Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 13:3 - Waadaa Haarawa

3 Waaqinni Abbaan aangoo mara akka isaa kennee fi Waaqa biraa bayee akka dhufe, gara Waaqaa'llee akka deemu Yesus ni beeka ture.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

3 Yesuus Aabbaan maraa harka isaatitti dabarsee akka kenne Rabbiin biraallee akkuma baye, gara Rabbiillee akka deemu beekee,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 Yesuus Aabbaan maraa harka isaatitti dabarsee akka kenne Rabbiin biraallee akkuma baye, gara Rabbiillee akka deemu beekee,

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 13:3
22 Referans Kwoze  

Waaqinni Abbaan Ilma isaa in jaalata, waan maraa harka isaatti kenneefii jira.


Abbaan kiyya waan maraa naaf kennee jira, Waaqa Abbaa malee Ilma ka beeku eennu'llee hin jiru. Akkuma kana Ilma malee Waaqa Abbaa ka beeku hin jiru, eennu'llee Ilmi yoo isaa ibiseef malee Waaqa Abbaa beeku'uuf hin danda'u.


amma garuu baroota maa'ii kanniintti waan maraa dhaaltota ka isa taasise karaa Ilma isaatiin nutti ni dubbate, biyya lafaa mara'llee ka uume isaan.


ka kabajitu'llee worra isaa kennite maraaf jireenna bara baraa akka kennuuf, namoota mara irratti aangoo waan isaa kenniteef.


Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Waaqinni Abbaa keessan uduu ta'ee jiraateetii ana ni jaalattan turttan, ani garana ka dhufeef Waaqa biraayyi, ka ana erge isa malee ani aangoo kiyyaan hin dhufinne.


Yesus'llee gara isaanii dhiyaateeti akkana isaaniin jedhe, «Aangoon marrinuu sami'ii fi arddi'itti'llee naaf kennamee jira,


«Waaqinni waan maraa aangoo isaa jala taasiseefii jira» ka jedhu, barreeffamee jira, garuu, «Wonitti marrinuu aangoo isaa jala ta'ee jira» yoo jedhamu, waan maraa aangoo isaa jala ka isaa taasiseef Waaqa Abbaa hin dabalatu.


«Eegaa kana ka isin fannifttan Yesusiin, Waaqa Goofta'aa fi Masihicha akka isa taasiseen, ummanni Israa'eelii marrinuu qajeelatti haa beeku!»


Kunoo, yeroon Ayyaana Faasiikaa Yihudotaatiin durana ni ture, Yesus biyya lafaa kana dhiisee gara Waaqa Abba'aa yeroon itti deemu gayuu isaa ni beeke. Biyya lafaa kana ka jiran worra isaa isaan jaalatee ture, Haga muumme'ee titti'llee isaan ni jaalate.


Yeroo sanitti Yesus akkana ni jedhe, «Isiniin woliin yeroo muraasaaf ni tura, saniin duubatti gara ka ana ergee ni deema,


Ani garuu isa biraa waan dhufee fi inni'llee waan ana ergeef, ni beekaan.»


Sami'ii ka bu'e Ilma Namaa malee, gara sami'ii ka baye eennu'llee hin jiru.»


Waaqa ka argeen gonkumaa eennu'llee hin jiru, haa ta'u malee Waaqa Abbaa bira ka jiru, Ilmi isaa tokkochi qoftti ni ibiseen.


«Wonitti marrinuu Abbaa kiyya irraa naaf kennamee jira, Ilmi eennuun akka ta'e Waaqa Abbaa malee eennu'llee ka beeku hin jiru, akkuma kanaan Waaqinni Abbaan eennuun ta'uu isaa Ilma malee yookiin Ilmi isaa ibisu'uuf nama eeyyamuuf malee, ka bira'aa eennu'llee ka beeku hin jiru.»


Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Yoma ani waayee mataa kiyyaa ragaa baye'llee eessaa akka dhufe, garam'llee akka deemu waan beekuuf ragummaan kiyya dhuga'a, isin garuu eessaa akka dhufee fi garam'llee akka deemu, hin beekittan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite