Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 8:11 - Waadaa Haarawa

11 Isiin'llee, «Yaa Gooftaa! Eennu'llee hin jiru» jette. Yesus'llee, «Ani'llee sitti hin murtteessu, deemi, deebitee cubbuu hin hojjatin!» isi'iin jedhe.]

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

11 Isiinillee, «Gooftaa'a, eennullee hin jiru» jette. Yesuusillee, «Anillee sitti hin murteessu. Deemi; ammaa achi cubbuu hin hojjatin» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

11 Isiinillee, «Gooftaa'a! eennullee hin jiru» jette. Yesuusillee, «Anillee sitti hin murteessu, Deemi; ammaa achi cubbuu hin hojjatin» jedheen.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 8:11
27 Referans Kwoze  

Waaqinni Ilma isaa gara biyya lafaa ka ergeen, biyyi lafaa Ilma isaatiin akka fayyuuf malee, biyya lafaa irratti murtteessu'uufii miti.


Kanaan duubatti Yesus namicha fayyiseen Mana Waaqeffanna'aa titti argateeniiti, «Kunoo, amma fayyitee jirta, wonitti kana irra hammaate akka si irra hin geenneef ammaa achitti cubbuu hin hojjatin!» jedheen.


Isin yaada fooniitiin ni murteessitan, ani eennuun irratti'llee hin murteessu.


Gara Waaqaa titti deebi'uu ka isaan malu sababaa cubbamaa tokkootiin, sami'itti akkuma kana gammachuu ni ta'a, isiniin ni jedha.»


ani ka dhufeef cubbamoota gara dhiifama titti waamu'uuf malee, worra qulqullaayota waamu'uufii miti.»


Yookiin mishumma'aa fi danda'iinsa Waaqaa baayi'inna obissaa ta'uu isaa'llee ni tuffatta ree? Waaqinni mishummaa isaa ka si baayi'ise si gara dhiifama Waaqaa titti eemaru'uuf akka ta'e, hin beekittuu ree?


‹Miti, gara Waaqaa deebi'uu yoo dhabaattan, isaan'llee akkuma isaanii ni baddan› isiniin jedha.


Gara Waaqaa titti ka deebi'u sababa cubbamaa tokkootiin, sami'itti maleyikkoota Waaqaa biratti akkuma kana gammachuu ni ta'a, isiniin jedha.»


Yesus, «Mootummaan kiyya biyya lafaa kana irraayyii miti, Mootummaan kiyya biyya lafaa kana irraa uduu ta'ee jiraateetii ammoo, harka worra Yihudotaa ka aangoo qabanii titti akka hin kufnneef lolttoonni kiyya naaf ni lolan ture, Mootummaan kiyya garuu biyya lafaa kana irraayyii miti!» jechu'uun, ni deebise.


Obboleessi kee kun garuu du'ee jira ture, amma lubbu'uun ni jira, badee ture, amma argamee jira, kanaaf haalaan gammadu'utu nurra mala.› »


Miti! Gara Waaqaa titti deebi'uu yoo dhabaattan, isin'llee akkuma isaanii titti ni baddan, isiniin jedha.»


obissuun Gooftaa keenna'llee fayyinna keessaniif ta'uu isaa beekaa, ka jaalatame obboleessi keenna Phaawulos'llee haguma ogummaa isaa kennameetiin ka isiniif barreesse kanuma.


Tokkummaa Kristaanumma'aatiin ala namoota jiran irratti murteessu'uuf, ani eennuu? Waayee namoota tokkummaa kristaanumma'aa keessa jiranii, isinuu murteessu'uuf ni dandeettanii mitii?


Achii'llee ka'anii gara ganda bira'aa, ni deeman.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite