Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 8:12 - Waadaa Haarawa

12 Deebi'ee'llee Yesus, «Ani ifa biyya lafaati, ka ana horddofu marrinuu ifa jireennaa ni argata, dukkanaan'llee hin dedeebi'u» jechu'uun, isaanitti ni dubbate.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

12 Ammallee Yesuus, «Ani ifa adunya'aati, ka na faana deeme, ifa jireennaatitu ta'aaf malee, dukkana keessa hin jiraatu» jedhee isaanitti dubbate.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 Ammallee Yesuus, «Ani ifa adunya'aati, ka ana faana deemu, ifa jireennaatitu ta'aaf malee dukkana keessa hin jiraatu» jedhee isaanitti dubbate.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 8:12
31 Referans Kwoze  

ka anatti amanu marrinuu dukkana keessa akka hin jiraanneef, ani ifa ta'ee gara biyya lafaa dhufee jira.


Biyya lafaa irra yeroo jirutti, ani ifa biyya lafaati.


Yesus'llee akkana isaaniin jedhe, «Amma yeroo muraasaaf isin woliin ifin ni jira, dukkanni akka isin irraa hin geenneef, ifin uduu isinii jiru dedeebi'aa, dukkanaan ka dedeebi'u garam akka deemu hin beeku.


«Isin ifa biyya lafaati, magaalaan Gaara irratti ijaaramtte dhokachu'uuf hin dandeettu.


Muritiin'llee kana, ifin gara biyya lafaa ni dhufe, namoonni garuu hujiin isaanii hamaa waan ta'eef ifa irra dukkana ni jaalatan.


Maleyikoonninuu yeroo cubbuu hojjatanitti Waaqinni uduu garaa isaanii hin laafniif, boolla dukkanaa gad fago'oo keessatti guyyaa murti'ii akka eeggataniif, gara ibidda asaabaa titti isaan ni gate.


Kana'llee ka raawwanuuf Gooftaan, ‹fayyinna haga daangaa arddi'ii titti akka fidu'uuf, ummata Waaqa dhugaa titti hin amanneef ifa si taasisee jira› jechu'uun, waan nu ajajeef.»


Isaan ka dubbatan, ‹Masihichi rakkina ni fudhata, du'aa ka'uun'llee ka jalqabaa ta'ee ifa fayyinnaa ummata Israa'eeliitii fi ummata Waaqa dhugaa titti hin amanneef ni ibisa› jedhaniiti.»


Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Kara'aa fi dhugaan, jireenni'llee ana, karaa kiyyaan yoo ta'e malee eennu'llee gara Waaqa Abba'aa ka dhufu, hin jiru.


Fedhii ka ana ergee raawwachu'uuf ka barbaadu yoo jiraate, barsiifnni kun Waaqa irraa ka argame yookiin ana mataa kiyyaa irraa ka dubbadhe, ta'uu ni beeka.


Ummatoonni ifa isi'iitiin ni dedeebi'an, nugusonni arddi'ii'llee ulfinna isaanii gara isi'ii ni fidan,


inni ummata Waaqa dhugaa titti hin amanneef ifa dhugaa muldhisu ni ta'a, ummata kee ka Israa'eliif ulfinna.»


Hoomacha gocha isaanii saalifachiisa'aa ka dafiqqan, isaan akka danbalii garba ciisa'aa dallaneeti, dukkantti jimiin bara baraaf akka isaan eeggatuu fi akka urjjiiwwan raanttayaniiti.


Namoonni kunniin akka burqaalee bishaan hin qabnneeti, bubbee honbololatti'iitiin akka duumessota fudhatamaniiti, dukkanitti jimiin isaan ni eeggata.


Akkuma kana aangoo isaanii eegachuu dhabuu isaaniitiin malayikkoota bakka isaanii gad dhiisan yaadadhaa, isaan Waaqinni haga Guyyaa ol aanaa murti'ii titti hidhaana bara baraatiin, dukkana jimii keessatti isaan eegee turssiisee jira.


Ijoollee ifin uduu isinii jiru, ifatti amanaa.» Yesus kana eega dubbateen duubatti, deemee isaan jala ni milqe.


Kanaaf, «Waaqaan woliin tokkummaa ni qabnna» jedha'aa dukkana keessa ka jiraannu yoo taane ni kijibnna, jecha keennaan ta'ee hujii keenna keessa'llee dhugaan hin jiru jechu'u.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite