuni suni ka duri Musafi gumiini Israeli, gaafa lafa Misiriti d'ufte dabsate.


Gochiti tokoleeni ta ato aka feetu jabaatele, seera d'uga aka anini arra isani barsiise kana qabdu injirtu.


Anini akuma AABBO Waaqi kiyya naani jed'e ya seera ch'ufa isani barsiise. Lafa amma isani diquma fud'attani iti inqubatini suni keesaleti, seera kana jabeesa guuta.


Jennaani Musani waan biyyaani jed'e, seerafi waan anini isaani barsiise ch'ufa jabeesa guuta, aka lafa AABBO Waaqi, ababoota teesaniini, isanii kennu fud'attani.


Isani fulla balbala Waaro Woyyuma haga bulti torba teetani, waan AABBO Waaqi, Tolcha jed'e tolchu maltani. Yo akasi tolchu baatani indootani wonti AABBO Waaqi nati hime suni.


Solomonini AABBO Waaqa jaalate, dubbi abba isaa Daudi gula deeme, ammo innileeni fulla heduti sorio Waaqaa baase hit'aanale aarsefi.


lafa worraa fud'anne, gosa Reubenitifi Gaditiifi ta Manase ta haga garitini gargari qoodanne.


Tanaafi waan kitaaba Seera Musa keesati t'aafani ch'ufa jabeesa, tolcha, guuta: Diqole mirgaafi bitaa iraa ingorina,


Eegi waan kana ch'ufa jecha toko ch'allati hafa: Waaqa sodaad'i, seera isaa gula deemi; wonti akanatiifi wonti nama iraa fed'ani tana.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite