Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 13:2 - Waadaa Haarawa

2 Yesusii fi barattoonni isaa'llee irbaata ni nyaatan ture, Ilmi Simoonii Yihudaan naminni biyya Keriyootii garuu Yesusiin dabarssee kennu'uuf, seexanni onnee isaa keessa yaada hamaa ni buliche.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

2 Uduu hurbaataa nyaata'aaran daabiloos onnee Yihuudaa ilma Simoon ka biyya Asqorootu'uu akka inni dabarsee isa kennu haga hubateen maayii,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Uduu hurbaata nyaata'aaran daabiloos onnee Yihuudaa ilma Simoonii biyya Keriyootii keessa akka inni dabarsee Isa kennu yaada hamaa kaaye.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 13:2
14 Referans Kwoze  

Phexiros garuu akkana ni jedheen, «Yaa Anaaniyaas! Hafuura Qulqulluu akka sobdduu fi gurgurttaa lafaa irraa'llee wolakkaa akka hanbifattuuf Sheexanni si taasise, maali'iitiif gara onnee keetii aseene?


Karoora isaa akka raawwataniif yaada kana onnee isaanii keessa ka kaaye Waaqa, kanaaf dubbiin Waaqaa haga raawwatamutti isaan yaada tokkotti wolii ni galan, aangoo nugusa ta'uu isaanii'llee bineenssichaaf ni kennan.»


Nu'u marri keennaa asiin durana isaan jiddu'utti fedha foon keennaatii fi yaada sammuu keennaa horddofa'aa hawwii foon keennaatiin ni jiraanna ture, akka kaanniinii'llee uumama keennaan dallansuu Waaqaa jala turre.


Haga ani isiniif yaadu Tiitoos'llee isiniif onne'een akka yaadu, Waaqinni taasise haa galatoomu.


Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Simoon! Simoon! Kunoo, akkuma qotee bulaan qamadii hafarssee ibbiqiin adda baasu, akkuma kana sheexanni isin hafarssu'uuf ni barbaade.


Yeroo sanitti barattoota isaa kudha lamaan keessaa tokko ka ta'e, Yihudaa nama biyya Asiqortu'uu titti Sheexanni ni gale.


Kanaaf bakka nyaataatii ka'ee uffata isaa lafa ni kaaye, subbee ittiin sukkuumu'llee fudhee hidha isaa titti ni hidhate.


Simoonii hinaaftticha Yesusiin dabarssee kennee fi, Yihudaa nama biyya Keriyoot.


Yesus, «Isin marrinuu Qulqullu'uu miti» ka jedhe, ka dabarssee isa kennu eennuun akka ta'e, ni beeka waan tureef.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite