Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 16:2 - Waadaa Haarawa

2 Bakka wolgayii isaaniitii baasanii isin ni ari'an, gonkumaa isin ka ajjeesan marrinuu, Waaqa waan tajaajilanii yeroo itti fakkaatu ni dhufa.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

2 Mana sagada Yihuudotaa keessaa isin baasanii kana caalaallee akkasuma worri isin ajjeesan maruu akka waan Rabbii hojjataaranii hennaan isaanitti fakkaatu hin dhufa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Mana sagada Yihuudotaa keessaa isin baasan; kana calla'aallee miti; akkasuma worri isin ajjeesan maruu akka waan Rabbii hojjata'aaranii hennaan isaanitti fakkaatu hin dhufa.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 16:2
27 Referans Kwoze  

Waaheloonni isaa kana ka jedhan Yesus, «Masihi'i» naminni jedhu yoo jiraate, namoonni aangoo qaban ka worra Yihudotaa bakka woligayii isaaniitii isa baasu'uuf waan woliigalanii jiraniif, san sodaachu'uun ture.


Foon ajjeesuu irra dabrranii lubbuu ajeesu'uuf ka hin dandeenne namoota hin sodaatinaa, kana irra lubbu'uu fi foon'llee ibidda asaabaa titti balleessu'uuf ka danda'u, Waaqa sodaadhaa.


Chaaphaa shanaffaa yeroo itti banametti, waayee dubbii Waaqaatii fi waayee ragummaa isaan kennaniitiif, lubbuuwwan namoota ajjeefamanii furddaa gaditti ni arge,


Ta'u'llee itti gaafatamoota Yihudotaa keessaa'llee baayi'eewwan Yesusitti amananii jiran, garuu Fariisonni bakka wolgayii isaaniitii akka isaan hin baafinneef sodaachu'uun, ifaan ragaa isaa hin baaneef.


«Sababaa ana ilma namaatiin namoonni yoo isin jibbanii, isin yoo fooyan, isin yoo xureessanii fi maqaa keessan yoo balleessan'llee, isin ka eebbifamittan! «


Yoo nu arrabsanii fi maqaa keenna'llee yoo balleessan, mataa gad qabataan isaaniif ni deebifnna, haga ammaa titti waan kufa'aa fi haramaa arddi'ii taanee jirra.


kanaaf, «Kunoo samiin banamee Ilmi Namaa mirga Waaqaatiin dhaabatee ni arga!» jedhe.


«Yeroo sanitti namoonni rakkinnaaf dabarssanii isin ni kennan, isin ni ajjeesan, waayee maqaa kiyyaatiif'llee ummata mara biratti, ka jibbamttan ni taatan.


Isaan'llee, «Garri qabddu marrinuu cubbu'uun guutamee ka dhalatte! Ati ammoo nu'u barsiisu'uufii ree?» jedhaniiti, bakka woligayii isaaniitii ni baasaniin.


Miseensonni yaa'ii kana yeroo dhagayanitti haalaan dallananii, ergamittoota ajjeesuuf ni barbaadan.


Yesus'llee akkana isi'iin ni jedhe, «Dubarttii nana! Gaara kana irratti yookiin Yerusaalemtti, Waaqa Abba'aaf yeroon isin itti hin sagadinne akka dhufu amani,


Waayee Seera duraniitiif hinaafu'uun'llee yoo ta'e, amantoota woldaya amaniti'ii ni ari'a ture. Seera eeguun waayee qulqullaawomnnaa'llee yoo ta'e, ashaa malee ni jiraadha ture.


Garuu dhuga'aan ka sagadan, Waaqa Abba'aa fi dhuga'aa fi Hafuuraan dhuga'aan yeroon itti sagadan ni dhufa, gonkumaa ammaa dhufee jira, Waaqinni abbaan'llee ka barbaadu worra karaa kanaan isaaf sagadan.


«Haga ammaa titti fakkeennaan isinitti himee jira, ammaa achitti fakkeennaan yeroon isinitti hin himnne ni dhufa, garuu waayee Waaqa Abba'aatiif waan maraa ibisee, isinitti ni hima.


Haa ta'u malee tokko tokkoon keessan gara mataa keessan ka bittinnoofttanii fi ana adda kiyyatti yeroo itti ana dhiifttan ni dhufa, saa'aatiin'llee amma gayee jira, garuu Waaqinni Abbaan anaan woliin waan ta'eef, adda kiyyaa miti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite