Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 3:16 - Waadaa Haarawa

16 Ka isatti amanu marrinuu jireenna bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badinne Waaqinni biyya lafaa haalaan waan jaalateef, Ilma isaa tokko ni kenne.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

16 Namni isatti amanu maruu akka hin banne, jireenna bara baraa haa argatu'uuf, Rabbi adunyaa kana akkanumaan jaalatee, tokkicha Ilma ufii kenneef.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

16 Wonti Rabbi adunyaa tana akkanumaan jaalatee tokkicha ilma ufii kenneef, namni isatti amanu maruu akka hin bannee fi akka jeennata galuuf.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 3:16
28 Referans Kwoze  

Garuu nu'u cubbamoota taanee uduu jirru, Kristos bakka keenna du'ee jira. Kun'llee Waaqinni nuu'uuf jaaltichi qabu hagam ol aanaa ta'uu isaa, ni hubachiisa.


Kun'llee ka ta'u ka isatti amanu marrinuu, jireenna bara baraa akka argatuuf.


Waaqinni Ilmi isaa tokkochaafuu uduu garaa hin laafin waayee keennaaf dabarssee eega kenne, attamitti Ilma isaa woliin waan maraa bilisaan nu'uuf hin kennine ree?


Ee! Fedhiin Abbaa kiyyaa Ilmaa ka laaluu fi isatti ka amanan marrinuu, jireenna bara baraa akka argataniif, ani'llee guyyaa muumme'ee titti du'aa ni kaasa.»


Ka Ilmatti amanu jireenna bara baraa ni qaba, ka Ilmatti hin amanne garuu dheekkamissi Waaqaa isa irra ni jiraata malee, jireenna hin argatu.


Waaqinni durssee waan nu jaalateef, nu'llee ni jaalanna.


Ani jireenna bara baraa isaaniif ni kenna, kanaaf gonkumaa hin badan, harka kiyyaa eennu'llee butee isaan hin fudhatu.


Nu'u diinota Waaqaa taanee uduu jirru, du'a Ilma isaatiin Waaqa woliin araaraminnee jirra, amma Waaqaan woliin eega araaraminneen duubatti karaa jireenna Ilma isaatiin, caala'attuu ni fayyina.


Guyyaa itti aanutti'llee Yohaannis gara isaa yoo dhufu argee akkana ni jedhe, «Kunoo, cubbuu biyya lafaa ka dhabamsiisu Hoolaan Waaqaa kana!


Mataan isaa Gooftaan keenna Yesus Kristosii fi ka nu jaalate, kennaa isaa ka bilisaatiin'llee bara baraaf jajabeenna, abddii mishaa'llee ka nuuf kenne Waaqinni Abbaan keenna,


Garuu dhiifaminni Waaqaa baayi'ee ta'uu isaatii fi jaalallitti nu'uuf qabu'llee ol aanaa ta'uu irraa ka ka'een,


Deemaa, ‹ani ka barbaadu dhiifama malee kitima'aa miti› jedhamee, ka barreeffame maal jechuu akka ta'e qoradha'aatii hubadhaa. Ani ka dhufeef qulqullaawota uduu hin ta'in, cubbamoota gara dhiifamaa titti waamu'uuf» isaaniin jedhe.


ka nu jaalatuu fi dhiiga isaatiin cubbuu keenna irraa bilisa ka nu baase, Yesus Kristosiin irraa kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.


Dubbiin'llee foon ni ta'e, kennaa bilisaatii fi dhuga'aan'llee guuttamee jidduu keenna ni jiraate, Ilmi Abbaa isaa tokkochi ulfinna inni Abbaa isaa biraa qabu ka fakkaatu, arginee jirra.


Garuu qoricha keenna ka ta'e mishummaan Waaqa keennaatii fi jaalalli isaa ka itti guute gara laafnni isaa yeroo muldhatetti,


Waaqa ka argeen gonkumaa eennu'llee hin jiru, haa ta'u malee Waaqa Abbaa bira ka jiru, Ilmi isaa tokkochi qoftti ni ibiseen.


Amma raawwachuun ka isa hafe, ilma isaa ka jaalatu erguu qofa ture. Kanaaf, ‹Ilma kiyya ni kabajaniin ta'a› jedhee yaadu'uun, muummee irratti ilma isaa tokko ni erge.


«Sami'itti Waaqaaf ulfinni haa ta'u! ardditti'llee namoota Waaqinni jaalatu maraaf nageenni haa ta'u!» ni jedhan turan.


Ka isatti amanu itti hin muritteeffamu, ka isatti hin amanne garuu tokko Ilma Waaqaa titti waan hin amaniniif, durumaanuu itti murtteeffamee jira.


Amma garuu maleyikkoota irra muraasaaf gad bu'ee ka ture, sababa rakkinna du'aa fudhachu'uutiin gonfata ulfinnaatii fi galataa ka mataa irra kaayate Yesusiin ni argina, inni'llee kennaa Waaqaa ka bilisaatiin waayee mara keennaatiif du'ee jira.


Ijoollee Waaqaa jedhamnnee akka waamaminuuf Waaqinni Abbaan jaalala attamii akka nu'uuf kenne laalaa! Dhugamaanuu nu'u ammoo ijoollee Waaqaati, biyyi lafaa Waaqa waan hin beekiniif, nu'u hin beeku.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite