10 Inni maro teennaafi due, aka nu isa woliini teennu, ato gaafa inni d'ufu nu jiraanne yokhaani doonele.
Wonti akanatiifi Kristoleeni nami dansaani maro nama hamatiifi due. Inni maro keesaniifi maro tokotu due, aka akasiini Waaqati isani deebisu. Nafa isa ijeesani ammo lubbuuni isaa injirti.
Jaalala keesa yaa, akuma Kristoni nu jaalate jireenna ufii nuu baase, sorio dansa fooleeni isii Waaqa gammachiiftu nuu tahe.
Eentu dandae wollaala worrati mura? Kristo Yesoni la due, ammalle la duisa keesaa kaasani harka mirga ka Waaqa teesisani; inni Waaqa nu kad'ata.
nu worra gaafasi jirru ch'ufa dumansa keesati worra kaani woliini wolti guurani, gubbati Aabbooni wolwoldeenna. Duuba guyya ch'ufa Aabbo woliini teena.
Kristoni daba inqabu, ammo Waaqi maro teennaafi isaa daba tolche aka nu maro Kristotiifi d'uga Waaqa argannu.
Wonti inni nama ch'ufaa duefi aka nami tokoleeni ufiifi injiraanne, ammo maro nama due duisa keesaa kaasaniifi jiraatu.
Kristoni daba keenna maskaliti baate, aka nu dabaani doone d'ugaani jiraannu. Madaa isatiini isani fayyisani.
Inni nafa ufi nuu kenne, aka hameenna ch'ufa keesaa nuu baase, gumi isaa qulqullo, ta waan dansa tolchu feetu nu tolchu.
ka nafa ufii kenne akasiini nama ch'ufaa baasu. Guyyaani geennaani, dubbi suni ya d'ugeesani.
Oboleyaani, nu isanii waan d'uga ka worra due dabre barattani feena, aka isani aka worra abdi inqamne ilaalefanne.
Dubbi jabdu ta nati odeesani anileeni isaniti dabarse: ta Kristoni maro daba keennatiifi due jettu, akuma t'aafi keesati t'aafani;
Nami tokoleeni jaalala hagana ira inqabu, ta nami maro jaalaani ufitiifi duu.
Maro waan kanatifi Abbaani na jaalata, maro anini jireenna kiyya baasuufi aka deebie fud'ad'u.
Anini tissitu dansa. Tissituuni dansaani jireenna ufi maro hooliyetiifi baafti.
akuma Ilmi Nama, aka nami isa hojattufi ind'ufiini, ammo aka namaa hojate, jireenna ufi maro nama heddutiifi baasu d'ufe.
akuma Abbaani na beekhe, anileeni Abba beekhu. Anini jireenna kiyya maro hooliyetiifi baasa.
Barsiisaani Aabbo ta nu isani barsiimnu tana: nu worri gaafa Aabbooni deebiu jirru, worra qara due kaani dura iyaanu.
Tanaafi nu aka biyya d'ibi rafu himmalle; hojja ch'ufa kurfo teenne eegu malle.
Jechi kunini ka d'ugaati: Yo nu isa woliini doone, nu isa woliini jiraanna;