Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 7:12 - Waadaa Haarawa

12 Ummanni'llee waayee isaa hasaassi'iin ni haasayan turan, tokko tokkoon isaan, «Inni nama misha'a» yoo jedhan, kuunniin ammoo, «Miti, inni ummata ni dogoggorssa» jedhan ture.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

12 Banii jiddu'utti waan isaatiif guungummii heddutu ture. Gari gariin isaanii, «Inni nama mishaa» gariin ammoo, «Banii dogogorsa'aara» jedhan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 Banii jiddu'utti waan isaatiif guungummii heddutu ture. Gari gariin isaanii, «Inni nama misha'a» gariin ammo, «Banii dogoggorsa'aara» jedhan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 7:12
20 Referans Kwoze  

Yeroo kanatti worra Fariisota keessaa tokko tokkoon isaanii, «Naminni kun Sanbbata waan hin kabajineef, inni Waaqa irraayyii miti» jedhan. Kuunniin garuu, «Eegaa naminni cubbamaa ta'e, baasota kanniin attamitti taasisu'uuf dandda'a?» ni jedhan. Sababa kanaan'llee jidduu isaanii titti, gargar fooyamiinssi ni ta'e.


Fariisonni garuu akkana ni jedhan, «Isin'llee ammoo dogoggorttanii jirttan?


Namoonni waayee Yesusii hasaassi'iin yoo dubbatan Fariisonni ni dhagayan, kanaaf itti gaafatamoota qeesotaatii fi Fariisonni Yesusiin qabu'uuf, wordiyyoota Mana Waaqeffanna'aa ni ergan.


Hujima kamiinuu yoo hojjattanitti hin guunguminaa yookiin wol hin mormminaa.


Bakka nama qulqullaawomaat bu'ee nama du'u argachuun haalaan rakkisa'a, ta'u'llee bakka nama misha'aa du'u'uuf ka uggu, yookiin ni argama ta'a.


Inni'llee Hafuurri Qulqullu'uu fi amantiin ka itti guuttamtte nama mishaa waan tureef, namoonni laakkofssi isaanii baayi'ee ta'an, gara Gooftaa ni deebi'an.


Isaan'llee, «Ati'llee nama gara Galiila'aati moo? Nabyyiin Galiila'aa akka hin muldhanne, qoradhuu, hubadhu!» ni jedhaniin.


Namoonni'llee baasa Yesus raawwate yeroo arganitti, «Dhugamaanuu kun gara biyya lafaa nabiyyicha dhufu!» jedhan.


Magaalaa Yihudotaa ka taate Armaatiyaasiin keessa ka jiraatu Yooseef nama jedhamu tokkotu jira ture, inni'llee qulqullaayomaat fi nama mishaa ni ture, inni'llee miseensa yaa'ii Yihudotaa ni ture.


Ajajaan dhibaa ka achi ni jira ture waan ta'e yeroo argetti, «Dhugamaanuu naminni kun qulqullaayomaa ta'ee jira!» jedhee, Waaqaaf ulfinna ni kenne.


Yesus'llee, «Maali'iif arjjaa naan jetta? Waaqa tokko malee eennu'llee arjjaan hin jiru.


Mara isaaniituu sodaan isaan qabee, «Nabiyyichi ol aanaan nu jiddu'uu ka'ee jira, Waaqinni ummata isaa fayyisu'uuf dhufee jira» jedha'aa, Waaqa ni galateeffatan.


Kanaaf naminni mishaan onnee isaa mishaa irraa, waan mishaa ni baasa, naminni hamaan'llee onnee isaa hamaa irraa waan hamaa ni baasa. Naminni ka afaan isaatiin dubbatu waanuma onnee isaa guutee irraa hafe.


«Yaa Gooftaa! Dogoggorssaan sun uduma lubbu'uun jiru, ‹guyyaa sadihiin duubatti du'aa ni ka'a› ka jedhe, ni yaadanne.


Kanaaf isa qabu'uuf barbaadanii turan, ummanni garuu akka nabiyyi'ii titti ni laalan waan turaniif, ni sodaatan.


Kanaaf barataan akka barsiisaa isaa, tajaajilaan'llee akka Gooftaa isaa yoo ta'e ni gayaan. Abbaa manaa Bi'el Zebul jedhanii yoo waaman maatii isaa garuu maqaa hammaa ta'een attam hin waaninneen!


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite