Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1Tasaloonqe 4:3 - KITAABA WAAQA

3 Wonti Waaqi isani iraa fed'u tana: inni isanii qulqullooftani algalooma lagattani fed'a.

Gade chapit la Kopi




1Tasaloonqe 4:3
47 Referans Kwoze  

Armaa achi jireenna keesani ch'ufaani fed'i Waaqa keesa taa, d'araa nafa lakisa.


Waaqi nagaya nuu kennu, ka is isaa isani tolfatiinna, lubbufi onneefi nafa keesani wollaala ira d'owiina, gaafa Aabbo Yeso Kristoni d'ufu.


Aada lafa tana jaalattani gula indeemina, ammo ha Waaqi garaa keesaniifi qalbi teesani jijiruuti. Yoosi fed'i Waaqa barattani, waan dansa, ka isa gammachiisa, ka qit'e.


Nami ch'ufti fuud'a ulfeesu male, d'iirsafi niitiini wollakisani gara d'ibi yau himmalle. Waaqi worra waan hamtu tolchuufi algala wollaala iti mura.


Indaallaina, fed'i Aabbo Waaqaa hubad'a.


Yaada lafa, ka isani keesa jiru ka aka sharmut'oma fa t'urifa, d'araafa, fed'i hamtufi sabdooma, awaalu maltani. (Sabdoomi aka waan harkaani boch'ani kad'atani jira.)


Nami d'iira ch'ufti aka worra Waaqa imbeenne, ka d'araa nafaa hamtu gula yau intolchiini; ammo ha kara dansa qulqullooni niiti ufi woliini tau.


Wonti nafi fed'u diiduma teeti: wolbaraachafi t'urifi huji hamtu;


Lafafi d'araani isileeni indabarti, ammo nami fed'i Waaqa tolchu haga hegeri taa.


Nami Aabbo, Aabbo, naani jed'u ch'ufti Finna gubba inargattu, ammo nama fed'i Abba kiyya ka gubba jiru guutu ch'allati argata.


Ammo nama daafanafi kiyyibafi hamafi nama nama ijeesufi algalaafi ka murma baafatufi ka waan harkaani boch'ani guddisuufi ka nama sobu, fullaani worraa galaana ibidaati, ka duisa lameeso.


Hojja ch'ufa maro teesaniifi Waaqaa galata deebisu malle, isani oboleyaani Aabbooni jaalatu. Wonti akanatiifi Waaqi haguma qara isani fohate, aka baafamtani, waan Lubbuuni isani qulqulleesite isani d'uga fud'attaniifi.


Isani obsu maltani, aka fed'i Waaqa tolchitani, waan inni kakhate argattani.


Hojja worri isani ilaalu ch'alla inhojatiinaafi, ammo garaa keesani ch'ufaani waan Waaqi fed'u tolcha, aka tissele Kristo.


Ammo maro hameenni guddaani jiruufi, nami ch'ufti niiti ufi qabaachu male, nad'eeni ch'uftileeni d'iirsa ufi qabaachu malte.


sagale waan harkaani boch'ani baasani inyaatiina; d'iigafi waan hud'ani ijeesaniifi algalooma lagad'a. Yo isani waan kana ch'ufa lagattani waan dansa tolchitani. Nagayaati taa.


Atini Waaqa kiyya, fed'i tante na barsiisi. Dansuma tanteetiini kara qajeela naa akheekhi.


Ee Waaqa kiyya, anini akami fed'i tante guutu fed'a! Barsiisaani tante qalbi tiyya keesa jirti.


waan ch'ufa keesati galata deebisa. Wonti Waaqi isani ira fed'u tana, jireenna keesani ka Kristo keesa jiru.


Nami fed'i Waaqa guutu ch'ufti oboleesafi haad'a tiyya.


Maro fed'i Aabbo Waaqatiifi isani fohatani, aka Lubbu isaatiini gumi qulqullo taatani, Yeso Kristo ee jettani guuttani, d'iiga isatiini qulqulloftani. Eebafi nagaya guddisa argad'a.


Waaqi nagayaa waan dansa ka isani feetani ch'ufa isanii kenniina, aka fed'i isaa tolchitani; ammalle inni Yeso Kristo keesa waan isaa gammachiisa nu tolchisiisiina. Guddinni haga hegeri gara Kristo ha tahu! Amini.


Inni nafa ufi nuu kenne, aka hameenna ch'ufa keesaa nuu baase, gumi isaa qulqullo, ta waan dansa tolchu feetu nu tolchu.


Maro waan kanatifi nu haguma waan keesani d'ageenne Waaqa isanii kad'anna. Nu Waaqa kad'anna, aka inni fed'i ufi aka dansa isani barsiisu, hubachaafi qalbi Lubbuuni isaa namaa kennitu ch'ufaani.


Insodaad'a, aka yo anini ammalle d'ufu, Waaqi kiyya fuula keesani durati na diqeesa, ammalle aka anini worra duri daba tolche, ammo hameenna suni ka aka daba algaloomatiifi ka d'araa hamtu ira indeebiini bohu.


Ammo Waaqi ya Kristo Yesoni takaa isani tolche, ammalle ya Kristo qarooma keenna tolche; maro isaatiifi nu Waaqaani wolti araaramne, ya gumi Waaqaa taane, ya balcha taane.


Atini ila worraa bante, dukana ira gara ifsa worra deebifta, ammalle jabeenna Sheet'ana iraa Waaqati worra deebifta; aka d'ugefacha worri na d'ugefateeni daba worraa araaramaniifi, gumi Waaqi fohate keesati fulla argatani.


Yesoni waan jed'eeni, Sagaleeni tiyya aka anini fed'i nama na erge tolche huji isaa hobaasu.


Garaa keesaa herega hamafi ijeechafi wolbarachaafi ch'abanumafi hannafi d'arafi arabati baha.


Nama waan Abbaani kiyya ka gubba fed'u tolchu ch'allati oboleesafi, oboleetifi, haad'a tiyya.


Epafraleeni ka gumi teesani, ka hojattu Kristo Yeso, nagaya d'aama. Inni hojja ch'ufa guddo Waaqa isanii kad'ata, aka isani jabaattani guddattani aka dansa d'ugefattani fed'i Waaqa ch'aqaftani.


Ammo amma isani ya daba jalaa baatani tissele Waaqaa taatani; maro waan kanatifi amma jireenni keesani ch'ufti qulqullo, eegi tana jireenna hegeri argattani.


Ammatana harka Waaqatiifi dubbi eeba isaati isani lakisa. Isiini dandeete isani jabeesite worra qulqullo woliini d'aala isani kenniti.


Ammo nu tatabe d'aamsa nagaya worraa t'aamna, aka worri sagale waan harkaani boch'ani baasani dide, algalooma ira ufi d'owe, waan hud'ani ijeesani yokhaani d'iigale lagatu.


Yo nami fed'i Waaqa tolchu fed'e, aka wonti ani barsiisu gara Waaqati baate yokhaani anumaani dubbad'u gargari imbeekha.


Eegad'a aka nami tokoleeni sharmut'a tahe, yokhaani aka Esau inhamaanne, ka sagale guyya tokotiifi d'aala ufi ta angafooma gurgurate.


Ya hameennafi ch'ubbufi sabdoomafi t'uriini guutamani; wolqot'isani, wolijeesani, wolhad'ani, wolsobani, wolhamatani. Duddaduuba wolnyaatani,


Ammo moga dira, worra hamamafi falfaltufi algalaafi ka nama ijeesufi ka waan harkaani boch'ani kad'atuufi nama dubbifi hujiini kiyyibuuti jira.


Ammo waan anini isaniini jed'u, Nami niiti ufi ta d'iira d'ibi imbaranne lakise ya daba keesa isi seensise; nami isi fuud'uleeni daba tolcha.


Wonti akasitiifi waan nu jabeenna Aabbo Yesotiini isani barsiimne imbeetani.


Nami d'iiratifi ka uwa eegi woliini rafe worri lachu bisaani d'iqachu male, duuba haga aduuni d'iituti worri qulqullooniti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite