Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 3:3 - Waadaa Haarawa

3 Yesus'llee, «Dhugaa siin jedha, naminni deebi'ee yoo dhalate malee Mootummaa Waaqaa argu'uuf hin dandda'u» jedheen.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

3 Yesuusillee deebisee, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni lammaffaa deebi'ee yoo dhalate malee, jeennata Rabbii galuu hin danda'u» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 Yesuus deebisee, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha namni yoo lammeessoo deebi'ee dhalate malee jeennata Rabbii galuu hin danda'u» jedheen.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 3:3
32 Referans Kwoze  

Kanaaf naminni kum'llee gara worra Kristositii yoo ta'e uumama haarawa, uumaminni moofaan dabrree jira, bakka isaa'llee uumaminni haarofnni bu'ee jira.


Amalli Waaqaa isa keessa waan jiraatuu fi Waaqa irraa'llee waan dhalateef, Ilma Waaqaa ka ta'e cubbuu hin hojjatu, hojjatu'uuf'llee hin danda'u.


Yesus Masihii ta'uu ka amanu marrinuu Ilma Waaqaati, ka abbaa jaalatu marrinuu ilma'llee ni jaalata.


hujii nu'u hojjanne ka qullumma'aatiin uduu hin ta'in inni mataan isaa dhiifama isaatiin nu ni fayyise, ka nu fayyise'llee miicata dhalachuu haarawaatii fi haareffama karaa Hafuura Qulqullu'uutiin argameen.


Isaan'llee Waaqa irraa ni dhalatan malee fiixaa namaa, jechuun'llee fedhii foonii irraa yookiin fedhii namaa irraa hin dhalanne.


Inni qulqullaawomaa ta'uu eega beekittan ka qulqullaawoma ka raawwatu marrinuu, Waaqa irraa ka dhalate ta'uu isaa beekaa.


Yesus Kristosii sababaa du'aa ka'uu isaatiin abddii jiraataa ta'e ka nuuf kenne, dhiifama isaa ol aana'aan dhalata haarawaan ijoollee isaa ka nu taasise, Waaqaa fi Abbaan Gooftaa keenna Yesus Kristosii haa galatteeffamu,


Kanaaf gadoomuu ta'ee gadoomuu dhabuun womaa hin fayyadu, ka fayyadu ammoo uumama haarawa ta'u'u.


Ilma Waaqaa Yesus Kristos waan isa eeguuf Ilma Waaqaa ka ta'e marrinuu, cubbuu akka hin hojjanne ni beekinna, Sheexanni'llee isa hin tuquun.


Biyya lafaa kanatti bulichaa ka ta'e sheexanni onnee namoota hin amannee ni jaamisse, kanaan'llee bifa Waaqaatiin ka muldhate wongeelli Kristosii ka ulfinnaa ifa isaaniif ibisu akka hin arginneef, isaan ni taasise.


«Ija isaaniitiin arganiitii fi onnee isaanii titti'llee hubatanii, akka hin deebinee fi akka isaan hin fayyifnneef, Waaqinni ija isaanii jaamissee jira, onnee isaan'llee jabeessee jira.»


Isin waayee balleessaa keessan fi waayee cubbuu keessaniitiin, jireenna keessan ka hafuuraatiin ka du'e ni turttan,


Ifin dukkanaan ni ifa, dukkanni'llee ifa hin injifattuun.


Garuu ogummaan Waaqa biraa argamu jalqaba qulqullu'u, itti aanssee'llee nagaya jaalataa, misha'aa, ajajamaa, dhiifama taasisaa, ka firiin mishaan itti guute, dalo'oo fi fakkeessitummaa ka hin qabnne.


Dhugamaan isiniin ni jedha, samiin yoo banamttu, maleyikkoonni Waaqaa'llee Ilma Namaa irraan, yoo ol bayanii fi bu'an ni argitan.»


Yesus'llee akkana ni jedheen, «Ilma Yoona'aa yaa Simoon! Ati ka eebbifamitte! Kana ka si ibsse Abbaa kiyya ka samii jiru malee, namaa miti.


Dhugaa isiniin jedha, sami'ii fi arddiin haga dabrrantti seerri marrinuu ni raawwatama malee, seera keessaa taraarriin takka yookiin tuqaan takkattiin hin diigamttu.


Maleyikkaa woldaya amantii Loodooqiya'aatiif akkana jedhii barreessi, Kun Ameenii ka ta'e, amanama'aa fi ragaa dhugaalessa ka ta'e irraa, uumama Waaqaa maraaf argama ka ta'e irraa ka himame,


Dabalee'llee isiniin ni jedha, naminni dureessi gara Mootummaa Waaqaa titti aseennu irra, gaalli qaawwa marfe'eetiin uduu dabrree salphaa ni ta'a.»


Eegaa ijoollee kaniin lamaan keessaa, ka ajaja abbaa isaa raawwate kamii?» Isaan'llee, «Ka jalqabaati kaa!» jedhan. Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Dhugamaan isiniin ni jedha, cubbamoonnii fi sagaagalttoonni gara Mootummaa Waaqaa titti galu'uun, isin ni durssan.


Ijji kee'llee yoo si dogoggorste ufi keessaa baasii gati, ji'a lamaa uduu qabddu gara ibidda asaabaa titti gatamuu irra, ija takka qabaattee gara Mootummaa Waaqaa titti, galuu siif woyya.


Yesus'llee kana arguu isaatiin dallanee, barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Mootummaan Waaqaa isaan akkana jiran kanniiniif waan taateef daai'mman gara kiyya haa dhufanii dhiisaa, isaan hin dhoogina'a,


Niqoodemos'llee, «Eegaa, naminni eega jaarsomeen duubatti attamitti dhalachu'uuf dandda'a? Deebi'ee gara gadaamessaa haadhaa titti galee dhalachu'uuf ni dandda'a ree!? Deebi'ee gara gadaamessaa haadhaa titti galee dhalachu'uuf ni danda'aa ree?» jechu'uun, ni gaafate.


Ilma Waaqaa ka ta'e marrinuu biyya lafaa ni injifata, biyya lafaa ka injifannu'llee amantii keennaan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite