Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 15:1 - Waadaa Haarawa

1 «Gudeelchi muka woyinni'ii dhugaalessi ana, hojjataan biqilttu'uu'llee Abbaa kiyya,

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

1 Jirmi woyini'ii ka dhuga'aa ana. Ka isa dhaabee guddisellee Abbaa kiyya.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Jirmi woyini'ii ka dhuga'aa ana. Ka isa dhaabee guddise Abbaa kiyya.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 15:1
28 Referans Kwoze  

Nu'u tajaajilttoota Waaqaaf woliin hojjannu, isin'llee qonna Waaqaatii fi gamoo Waaqaati.


Foon kiyya nyaata dhuga'aa, dhiiginni kiyya'llee dhugaatii dhuga'aati.


Haa ta'u malee jireenna Kristositii fi keessan biratti dhugaa ta'ee ka mulidhate, ajaja haarawa isiniif ni barreessa, dukkanni dhabamisiifamee ifin dhuga'aa, amma'llee ibisa'aa ni jira.


Itti aansee'llee Yesus kana fakkeennaan akkana jechu'uun isaanitti himuu jala ni qabe, «Naminni tokko biqilttuu woyinni'ii ni dhaabe, naanaya isaa'llee ni dallaye, cuunffaa woyinni'iitiif'llee ka ta'u boolla qotee ni midhaasse, eegiddoo woyinni'iitiif ka tajaajilu siree ol fagaatu ka kaabaa dhaga'aa'llee ni hojjate, kanaan duubatti bakka biqilttu'uu qotee bulttootaaf kireessee, gara biyya fago'oo ni deeme.


Irra deebi'ee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Fakkeenna bira'aa'llee dhagayaa, biqilttuu woyinni'ii ka dhaabe nama tokkotu jira ture, inni'llee biqilttuu woyinni'ii naannayatti dalaya ni dallaye, cuunffaa wooyinni'iitiif ka ta'u boolla qotee ni midhaasse, eegiddoo woyinni'iitiif ka tajaajilu kaabaa dhaga'aa dheeraa ni hojjate, kanaan duubatti bakka biqilttu'uu qotee bulttootaaf kireessee, gara biyya bira'aa ni deeme.


Yeroo sanitti Yesus akkana isaaniin jedhe, dhugaa isiniin jedha, «Buddeena sami'ii bu'e ka isaanii kenne Muse'ee miti, buddeena dhuga'aa sami'ii ka isinii kennu Abbaa kiyya,


Kanaan duubatti Yesus fakkeenna kana isaanitti ni hime, «Naminni tokko bakka biqilttuu woyinni'ii keessatti ta dhaabamitte mukattii harbbu'uu takka ni qaba ture, mukattii harbbu'uu san irraa'llee firii ni arigadha jedhee yoo dhaqu, firii woyiituu uduu hin arigatin ni hafe.


«Mootummaan Sami'ii titti hojjattoota bakka biqilttuu woyinni'ii keessa hojjatan mindeessu'uuf, ganama obboro'oon ka baye abbaa bakka biqilttu'uu fakkaatti.


Nama maraaf ka ibisu ifin dhuga'aa gara biyya lafaa dhufa'aa jira ture.


Seeri karaa Muse'eetiin ni kenname, kennaan bilisaatii fi dhugaan garuu, karaa Yesus Kristosiin ni dhufe.


Inni garuu akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Biqilttuun Abbaan kiyya ka sami'ii hin dhaabin marrinuu ni buqqifama,


Firii ana irra jiru damee hin daraarre maraa, abbaan kiyya muree ni gataan, damee firii daraaru garuu baayi'essee akka daraaruuf, kittaanee ni qulqulleessaan.


Akka dameewwan muka ejerssaa ka dawo'oo ka ta'an Yihudonni muramanii uduu kufaniitii fi isin akka dameewwan muka ejerssaa ka bosonaa ka taatan, Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne bakka isaanii buutanii, qoodamtoota qabeennaa fi eebba isaanii uduu taatanii,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite