Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 2:11 - Waadaa Haarawa

11 Yesus'llee kana baasa jalqaba baasota maraa ka ta'e kana, arddii Galiila'aa magaalaa Qaana'aa titti ni taasise, bifa kanaan'llee ulfinna isaa ni muldhise, barattoonni isaa'llee isatti ni amanan.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

11 Yesuus maalalee jalqabaa qachaa Qaanaa Galiila'aatitti godhe. Ulfinna ufiillee mudhise, darasoonni isaallee isatti amanan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

11 Yesuus maalalee jalqabaa qachaa Qaanaa Galiila'aatitti godhe. Ulfinna ufiillee mudhise; darasoonni isaa isatti amanan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 2:11
43 Referans Kwoze  

Dubbiin'llee foon ni ta'e, kennaa bilisaatii fi dhuga'aan'llee guuttamee jidduu keenna ni jiraate, Ilmi Abbaa isaa tokkochi ulfinna inni Abbaa isaa biraa qabu ka fakkaatu, arginee jirra.


Naminni kun halkaniin gara Yesus dhufee, «Yaa barsiisaa, Waaqinni isa woliin yoo ta'e malee kaniin baasota ati taasisa'aa jirttu kana taasisu'uuf ka danda'u eennu'llee hin jiru, kanaaf ati Waaqa biraa ka dhuftte barsiisaa akka taate ni beekinna» jedheen.


Namoonni baayi'een Yesus dhukkubisatoota fayyisu'uun baasa inni taasise yeroo argan, ni horddofaniin.


Isaan'llee akkana ni jedhaniin, «Nu'u arginee sitti akka amannuuf baasa maal taasftta? Maal'llee hojjatta?


Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebisee, «Dhugaa isiniin jedha, isin ka ana barbaadan buddeena waan nyaattanii fi waan quuftaniif malee, baasa waan argitaniifii miti.


Namoonni'llee baasa Yesus raawwate yeroo arganitti, «Dhugamaanuu kun gara biyya lafaa nabiyyicha dhufu!» jedhan.


Kun'llee salpha'aa fi ka yeroo ka ta'e rakkinni keenna, ka haga hin qabnne haalaan ol aanaa ka ta'e ulfinna bara baraaf, nu'uuf ni argamisiisa.


Waaqinni Abbaan waayee Ilmaatiin akka kabajamu, waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa isinii ni raawwadha.


Isaayaas kana ka jedhe, ulfinna Masihii waan argeef, kanaaf waayee Yesusiitiif kana ni dubbate.


Yesus'llee baasa baayi'ee isaan duranatti yoma taasise'llee, Yihudonni isatti hin amanne.


Yesus yeroo Ayyaana Faasiika'aa titti Yerusaalemiin uduma jiru baasota inni raawwate arguu isaaniitiin, namoonni baayi'een isatti ni amanan.


Yesus'llee akkana ni jedhe, «Ati ka amantte, ‹muka harbbu'uu jala uduu jirttu si argee jira› waan siin jedheef moo? Wonittoota kana caalan mara ufi durana ni argita.


Isin worri maqaa Ilma Waaqaa titti amanttan marrinuu, jireenna bara baraa ka qabddan ta'uu akka beekittaniif, kana maraa isiniif barreessee jira.


Kanaan duubatti Yesus gara bakka bishaan gara daadhii woyinni'ii itti jijjiire gara bakka arddii Galiila'aa titti argamittuu, gara magaalaa Qaana'aa lammaffaa ni deebi'e, yeroo san Qifirnaahoomitti ilmi isaa ka jalaa dhukkubisate, namichi muudamaan mana mootumma'aa tokko ni jira ture.


Kana'llee ka raawwate namoonni marrinuu akkuma Waaqa Abbaa kabajjan, akkuma kana Ilma'llee akka kabajaniif, Ilma ka hin kabajine, Ilma ka erge Waaqa Abbaa hin kabajuun.


«Ifin dukkana keessaan haa ifu!» jedhee ka dubbate, Waaqinni bifa Kristositiin ka ibisu ifa ulfinna Waaqaa beeku'uu akka nuuf kennuuf, ifin isaa onnee teenna keessatti akka ifu taasise.


Nu'u marri keennaa fuula hin haguuggaminiin taanee akka waan daawi'ite'een laalamu'uu titti, ulfinna Goofta'aa ni calaqisiifnna, hafuura keenna'llee ka ta'e bifa Goofta'aa fakkaachu'uuf, ulfinnaa gara ulfinnaa titti ni jijjiiraminna.


isin akka amanttaniif achi jiraachuu dhabuu kiyyaan, waayee keessaniif gammadee jira, amma garuu gara isaa haa deeminnuu» isaaniin jedhe.


Seeri karaa Muse'eetiin ni kenname, kennaan bilisaatii fi dhugaan garuu, karaa Yesus Kristosiin ni dhufe.


Guyyaa itti aanutti'llee Yesus gara Galiila'aa deemu'uuf ni barbaade, Filiphosiin'llee argateeti, «Ana horddof!» jedheen.


Guyyaa sadaffaa titti, arddii Galiila'aa titti ta argamittu magaalaa Qaanaa jedhamttutti, aciin ni jira ture, haati Yesusii'llee achi ni jirtti ture.


Waayee isaatiif waan jedhame Farisoonni akka dhagayan yeroo beeketti Yesus, arddii Yihuda'aa dhiisee gara Galiila'aa deebi'ee ni deeme.


Baafinni kun Yesus Yihuda'aa gara Galiila'aa dhufee ka raawwate, baasa lamaffaat.


Ta'u'llee ummata keessaa baayi'eewwan isatti ni amanan, akkana'llee ni jedhan, «Masihiin yeroo dhufutti naminni kun baasota taasisee ka caalu, ni taasisaa ree?» jedhan.


Yeroo kanatti worra Fariisota keessaa tokko tokkoon isaanii, «Naminni kun Sanbbata waan hin kabajineef, inni Waaqa irraayyii miti» jedhan. Kuunniin garuu, «Eegaa naminni cubbamaa ta'e, baasota kanniin attamitti taasisu'uuf dandda'a?» ni jedhan. Sababa kanaan'llee jidduu isaanii titti, gargar fooyamiinssi ni ta'e.


Namoonni baayi'een gara isaa dhufanii, «Yohaannis baasa woyiituu hin taasfnne, garuu wonitti Yohaannis waayee nama kanaatiif dubbate marrinuu, dhugaa ture» jedhan.


Kanaaf itti gaafatamoonni qeesotaatii fi Farisonni miseensota yaa'ii wolitti qabanii akkana jedhan, «Naminni kun baasota baayi'ee waan raawwatuuf, maal yoo raawwanne woyyaa?


Namoonni baayi'een'llee isaan wolgayu'uuf ka dhufaniif'llee, baasa kana akka taasise dhagayanii waan turaniif.


Sababaan'llee, Waaqinni Abbaan mataa isaatuu waan isin jaalatuuf, Waaqinni Abbaan'llee ka isin jaalate ana waan jaalattanii fi Waaqa biraa'llee akka dhufe, waan amanttaniif.


ati waan maraa akka beekittuu fi eennu'llee gaafii siif dhiyeessuu akka hin barbaachifnne, amma beekinnee jirra, kanaaf Waaqa biraa akka dhufitte ni amanna.»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite