Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 4:10 - Waadaa Haarawa

10 Yesus'llee, «Kennaa Waaqaatii fi ‹bishaan ana obaasi!› ka siin jedhu eennuun akka ta'e uduu ka isa beekittu ta'ee, isa kadhachuun ka sirraa malu si ture, inni'llee bishaan jireennaa siif ni kennaa ture» jedheen.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

10 Yesuus deebisee, «Kennaa Rabbiitii fi ka bisaan na obaas siin jedha'aaru eennuun akka ta'e uduu beettee, silaa situ na kadhata. Innillee silaa bisaan jireennaa sii kenna» isi'iin jedhe.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 Yesuus deebisee, «Uduu kennaa Rabbiitii fi ka bisaan na obaas siin jedha'aaru eennuun akka ta'e beettee silaa situ na kadhata; innillee silaa bisaan jireennaa sii kenna» isi'iin jedhe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 4:10
49 Referans Kwoze  

bishaan ani kennu irraa ka dhugu garuu bara baraaf gonkumaa hin dheebotu, bishaan ani kennu nama dhuguuf, jireenna bara baraatiif ka burqqu, burqqaa bishaan jireennaa ni ta'a.»


teessicha jidduu Hoolichi jiru'llee tissee isaanii ni ta'a, gara burqqaa bishaan jireennaa'llee isaan ni eemara, Waaqinni'llee imimmaan isaanii mara ija isaanii irraa, isaaniif ni haqa.»


Kanaan duubatti'llee akkana naan ni jedhe, «Raawwatamee jira! Alfa'aa fi Omeegaan, ka jalqabaatii fi ka muumme'ee'llee ana, ka dheeboteef bishaan burqqaa jireennaa irraa gatii tokko malee bilisaan ni kennaaf,


Ka isatti amanu marrinuu jireenna bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badinne Waaqinni biyya lafaa haalaan waan jaalateef, Ilma isaa tokko ni kenne.


Hafuurri Qulqullu'uu fi Idaayyittiin, «Koottu!» ni jedhan, Ka dhagayu'llee, «Koottu!» haa jedhu, ka dheebote'llee haa dhufu, ka barbaade'llee bishaan burqqaa jireennaa gatii woyiituu malee, bilisaan haa dhugu.


Waaqinni Ilmi isaa tokkochaafuu uduu garaa hin laafin waayee keennaaf dabarssee eega kenne, attamitti Ilma isaa woliin waan maraa bilisaan nu'uuf hin kennine ree?


Marrinuu dhugaatii hafuuraa ka bifa tokkoo ni dhugan, ka dhugan'llee isaan horddofa ka ture siidaa hafuuraa san irraa ka burqqee ture, siidaan dhaga'aa sun'llee mataa isaatuu Kristosiin ture.


Yesus'llee akkana isaaniin jedhe, «Buddeenni jireennaa ana, gara kiyya ka dhufu gonkumaa hin beelayu, anatti ka amanu gonkumaa hin dheebotu,


Jireenni bara baraa'llee si qofa, ati qoftti Waaqa dhuga'aatii fi Yesus Kristosii ergite'llee, beeku'u.


Sami'ii ka bu'e buddeenni jireenna kennu ana, buddeena kana irraa ka nyaatu marrinuu bara baraaf ni jiraata, biyya lafaatiif' jireenna akka ta'u, buddeenni ani kennu foon kiyya.»


Jecha namaatiin dubbatamu'uuf ka hin danda'aminne, waayee kennaa isaatiif Waaqinni ka galateeffame haa ta'u.


Isin hamaaleyyii taatanii uduu jirttan ijoollee keessaniif waan mishaa kennu'uuf eega beekittan, samii ka jiraattu abbaan keessan ammoo worra amananiif, Hafuurri Qulqulluu attami caalissisee, isaanii hin kenninneef.


Isin ka fayyitan karaa amanti'iitii fi kennaa isaa ka bilisaatiin, kun'llee kennaa Waaqaati malee hujii keessaniin ka argamee miti.


Isin garuu Waaqinni Yesus Kristosiin woliin tokkummaa akka qabaattan isin ni taasise, kanaaf Waaqinni Yesus Kristosiin ogummaa keenna, qulqullaawoma keenna, qulqullummaa keennaa fi wobii keenna akka ta'u ni taasiseen.


Ilmi Waaqaa akka dhufee fi Waaqa dhuga'aa'llee akka beekinnuuf, onnee hubattuu akka nuuf kennee ni beekinna, karaa Ilma isaa Yesus Kristositiin, isa Waaqa dhuga'aa woliin tokkummaa ni qabnna. Yesus Kristos Waaqa dhuga'aatii fi jireenna bara baraati.


Kana'llee ka raawwatan, Waaqa Abbaa ta'ee ana'llee, waan hin beekiniif.


Gooftaan'llee akkana jedheen, «Gara karaa Qajeelaa jedhamuu deemi, achi'llee nama Yihudaa titti Saa'ol ka jedhamu nama biyya Xersees barbaadi, inni amma kadhannaa irra jira.»


Amantii isaanii namoonni waakkatan attamitti dhiifamaan gara Waaqaa titti deebisu'uuf danda'ama? Namoonni kunniin asiin durana ifin isaanii ifee ture, kennaa samii'llee dhandhamanii turan, Hafuura Qulqulluu woliin'llee qoodamtoota ta'anii turan,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite