Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 20:1 - Waadaa Haarawa

1 Dilbbataa ganama obboro'oon, uduu bariisaan hin ifin, Maariyaam Magadalaawittiin gara awwaala Yesusii ni deemitte, achi'llee akkuma geetteen dhagaan awwaalli ittiin cufamee ture, afaan awwaalaa irraa ka'ee ni argite.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

1 Sambata guddaa jalqaba torbaanii Maariyaam Magidalaawit ganama obboroo gara hulee awwaalaa dhufte; dhagaanillee ka awwaala irraa gangalfameeru argite.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Jalqaba torbaanii guyyaa Dilbataa Maariyaam ta qachaa Magidala'aa ganama obboroo gara hulee awwaalaa dhufte; dhagaan ka awwaala irraa gangalfameeru argite.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 20:1
19 Referans Kwoze  

[Yesus torbaan keessaa guyya jalqabaa Dilbbata ganama obboroo eega du'aa ka'een duubatti, jalqaba ta jinniiwwan torbaa baaseef Magdalaawittii Maariyaaamtti ni muldhate.


Dhagaa siida'aa irraa bocamee ka qophaaye awwaala mataa isaatiif qophaaye haarawa keessatti ni awwaaleen, kanaan duubatti dhagaa guddaa gangalchee, afaan awwaalaa cufeeti ni deeme.


Yooseef'llee uffata kafanni'ii haarawa biteeti, reeffa Yesusii fannoo irraa buusee ni kafaneen, awwaalaa dhagaa siida'aa irraa bocamee qophaaye keessatti ni awwaalleen. Dhagaa guddaa'llee gangalchee awwaalaa ni cufe.


Guyyaa saddeetiin duubatti barattoonni isaa deebi'anii mana keessa ni jiran turan, Toomaas'llee isaan woliin ni jira ture, balballan'llee cufamanii uduu jiran, Yesus dhufee jidduu isaanii dhaabateeti, «Nageenni isiniif haa ta'u!» isaaniin ni jedhe.


Fannoo Yesusii biratti'llee haadhaa fi obboleettii haadhaa, haadha worraa Qilopha'aa Maariyaamii fi Magdalaawittii Maariyaam'llee dhaabatanii jiran turan,


guyyaa Goofta'aa titti fudhatama Hafuura keessa uduu jiru, qoonqqa xurunbbaa ilaali'ii ka fakkaatu qoonqqa ol aanaa akkana yoo jedhu ni dhagaye,


Kanaaf barattoonni isaa dhaqanii akka hin hannee fi ummataan'llee, ‹kunoo, du'aa ka'ee jira› akka hin jenneef, awwaalli isaa haga guyyaa sadihii titti, akka eegamuuf ajaji, kana ta'uu yoo dhabaate dogoggorri maai'ii irraa, ka jalqabaa irra ka hammaate ni ta'a.»


Ani gara keessan yeroo dhufutti buusiin qarshi'ii akka hin taasfaminneef torbaan torbaaniin dilbbata isin keessaa tokkoon tokkoon haga galii argatuutiin, buusa'aa addaan baasee ha kaayu.


Torbaan keessaa guyyaa jalqabaa titti, buddeena bakka tokkotti nyaachu'uuf wolitti ni qabamnne, Phaawulos'llee guyyaa itti aanee jirutti deemuu qaba waan tureef, namoota wol gayanitti ni dubbata ture, haasaya isaa'llee haga halkan qixxe'ee, ni dheeresse.


Isaan keessa'llee magdalaawittiin Maariyaam, haati Yaaqoobiitii fi Yooseefii, Maariyaam, haati ilmaan Zabdewoosii'llee isaan keessatti ni argaman turan.


Kanaaf dhaqaniiti dhagaa afaan awwaalaa irra jiru chaapha'aan cufaniiti, awwaalicha lolttootaan ni eegisisan.


Sanbbanni eega dabrreen duubatti, torbaan keessaa guyyaa jalqabaa (Dilbbata) ganama obboro'oon, Maariyaam Magadaalaawitti'ii fi Maariyaamiin bira'aa'llee awwaala isaa laalu'uuf ni dhaqan.


Kunoo, dimmaa sochiin arddi'ii ol aanaan ni ta'e, maleeyikkaan Goofta'aa'llee sami'ii bu'ee, dhagaa awwaalli ittiin cufame gangalcheeti, irra ni taa'e.


Yesus haalaan gadda'aa gara awwaalaa ni dhaqe, awwaali'llee goda dhaga'aan cufame ni ture.


Namoonni'llee dhagicha ni kaasan, kanaan duubatti Yesus gara olii laalee, «Yaa Abbaa! Waan ana dhageetteef si galateeffadha,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite