Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 4:6 - Waadaa Haarawa

6 Achi'llee boollaa bishaanii ta Yaaqoobiititu jira ture, Yesus karaa deemuu irraa ka ka'een waan dadhabeef, boolla bira ni taa'e, yero'oon'llee gara saa'aatii jahaa ni ta'a ture.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

6 Bisaan boolla Yaaqoobiititu achi ture. Yesuusillee waan deema'aa oolee dadhabeef boolla bisaan sanii bira taa'e, hennaan sunillee guyyaa keessaa gara sa'aatii jahaati.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

6 Bisaan boolla Yaaqoobiititu achi ture. Yesuus waan deema'aa oolee dadhabeef boolla bisaanii san bira taa'e; hennaan sun guyyaa keessa gara sa'aatii jahaati.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 4:6
12 Referans Kwoze  

Nu'u ka qabnnu itti gaafatamaan qeesotaa dadhabbii keennaan nuuf nayuu ka danda'u, inni'llee waan maraanuu akkuma keenna ni qormaatame, ta'u'llee cubbuu woyiituu hin hojjanne.


Kanaaf waan maraanuu akkuma obboleeyyan isaa ta'uu qaba ture, bifa kanaan cubbuu namootaa dhabamisiisu'uuf jedhee, Waaqa tajaajilu'uuf amanama'aa fi itti gaafatamaa qeesotaa ni ta'e.


Danbaliin ol aanaan garba ciisaa irratti waan ka'eef, danbaliin hoboloo garagalchee jala dibu'uun ni gaye, Yesus garuu rafee jira ture.


Saa'aatii jahaa jala qabee haga saa'aatii sagalii titti arddii mara irratti dukkana ni ta'e.


Achitti'llee guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa eega soomeen duubatti, ni beelaye.


Isin kennaa bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii ni beekittan, inni yoma dureessa ta'e'llee hiyyeessa ta'uu isaatiin, isin dureeyyii akka taataniif waayee keessaniif jedhee hiyyeessa ni ta'e.


Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Guyyaa keessa yeroon jiru saa'aatii kudha lamaa mitii ree? guyya'aan ka dedeebi'u ifa biyya lafaa kanaa waan arguuf, hin gufatu.


Yesus'llee, «Jeedallan boolla ni qaban, sinbirroonni samii'llee mandhee ni qaban, Ilmi Namaa garuu matama isaatuu bakka itti boqachiisu hin qabu» jechu'uun, ni deebiseef.


Achitti'llee ilma isi'ii ka hangafaa ni deette, subbee ammataatiin'llee ni martteen, bakka bulttii keessummootaa'llee waan hin argatiniif, moonaa hori'ii bakka horiin itti nyaatan gongaa keessa, ni rafifitteen.


Kanaaf bakka Yaaqoob ilma isaa Yooseefii kenne biraan gara bakka argamittu, Sikaar jedhamttee gara bakka waamamittuu gara magaalaa Samariya'aa ni dhufe.


Yeroo sanitti dubarttiin biyya Samaariya'aa takka bishaan woraabu'uuf gara boollaa ni dhufitte, Yesus'llee, «Bishaan ana obaasi» ni jedheen.


Ati boolla kana ka nu'uuf kenne abbaa keenna Yaaqoobiin ni caaltta moo? Isaa fi ijoolleen isaa, horiin isaa'llee boolla kana keessaa dhuganii jiran.»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite