Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 2:4 - Waadaa Haarawa

4 Yesus'llee, «Yaa haadha tiyya! Si'iin woliin maal qaba? Yeroon kiyya amma'llee hin geenne» ni jedheen.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

4 Yesuusillee, «Aayyii, waan ani huju ati natti hin himini; hennaan kiyya hin geenne» isi'iin jedhe.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

4 Yesuus, «Aayyii, waan ani huju ati natti hin himin; hennaan kiyya hin geenne» isi'iin jedhe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 2:4
20 Referans Kwoze  

Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Yeroon kiyya amma'llee hin geenne, yeroon keessan garuu yoo maraa ka mijaaye.


Kunoo, yeroon Ayyaana Faasiikaa Yihudotaatiin durana ni ture, Yesus biyya lafaa kana dhiisee gara Waaqa Abba'aa yeroon itti deemu gayuu isaa ni beeke. Biyya lafaa kana ka jiran worra isaa isaan jaalatee ture, Haga muumme'ee titti'llee isaan ni jaalate.


Yesus'llee dubbii kana ka dubbate Mana Waaqeffanna'aa titti bakka sanduuqa qarshii itti fuudhanii bira ta'ee, yeroo barsiisutti. Eegaa, yeroon amma'llee waan hin gayiniif, eennu'llee isa hin qabnneen.


Yeroo sanitti qabu'uuniif barbaadanii turan, garuu yeroon amma'llee waan hin gayiniif, eennu'llee isa hin qabnneen.


Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Kunoo, Ilmi Namaa yeroon itti kabajamu gayee jira,


Isaan'llee, «Ati yaa Ilma Waaqaa, ati nu'uun woliin dhimma maal qabdda? Uduu yeroon hin gayin nu makkaraarsu'uuf dhufitte moo?» jedha'aa, ni iyyan.


Yesus'llee, «Dubarttii nana, waayee maali'iif bootta, eennuun barbaadda?» jedheen. Isiin'llee hojjataa biqilttu'uu itti fakkaatee, «Yaa Gooftaa! Ati yoo fudhatteenii jiraate eessa akka keetteen, yabo'oo natti himi, ani ni fudhadhaanii» jetteen.


Isaan'llee Maariyaamiin, «Dubarttii tana! Maali'iif bootta!?» ni jedhaniin. Isiin'llee, «Gooftaa kiyya fudhatanii jiran, eessa akka kaayaniin'llee hin beeku!» jette.


Yesus'llee, «Waayee maaliif ana barbaaddan? Ani Mana Abbaa kiyyaa keessa ta'uun akka naaf malu hin beekittanii moo?» isaaniin jedhe.


Yeroo sanitti Yesus, «Dubarttii nana amantiin kee gudda'a! Kanaaf akka fedhii keetii siif haa ta'u!» ni jedheen. Initaltti dubarttiin'llee yeroma sanitti ni fayyite.


Ammaa achitti nu'u nama kamiinuu laalcha isaa ka fooniitiin hin laallu, kanaan durana Kristosiin'llee ka laaleen akka nama kamiituu laalcha fooniitiin yoo ta'e, ufi duranaaf garuu kana hin raawwannu.


Afeerrii cidha kanaa irratti daadhiin woyinni'ii yeroo dhumumetti haati Yesusii Yesusiin, «Dhaadhiin woyinni'ii isaan jalaa dhumatee jiraa bee!» jetteen.


Isin gara ayyaanaa deemaa, ani garuu yeroon kiyya amma'llee waan hin gayiniif, gara ayyaana kanaa hin dhaqu.»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite