Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 3:6 - Waadaa Haarawa

6 Foon irraa ka dhalate foon, hafuura irraa ka dhalate hafuura.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

6 Ka foon irraa dhalate foon; Ka Ayyaana irraa dhalate Ayyaana.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

6 Ka foon irraa dhalate foon; Ka Ayyaana irraa dhalate Ayyaana.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 3:6
25 Referans Kwoze  

Kanaaf naminni kum'llee gara worra Kristositii yoo ta'e uumama haarawa, uumaminni moofaan dabrree jira, bakka isaa'llee uumaminni haarofnni bu'ee jira.


Amalli Waaqaa isa keessa waan jiraatuu fi Waaqa irraa'llee waan dhalateef, Ilma Waaqaa ka ta'e cubbuu hin hojjatu, hojjatu'uuf'llee hin danda'u.


Gooftaa Yesusiin woliin naminni hirmmaatu garuu, isaan woliin Hafuuraan tokko ni ta'a.


Ana keessa yookiin amala foonayaa anaa keessa wonitti mishaan woyiituu akka hin jirre ni beeka, waan mishaa raawwachu'uu fedhii yoma qabaadhe'llee, waan mishaa raawwachu'uuf danddeettii hin qabu.


Fedhii fooniitiin yoo jiraattan ni duutan, garuu huminna Hafuura Qulqullu'uutiin, hujii keessan ka foonii yoo ajjeefttan, lubbu'uun ni jiraattan.


Nu'u marri keennaa asiin durana isaan jiddu'utti fedha foon keennaatii fi yaada sammuu keennaa horddofa'aa hawwii foon keennaatiin ni jiraanna ture, akka kaanniinii'llee uumama keennaan dallansuu Waaqaa jala turre.


Isatti'llee amanuu keessaniin gadoomittanii jirttan, gadoomuun keessan kun'llee cubbamaa amala foon keessan isiniif dhabamasiisu'uuf, Kristosiin ka taasfame malee harka namaa titti ka taasfamee miti.


Namoonni ka Yesus Kristosii ta'an foon gubata isaatii fi hawwa isaa woliin fannisaniinii jiran.


Isaan'llee Waaqa irraa ni dhalatan malee fiixaa namaa, jechuun'llee fedhii foonii irraa yookiin fedhii namaa irraa hin dhalanne.


Fedhii fooniitiin ni dedeebina yeroo turretti seeraan ka kaka'u hawwiin hamaan du'aaf firii akka daraarru, kutaawwan qaama keennaa keessatti ni hojjata ture.


Karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin, ka ana fayyisu, Waaqaaf galanni haa ta'u! Eegaa ani sammuu kiyyatti, seera Waaqaatiif bitamaa yoo ta'u, amala kiyya ka fooniitiin seera cubbu'uutiif, bitamaa ta'ee jira.


Kanaaf, ‹lammaffaa dhalachuu isin barbaachisa› waan si'iin jedheef hin maalaliffatin.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite