Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 4:1 - Waadaa Haarawa

1 Yeroo sanitti Yesus Yohaannisiin caala'aatti namoota baayi'ee barattoota isaa akka taasisuu'uu fi akka cuuphu Farisoonni ni dhagayan,

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

1 Fariisonni Yesuus Yohaannisiin caalaa'a, darasoota akka eda'atee fi akka cuuphaaru akka dhagayan Yesuus haga beeke,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Hennaa san Fariisonni Yesuus Yohaannisiin caalaa'a darasoota akka eda'atee fi akka cuupha'aaru akka dhagayan Yesuus haga beeke,

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 4:1
15 Referans Kwoze  

Barattoonni Yohaannisii'llee gara Yohaannisii dhiyaatanii, «Yaa barsiisaa, Laga Yoordaanosiitiin gamatti ka si woliin turee fi ka ati waayee isaatiif ragaa baateef, kunnoo, inni'llee ni cuupha, namoonni marri'llee gara isaa ni deeman» jedhaniin.


Kanaan duubatti Yesus barattoota isaa woliin gara biyya Yihuda'aa ni deeme, achitti'llee namoota cuupha'aa isaan woliin yeroo muraasaaf ni ture.


Nu'u ka barsiifnnu Yesus Kristos Gooftaa ta'uu isaatii fi nu'u mataan keennaa waayee Yesusiitiif tajaajilttoota keessan ta'uu keenna malee, waayee mataa keennaa hin lallabnnu.


Naminni jalqabaa Addaam ka uumame lafa irraa waan ta'eef ka lafaat, Naminni lammaffaa ka dhufe samii irraayyi.


Bittoota biyya lafa tanaa jiddu'uu ogummaa kana ka beeke eennu'llee hin jiru, beekaniinii ka jiraatan uduu ta'eetii Gooftaa ulfinnaa kana hin fannisaniiniiyyu ture.


Waaqinni ummata Israa'eeliitiif dubbii isaa erguun isaa ka beekkame, Gooftaa maraa karaa Yesus Kristositiin, nagaya lallaba'aa, ka dhufeef'llee isaaniif.


Uffata isaatii fi gudeeda isaa irratti, «Nugusa nugusotaa, Gooftaa gooftotaa» maqaan jedhu, barreeffamee jira.


Yaa obboleeyyan! Gooftaa ulfinnaa Yesus Kristostti worra amantan yoo taatan, tokko ka bira'aa ni caala jechu'uun, nama jiddu'utti daloo hin raawwatinaa.


Kunoo, adha magaalaa Daawiitii titti Fayyisaan isiniif dhalatee jira, Inni'llee Gooftaa Kristos.


Isaan'llee, «Goofta'aaf waan barbaachisuuf» ni jedhan.


Naminni kumi'llee ‹maali'iif hiikkitan?› jedhee yoo isin gaafate, ‹Gooftaa waan isa barbaachisuuniif› jedha'aatii, deebisa'aafii.»


Deebi'ee'llee ati daa'ima nana, nabiyyicha Waaqa Jiraata'aa ni jedhamtta. Karaa isaa'llee qopheessu'uuf dursitee Gooftaa duranatti, ni deemitta.


Gooftaan'llee yeroo isii argetti garaa isi'ii laafeefii, «Jabaadhu, hin booyiin!» isi'iin jedheen.


«Masihiin ni dhufa jedhame sun, si'i moo yookiin ka bira'aa haa eeginnu? jedha'aatii gaafadhaanii» jechu'uun, gara Gooftaa Yesusii isaan ni erge.


Kristos ka ana erge dubbii wongeelaa akka barsiisuuf malee akka cuuphuufii miti, fannoon Kristos tasa ta'ee akka hin hafinneef dubbii wongeelaa ka barsiisu, ogummaa haasaya namaa irraa argameenii miti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite