Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 3:2 - Waadaa Haarawa

2 Naminni kun halkaniin gara Yesus dhufee, «Yaa barsiisaa, Waaqinni isa woliin yoo ta'e malee kaniin baasota ati taasisa'aa jirttu kana taasisu'uuf ka danda'u eennu'llee hin jiru, kanaaf ati Waaqa biraa ka dhuftte barsiisaa akka taate ni beekinna» jedheen.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

2 Innillee halkaniin gara Yesuusii dhufee, «Barsiisaa'a, yoo Rabbi isa woliin ta'e malee, maalalee ati hojjattu kanniin ka hojjatuu danda'u waan hin jirreef, barsiisaa taatee Rabbiin biraa akka dhufte hin beenna» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Inni halkaniin gara Yesuusii dhufee, «Barsiisaa'a! yoo Rabbi isa woliin ta'e malee ka maalalee ati hojjattu kanniin hojjatuu danda'u waan hin jirreef barsiisaa taatee Rabbiin biraa akka dhufte hin beenna» jedheen.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 3:2
30 Referans Kwoze  

Ani garuu ragummaa Yohaannisii ka caalu ragaa ni qaba, ragaan kiyya'llee Abbaan kiyya akka hojjadhuuf hujii naaf kenne, hujiin hojjadhu kun'llee, Waaqinni Abbaan akkuma ana erge waayee kiyyaaf ragaa ni baya.


«Dabalee'llee Waaqinni Yesusii Nazireetii Hafuura Qulqullu'uun akka isa dibee fi humnna'llee akka kenneef ni beekittan, Waaqinni'llee isa woliin ni jira waan tureef, inni'llee waan mishaa raawwata'aa, worra daabiloosiin qabaman maraa fayyisa'aa, asii fi achi ni dedeebi'e.


«Isin yaa namoota Israa'eelii! Dubbii kana dhageeffadhaa, isin mataan keessanuu akkuma beekittan eennummaan Yesusii Naazireetii, Waaqinni isin jiddu'utti karaa hujiiwwan isaa ol aanaa raawwateetiin, baasotaa fi malikatootaatiin mirkanaayee jira.»


Yeroo kanatti worra Fariisota keessaa tokko tokkoon isaanii, «Naminni kun Sanbbata waan hin kabajineef, inni Waaqa irraayyii miti» jedhan. Kuunniin garuu, «Eegaa naminni cubbamaa ta'e, baasota kanniin attamitti taasisu'uuf dandda'a?» ni jedhan. Sababa kanaan'llee jidduu isaanii titti, gargar fooyamiinssi ni ta'e.


Yesus'llee baasa baayi'ee isaan duranatti yoma taasise'llee, Yihudonni isatti hin amanne.


Yesus'llee ufi duuba garagalee isa yoo horddofan argeeti, «Maal barbaadan?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Rabbii! Eessa jiraatta?» ni jedhaniin. (Rabbii jechuun barsiisaa jechu'u.)


Farisoonni'llee barattoota isaanii namoota Heerodisii woliin'llee gara Yesusii erganii, «Yaa barsiisaa! Ati dhugaalessa ta'uu keetii fi karaa Waaqaa'llee dhuga'aan akka barsiifttu ni beekinna, nama'llee sodaachu'uun wonitti raawwatu hin jiru, namaaf'llee hin dalittu» eega isaan jedhaniin duubatti, akkana jedhanii ni gaafataniin.


Ta'u'llee ummata keessaa baayi'eewwan isatti ni amanan, akkana'llee ni jedhan, «Masihiin yeroo dhufutti naminni kun baasota taasisee ka caalu, ni taasisaa ree?» jedhan.


Yesus'llee, «Maariyaam!» jedheen. Isiin'llee gara isaa garagaltteeti afaan worra Ibirootaatiin, «Rabbunii!» jetteen, hiikkaan isaa'llee, «Yaa barsiisaa!» jechu'u.


hujii naminni bara'aa hin raawwatin jidduu isaanitti raawwachuu uduu dhabaadheetii, cubbuu isinitti hin ta'u ture, amma garuu kana maraa eega arganiin duubatti, ana'llee Abbaa kiyya'llee jibbanii jiran.


Barattoonni Yohaannisii'llee gara Yohaannisii dhiyaatanii, «Yaa barsiisaa, Laga Yoordaanosiitiin gamatti ka si woliin turee fi ka ati waayee isaatiif ragaa baateef, kunnoo, inni'llee ni cuupha, namoonni marri'llee gara isaa ni deeman» jedhaniin.


Gara isaa dhiyaatanii'llee akkana ni jedhaniin, «Yaa barsiisaa ati dhugaalessa ta'uu kee ni beekinna, nama'llee sodaachu'uu fi maal naan jedhan jedhee'llee, wonitti raawwattu hin jiru, karaa Waaqaa'llee dhuga'aan ni barsiiftta, eegaa, nugusa Rooma'aatiif gibira kafaluun seera qabeessaa moo? Yookiin miti? Haa gabbarru moo, yookiin haa dhiifinnu?»


Sababaa hidhamuu kiyyaatiin obboleeyyan amanttootaa ta'an baayi'eewwan caalmaya worra Goofta'atti abddii taasfatan ta'anii jiran, kanaaf dubbii Waaqaa sodaa malee lallabuuf, waan duraanii caalatti uggiinssa argatanii jiran.


Bakka gabaya'aa titti'llee naminni marrinuu nagaya akka isaan gaafatanii fi ‹yaa barsiisaa!› jedhee, akka isaan waamuuf ni barbaadan,


Isin garuu, barsiisaan keessan tokko qofa waan ta'ee fi marri keessanuu obboleeyyan waan taataniif, ‹barsiisaa› jedhamttanii hin waamaminaa.


Yesus'llee kana baasa jalqaba baasota maraa ka ta'e kana, arddii Galiila'aa magaalaa Qaana'aa titti ni taasise, bifa kanaan'llee ulfinna isaa ni muldhise, barattoonni isaa'llee isatti ni amanan.


Yeroo sanitti barattoonni isaa Yesusiin, «Yaa barsiisa! Waan nyaataa woyii nyaadhu!» jechu'uun, ni kadhataniin.


Namoonni baayi'een Yesus dhukkubisatoota fayyisu'uun baasa inni taasise yeroo argan, ni horddofaniin.


Hujii Abbaa kiyyaa ka hojjadhu yoo ta'e garuu, yoma anatti'llee amanuu dhabaattan'llee hujii kiyyatti amanaa, bifa kanaan Waaqinni Abbaan ana keessa akka ta'ee fi ani'llee Waaqa Abbaa keessaan akka ta'e, midhaastanii ni beettan» isaaniin jedhe.


Ani Waaqa Abba'aan akka jiru, Waaqinni Abbaan'llee ana keessa akka jiru, hin amanttuu ree? Dubbii isinitti dubbadhu aangoo mataa kiyyaatiinii miti, garuu hujii maraa ka hojjatu Waaqa Abbaa ana keessa jiraatu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite