Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 21:2 - Waadaa Haarawa

2 Simoon Phexiros, Diidimoos ka jedhame Toomaas, Naatinaa'eliin Qaanaa Galiila'aa, ilmaan Zabdewoosiitii fi kuunniin barattoonni lamaa'llee, isa woliin ni turan.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

2 Simoon Pheexroosiif ka Didimoos jedhamu Toomaas nama Qaanaa Galiilaa Naatinaa'elii fi ijoolleen Zabdiyoosi darasoota keessaallee ka biraa namoonni lamaa isaan woliin turan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Simoon Pheexroosii fi ka Didimoos jedhamu Toomaas nama Qaanaa Galiilaa Naatinaa'elii fi ijoolleen Zabdewoosii darasoota keessaallee ka biraa namoonni lamaa isaan woliin turan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 21:2
12 Referans Kwoze  

Kanaan duubatti Yesus gara bakka bishaan gara daadhii woyinni'ii itti jijjiire gara bakka arddii Galiila'aa titti argamittuu, gara magaalaa Qaana'aa lammaffaa ni deebi'e, yeroo san Qifirnaahoomitti ilmi isaa ka jalaa dhukkubisate, namichi muudamaan mana mootumma'aa tokko ni jira ture.


Filiphos Naatinaa'eliin argatee, «Museen kitaaba seeraatiin, nabiyyoonni'llee kitaabban raagaatiin waayee isaa ka barreessaniif arganneenii jira, inni'llee ilma Yooseefii Yesusii Naazireetiiti» jedheen.


Toomaas'llee, «Gooftaa kiyyaa fi Waaqa kiyya!» jechu'uun, ni deebiseef.


Yeroo sanitti Diidimoos ka jedhame Toomaas barattoota kaaniiniin, «Isaan woliin akka duunuuf, nu'llee haa deeminuu» isaaniin jedhe.


Yesus'llee kana baasa jalqaba baasota maraa ka ta'e kana, arddii Galiila'aa magaalaa Qaana'aa titti ni taasise, bifa kanaan'llee ulfinna isaa ni muldhise, barattoonni isaa'llee isatti ni amanan.


Akkanuma kana waahellan Simoonii ka ta'an ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannis'llee, maalalffatanii turan. Yesus'llee Simooniin, «Jabaadhu hin sodaatin, ammaa achitti ka namoota wolitti qabddu ni taata» jedheen.


Filiiphoos, Bartolomewos, Toomaas, Maatewosii qaraxichi, ilma lilfiyoosii Yaaqoobii fi Taadeewos,


Achi biraa'llee muraasa akkuma dabrraniin, kaanniin obboleeyyan lamaan ni arge, isaan'llee ijoollee Zebdiwoosii Yaaqoobii fi Yohaanisiin turan, isaan'llee hoboloo irra ta'anii tabbaarrii isaanii, ni supphan ture.


Guyyaa sadaffaa titti, arddii Galiila'aa titti ta argamittu magaalaa Qaanaa jedhamttutti, aciin ni jira ture, haati Yesusii'llee achi ni jirtti ture.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite