Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 3:5 - Waadaa Haarawa

5 Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Dhugaa siin jedha, naminni bishaanii fi Hafuura Qulqullu'uun yoo dhalate malee, gara Mootummaa Waaqaa titti aseenu'uuf hin dandda'u.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

5 Yesuusillee akkana jedhee deebiseef, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni bisaanii fi Ayyaana Woyyuu irraa yoo dhalate malee, jeennata Rabbii galuu hin danda'u.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

5 Yesuus akkana jedhee deebiseef, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni yoo bisaanii fi Ayyaana irraa dhalate malee jeennata Rabbii galuu hin danda'u.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 3:5
35 Referans Kwoze  

Phexiros'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Gara Waaqaa titti deebi'aa, cubbuun keessan'llee isiniif akka dhiifamu, tokkoon tokkoon keessan maqaa Yesus Kristositiin cuuphamaa, kennaa Waaqaa ka ta'e Hafuura Qulqulluu'llee ni fudhattan,


Kristos kana ka taasise woldaya amanti'ii Qulqullaawomssu'uuf barbaadeeti ka isii Qulullaawomssee'llee, karaa dubbii isaatiin bishaaniin miiceeti.


Bishaan kun'llee amma isin ka fayyisu fakkeenna cuupha'aati, cuuphaan kun'llee xurii qaamaa dhabamisiisuu uduu hin ta'in, sammuu qulqulluu argachu'uuf kadhannaa gara Waaqaa dhiyaatu, ka isin fayyisu'llee karaa du'aa ka'iinssa Yesus Kristositiin,


Isin keessaa'llee tokko tokkoon keessan akkuma kana turttan, ammaa garuu maqaa Gooftaa Yesus Kristositii fi hafuura Waaqa keennaatiin cubbuu irraa miicamttanii jirttan, Waaqaaf'llee ka addaan baye ummata Qulqulluu taatanii jirttan, qulqullaayomttanii'llee jirttan.


Kunoo, ani gara Waaqaa titti akka deebitaniif bishaaniin isin ni cuupha, ka ana duubaan dhufu garuu Hafuura Qulqullu'uu fi ibiddaan isin ni cuupha, inni ana haalaan ni caala, ani kophee miila isaatuu baadhachu'uuf ka malee miti.


Yesus'llee, «Dhugaa siin jedha, naminni deebi'ee yoo dhalate malee Mootummaa Waaqaa argu'uuf hin dandda'u» jedheen.


Ka amanee fi ka cuuphame ni fayya, ka hin amanne garuu itti ni murtteeffama.


Waaqa biraa waan nuuf kenname akka beekinuuf Hafuura Waaqaati malee, nu'u hafuura biyya lafa tanaa hin fudhanne.


Isaan'llee Waaqa irraa ni dhalatan malee fiixaa namaa, jechuun'llee fedhii foonii irraa yookiin fedhii namaa irraa hin dhalanne.


Yesus Masihii ta'uu ka amanu marrinuu Ilma Waaqaati, ka abbaa jaalatu marrinuu ilma'llee ni jaalata.


Inni qulqullaawomaa ta'uu eega beekittan ka qulqullaawoma ka raawwatu marrinuu, Waaqa irraa ka dhalate ta'uu isaa beekaa.


Kanaaf gadoomuu ta'ee gadoomuu dhabuun womaa hin fayyadu, ka fayyadu ammoo uumama haarawa ta'u'u.


Mootummaan Waaqaa qulqullaawoma Hafuura Qulqullu'uun argamu, nagayaa fi gammachu'uuti malee, waayee nyaataatii fi dhugaati'iitii miti.


eegaa gara ummata biyya lafaa mara deemaa, maqaa Waaqaa Abba'aa, maqaa Ilmaatii fi maqaa Hafuura Qulqullu'uutiin isaan cuupha'aa, barattoota kiyya taasisaa.


Akkana'llee ni jedhe, «Dhugamaan isiniin jedha, jijjiiramuu yoo dhabaattanii fi akka daai'maa yoo taatan malee, gonkumaa gara Mootummaa Sami'ii titti hin aseenttan.


Waaqinni Abbaan akkaatama bu'uura durssee beekeetiin isin worra filatamittaniif, Yesus Kristosiif ajajamu'uu fi dhiiga isaatiin fiicamttanii, qulqullaayu'uuf, Hafuura Qulqullu'uun'llee ka Qulqulloofttaniif, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa baayi'atu.


Eegaa cubbuu keessan akka isinii dhabamisiifamuuf, cubbuu keessan irraa gara Gooftaa deebi'aa.


‹Miti, gara Waaqaa deebi'uu yoo dhabaattan, isaan'llee akkuma isaanii ni baddan› isiniin jedha.


Kanaaf qulqullaayoma keessan ka barsiisota seeraatii fi qulqullaayoma worra Fariisotaa yoo hin caalin, gonkumaa gara Mootummaa sami'ii titti akka hin aseenne isinitti ni hima.


Jireenna Yesus Kristosiin ariggamu ka kennu seerri Hafuura Qulqullu'u, seera cubbu'uu fi du'aa jalaa bilisa ana baasee jira.


«Balbala dhipo'oon aseenu'uuf tataafadhaa, balbala kanaan aseenu'uuf worri barbaadan baayi'eewwan, garuu aseenu'uuf hin danda'an, isiniin jedha.


Miti! Gara Waaqaa titti deebi'uu yoo dhabaattan, isin'llee akkuma isaanii titti ni baddan, isiniin jedha.»


Dabalee'llee isiniin ni jedha, naminni dureessi gara Mootummaa Waaqaa titti aseennu irra, gaalli qaawwa marfe'eetiin uduu dabrree salphaa ni ta'a.»


Eegaa ijoollee kaniin lamaan keessaa, ka ajaja abbaa isaa raawwate kamii?» Isaan'llee, «Ka jalqabaati kaa!» jedhan. Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Dhugamaan isiniin ni jedha, cubbamoonnii fi sagaagalttoonni gara Mootummaa Waaqaa titti galu'uun, isin ni durssan.


Ijji kee'llee yoo si dogoggorste ufi keessaa baasii gati, ji'a lamaa uduu qabddu gara ibidda asaabaa titti gatamuu irra, ija takka qabaattee gara Mootummaa Waaqaa titti, galuu siif woyya.


Yesus'llee kana arguu isaatiin dallanee, barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Mootummaan Waaqaa isaan akkana jiran kanniiniif waan taateef daai'mman gara kiyya haa dhufanii dhiisaa, isaan hin dhoogina'a,


Niqoodemos'llee, «Eegaa, naminni eega jaarsomeen duubatti attamitti dhalachu'uuf dandda'a? Deebi'ee gara gadaamessaa haadhaa titti galee dhalachu'uuf ni dandda'a ree!? Deebi'ee gara gadaamessaa haadhaa titti galee dhalachu'uuf ni danda'aa ree?» jechu'uun, ni gaafate.


Yaa obboleeyyan! wonitti isinitti himu kana, foonii fi dhiiginni Mootummaa Waaqaa hin dhaalan, akkuma kana qaaminni du'uu ka badu ka hin badinne, qaama hin banne jiraataan ka hin badinne hin dhaalu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite