Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 6:2 - Waadaa Haarawa

2 Namoonni baayi'een Yesus dhukkubisatoota fayyisu'uun baasa inni taasise yeroo argan, ni horddofaniin.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

2 Maalalee dhibamtoota irratti inni godhe waan arganiif baniin hedduu isa faana deeme.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Maalalee inni dhibamtoota irratti godhe waan arganiif baniin hedduu isa faana deeme.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 6:2
19 Referans Kwoze  

Yesus garuu marri isaanii hama'aa beekee bakka san dhiisee ni deeme, namoonni baayi'een'llee isa horddofanii ni deeman, worra dhukkubisatan mara'llee ni fayyise.


Yesus'llee kana baasa jalqaba baasota maraa ka ta'e kana, arddii Galiila'aa magaalaa Qaana'aa titti ni taasise, bifa kanaan'llee ulfinna isaa ni muldhise, barattoonni isaa'llee isatti ni amanan.


Haa ta'u malee yeroo isaan deemanitti namoonni baayi'een arganii isaan ni beekan, magaalaa maraa'llee bayanii miilaan fiiga'aa isaan durssaniiti, isaa biratti wol ni gayan.


Yesus'llee hoboloo irra yeroo bu'etti ummata baayi'ee argee, garaa isaanii ni laafe, dhukkubisattoota'llee ni fayyise.


Yesus yeroo Gaara irraa bu'etti, namoonni haalaan baayi'e'ee ni horddofaniin.


namoonni baayi'een gara isaa dhufanii wolgayuu isaaniitiin hoboloo irra bayee ni taa'e, ummanni marri'llee garba ciisaa bira dhaabatanii ni jiran turan.


«Haa ta'u malee namichi achii bayee, waan kana maraa nama marattuu odeessuu jala ni qabe. Waayee kanaan'llee Yesus gara magaalaa kamiituu, ifatti aseenu'uuf hin dandeenne. Garuu magaala'aan alatti bakka naminni hin jirre ni jiraata ture. Ta'u'llee namoonni bakka maraa gara isaa ni dhufan ture.»


Yesus yeroo Ayyaana Faasiika'aa titti Yerusaalemiin uduma jiru baasota inni raawwate arguu isaaniitiin, namoonni baayi'een isatti ni amanan.


Naminni kun halkaniin gara Yesus dhufee, «Yaa barsiisaa, Waaqinni isa woliin yoo ta'e malee kaniin baasota ati taasisa'aa jirttu kana taasisu'uuf ka danda'u eennu'llee hin jiru, kanaaf ati Waaqa biraa ka dhuftte barsiisaa akka taate ni beekinna» jedheen.


Namoonni'llee baasa Yesus raawwate yeroo arganitti, «Dhugamaanuu kun gara biyya lafaa nabiyyicha dhufu!» jedhan.


Guyyaa itti aanutti'llee namoonni garba ciisa'aan gamatti hafanii turan, garba ciisaa irra hoboloon takka qoftti akka turee fi achitti'llee barattoonni isaa adda isaanii titti akka deeman, Yesus garuu isaan woliin hoboloo irra akka hin bayin, arganii turan.


Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebisee, «Dhugaa isiniin jedha, isin ka ana barbaadan buddeena waan nyaattanii fi waan quuftaniif malee, baasa waan argitaniifii miti.


Isaan'llee akkana ni jedhaniin, «Nu'u arginee sitti akka amannuuf baasa maal taasftta? Maal'llee hojjatta?


Kanaaf itti gaafatamoonni qeesotaatii fi Farisonni miseensota yaa'ii wolitti qabanii akkana jedhan, «Naminni kun baasota baayi'ee waan raawwatuuf, maal yoo raawwanne woyyaa?


Namoonni baayi'een'llee isaan wolgayu'uuf ka dhufaniif'llee, baasa kana akka taasise dhagayanii waan turaniif.


Yesus'llee baasa baayi'ee isaan duranatti yoma taasise'llee, Yihudonni isatti hin amanne.


Yesus kitaaba kana keessatti ka hin barreeffamin baasota baayi'ee, barattoota isaa duratti taasisee jira,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite