Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 2:10 - Waadaa Haarawa

10 «Naminni marrinuu durssee ka dhiyeessu daadhii woyinni'ii mishaa ta'e, afeeramitoonni eega dhuganiin duubatti daadhii laafaa ta'e ni dhiyeessa, ati garuu daadhii woyinni'ii mishaa ta'e haga ammaa ni tursiiftte» jedheen.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

10 Akkana jedheen, «Namni maruu duraan dursee daadhii mishaa namaa kenna. Haga machaayaniin maayii ammoo booruu namaa kenna. Ati ammoo daadhii mishaa haga ammaa tursiifte!» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 «Namni maruu duraan dursee daadhii mishaa namaa kenna. Haga machaayaniin maayii ammo booruu namaa kenna; ati ammo haga ammaa daadhii mishaa tursiifte!» jedheen.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 2:10
15 Referans Kwoze  

«Abrahaam garuu akkana jedheen, ‹yaa ilma kiyya, ati bara jireenna kee ka biyya lafaa titti waan mishaa baayi'ee argattee akka gammade yaadadhu, Alaazaar garuu rakkinna irra ture, kanaaf amma inni asitti yoo gammadu ati ni makkaraartta.


waaheloota isaa ka woliin hojjatan dhaanuu jala yoo qabe, worra machaayaniin woliin'llee yoo nyaatee fi yoo dhuge,


Garuu tajaajilaan sun, ‹gooftaan kiyya dadafee hin dhufu ni tura› jedhee yaadu'uun, nyaata'aa, dhuga'aa, machaaya'aa'llee tajaajilttoota dhiiraa fi dubarttootaa dhaanuu jala ni qaba.


ganama keessaa kunoo saa'aatii sadihi waan ta'eef akka isin yaaddanitti, namoonni kunniin hin machoofnne.


Yoo nyaattan tokko tokko uduu hin eegin adda ufii titti ni nyaata, haala kanaan tokko yoo beelayu kuun ni machaaya.


Gara badi'ii ka isin eemaru waan ta'eef daadhii woyinni'iitiin hin machaayinaa, kana irra Hafuura Qulqullu'uun guuttamaa.


Namoonni mugan'llee halkaniin haa mugan, ka machaayan'llee halkaniin ni machaayan.


nugusonni arddi'ii'llee isii woliin sagaagalanii jiran, jiraattonni arddi'ii'llee daadhii woyinni'ii ka sagaagalummaa isi'iitiin machaayanii jiran.»


Dubarttin sun dhiiga Qulqullootaatii fi dhiiga wereegamttoota Yesusiitiin machoofttee ni argeen, yeroo isii argetti'llee haalaan ni maalalffadhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite