Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 12:1 - Waadaa Haarawa

1 Ayyaannni Faasiikaa Yihudotaa kabajamu'uuf guyyaan jahaa yoo hafuun, Yesus gara Bitaaniya'aa ni deeme, Bitaaniyaa Alaazaariin Yesus du'aa isa kaaseen, ganda keessa jiraatu.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

1 Faasika'aan dura guyyaa jahaffa'atti Yesuus gara Alaazaariin ka inni du'aa kaasee gara Biitaaniya'aa dhufe.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Faasikaan gayu'uuf guyyaan jahaa yoo hafu Yesuus gara Biitaaniyaa Alaazaariin inni du'aa kaase keessa jiraatuu dhufe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 12:1
13 Referans Kwoze  

Kanaan duubatti Yesus barattoota isaatiin magaalaa Yerusaalemiitii isaan baasee haga Bitaaniya'aa isaan ni fide, achitti'llee harka isaa diriirssee isaan ni eebbise.


Yeroo ayyaanaa titti'llee sagadu'uuf gara Yerusaalemii namoota deeman jiddu'uu, Giriikonni tokko tokko ni argaman ture.


Ayyaanni Yihudotaa ka Faasiika'aa dhiyaatee jira ture, namoonni baayi'een'llee Ayyaanni Faasika'aa uduu hin gayiniin duranatti, mataa isaanii qulqulleessu'uuf bakka maraa, gara Yerusaalemii ni bayan,


Bitaaniyaa ka jiraatu nama Alaazaar jedhamu tokko dhukkubsatee jira ture, Bitaaniyaan Maariyaamii fi obboleettiin isi'ii Maaritaan ganda keessa jiraatan turtte.


Isaan dhiisee'llee magaala'aa bayee, gara ganda Bitaaniyaa jedhamttuu ni deeme, achi'llee ni bule.


Alaazaariin du'e harkaa fi miilli isaa'llee wonittoota ittiin kafanamaniin akkuma kafanamanii jirantti awwaala keessaa ni baye, fuulli isaa'llee akkuma subbeen itti marameen jira ture, Yesus'llee, «Hiika'aatii dhiisa'aanii haa deemuu!» isaaniin jedhe.


Yesus'llee Yerusaalemiin yeroo gayetti gara Mana Waaqeffanna'aa ni aseene, waan naannaya jiru mara'llee ni laale, guyyaan'llee dhiyee waan tureef barattoota isaa kudha lamaan woliin, Yerusaalemiin keessaa bayee gara Bitaaniyaa ni deeme.


Magaalaa san keessa'llee dubarttii cubbamittuu takkatu jira ture, isiin'llee Yesus mana Farsichaa titti laaqanaaf afeeramuu isaa yeroo dhageettetti, shurrubbee alibasxiroosii ka shittoon itti guuttame qabattee, ni dhuftte.


Yesus kana eega dubbateen duubatti, «Alaazaar! Koottuu bayi!» jedhee, qooniqqa ol aana'aan ni dubbate.


Yeroo sanitti Yihudota keessaa baayi'eewwan Yesus Bitaaniyaa akka jiru beekanii ni dhufan, ka dhufan'llee waayee Yesusii qofaaf uduu hin ta'in, Yesus du'aa ka isa kaase Alaazaariin'llee laalu'uuf ture.


Guyyaa itti aanutti'llee namoonni ayyaana Faasiika'aatiif dhufan baayi'een, Yesus gara Yerusaalemii ka dhufu ta'u isaa ni dhagayan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite