Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 11:4 - Waadaa Haarawa

4 Yesus'llee kana yeroo dhagayetti, «Dhukkubissanni kun du'aan ka gayuu miti, garuu ulfinna Waaqaatiif akka ta'uu fi Ilmi Waaqaa'llee waayee kanaan, akka kabajamuuf» jedhe.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

4 Yesuusillee dhagayee, «Dhibeen kun akka Ilmi Rabbii ittiin ulfaatuuf, ulfinna Rabbiitiif malee ka ajjeesuu miti» jedhe.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

4 Yesuus dhagayee, «Dhibeen kun akka Ilmi Rabbii ittiin kabajjamuuf; kabajjaa Rabbiitiif malee ka ajjeesuu miti» jedhe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 11:4
20 Referans Kwoze  

Yesus'llee, «Yoo amante ulfinna Waaqaa ni argita siin jedhee hin turree ree?» jedheen.


Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Naminni kun jaamaa ta'e ka dhalate, cubbuu isaa yookiin cubbuu maatii isaatiinii miti, garuu hujiin Waaqaa isaan akka mulidhatuuf.


Waayee maqaa Kristositiif yoo arrabisamittan Hafuurri ulfinnaa jechuun, Hafuurri Waaqaa isin irratti waan ta'uuf, gammadaa.


Kana'llee ka raawwate namoonni marrinuu akkuma Waaqa Abbaa kabajjan, akkuma kana Ilma'llee akka kabajaniif, Ilma ka hin kabajine, Ilma ka erge Waaqa Abbaa hin kabajuun.


Yaa Abbaa! biyyi lafaa uduu hin uumaminiin duranatti, ulfinna si woliin ni qaba tureen, amma'llee ufi biratti ana kabaji.»


Yesus'llee kana baasa jalqaba baasota maraa ka ta'e kana, arddii Galiila'aa magaalaa Qaana'aa titti ni taasise, bifa kanaan'llee ulfinna isaa ni muldhise, barattoonni isaa'llee isatti ni amanan.


Ka barsiisu akka waan dubbii Waaqaa barsiisuu titti haa barsiisu, ka tajaajilu'llee huminna Waaqinni isaa kennuun haa tajaajilu, bifa kanaan'llee Waaqinni karaa Yesus Kristositiin waan maraanuu ni galateeffatama, ulfinnaa fi angoon, baraa haga baraa titti'llee isaaf haa taatu, Ameen.


Dhugamaanuu akka hin saalifachiifnneef abddi'iin ni eeggadha, garuu akkuma yeroo mara raawwdhuu fi adha lubbu'uun yoo jiraadhe yookiin yoo du'e, Kristos qaama kiyyatti ni kabajama jedhee, uggiinssaan ni dubbadha.


Yesus kana eega dubbateen duubatti ol jedhee gara sami'ii laala'aa akkana ni jedhe, «Yaa Abbaa! Kunoo saa'aatiin gayee jira, Ilmi kee akka si kabajuuf Ilma kee kabajiin,


Sababa kanaan namicha jaamaa ture deebi'anii waamanii, «Ati dhugaa dubbachu'uun Waaqa kabaji, naminni kun cubbamaa ta'uu isaa nu'u ni beekinnaa» jedhaniin.


Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Ani mataa kiyya yoo kabaje kabajaan kiyya gatii hin qabaatu, ka ana kabaju Abbaa kiyya, inni'llee, ‹ka isin Waaqa kenna› jettaniin.


Mee irra deebi'ee si haa gaafadhuu, Yihudonni ka kufan deebi'anii akka hin muldhanne ta'aniiti moo? miti! sababa balleessaa Yihudotaatiin ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne fayyinna ni argatan, kun'llee ka ta'e Yihudonni ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannetti akka hinaafan taasisu'uuf.


Kiyya ka ta'e marrinuu keeti, kee'llee ka ta'e kiyya, ani'llee isaaniin ni kabajama.


Yaa Abbaa! Maqaa kee kabajiin!» Kanaan duubatti, «Maqaa kiyya kabajeenii jira, akkuma kanaan'llee ni kabajaan!» qooniqqi jedhu, sami'ii ni dhufe.


Amantiin keessan fi abddiin keessan Waaqaan akka ta'uuf karaa Yesusiitiin isa du'aa ka kaasee fi ulfinna ka isaa kenneen, Waaqaan ni dhaadattan.


Jireenna keessan ka bifa kanaatiin Yesus Kristosiin irraa ka argamu firii qulqullaayinnaatiin ka guuttame ta'ee, ulfinnaa Waaqaatii fi galata, worra argamisiifttan ni taatan.


Hujii Abbaa kiyyaa ka hojjadhu yoo ta'e garuu, yoma anatti'llee amanuu dhabaattan'llee hujii kiyyatti amanaa, bifa kanaan Waaqinni Abbaan ana keessa akka ta'ee fi ani'llee Waaqa Abbaa keessaan akka ta'e, midhaastanii ni beettan» isaaniin jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite